“Amala kana ofirra dhiisuu qabdan
Nama Rabbiin Kennaa Adda keennefitti hin hinaafina hadaraa‼️
Nama nama milkaa’etti hinaafu hin ta’in yoo dandeeyse daandii nama sun milkitti geesse barbaadi yoo qajeelte daandii sirrii hin dhabdu qajeeluu baattu, daandiin siif hin qajeelu yeroo hunda kee qofaatu keeti kan namaa hawwuun diliidha Maaliif diliidha,
Rabbiitu kenneefii wallaalte siifis isumaatu kennaadha wallaalte, nama inni kenneefiif quudhuu didde.
#Hubadhuu:
Siyaasa Beekuu fi Siyaasa Tilmaamuun Gargari.
Warri siyaasa beekhu, bu’aa isii arga. Warra siyaasa tilmaamu, miidhaa isii qofaatu itti mul’ata.
Dhibeen hamaan siyaasa tilmaamuudha. Warri siyaasa tilmaamu, osoo humaa hin jalqabin hiraara. Kanaaf dursanii uffata kheeysatti maraatu. Komiidhaan jalqabanii, waywaataan itti fuufanii boo’ichaan maranii maraatuu khalaqu.
Warri siyaasa beekhu yeroo mara tasgabbaa’oodha. Dursanii bu’aa siyaasni qabu waan beekhaniif ofitti amanu. Fakkeenyi namoota akkasii Dr.Abiy dha.
Yoo tilmaamni siyaasaa si hubee jiraate, qorichi kee warra siyaasa beekhu bira jira. #Of_dhaqqabi.
Waan jibbite jibbuu kee yoo taate malee akkaan jibbu natti hin himin. Ulaagaan na jibbisiisu jiraatu malee hin jibbu.
Waan jaalattees jaalachuu kee yoo taate malee akkaa jaaladhu na hin gorsin. Ulaagaan na jaalachiisu guutamu malee hin jaaladhu.
Nun wareersinaa jechuu kheenya!