Namootaan_Marfamuun cidhaaf qofa miti!
Danuun boodakee hiriiree harka walitti siif tumaa sababa jiruuf qofa daandiin ati irra deemaa jirtu kan daba hin qabne jettee itti fufiinsaan utaalta taanaan, harki qilleensatti olka’ee jabinakee siif faarsu kun kallattii jijjiirrachuun gara mataa siif qabatee faallaa durii ammammoo siif gadduutti deebi’a! Yookaan immoo jibba siif kuusuun si qircaccuuf dabaree walsaama.
Sagaleen dur hamilee siif kennuun akka goommaa qilleensaan guutee jiruutti si obomboleettessaa ture amma sagalee gurrakeef yaaddoo lallaban ta’eetu gurra si qabachiisa!
Gaafasigaa miixuu firii hin argamsiisne miixachuun! Ilkaan gaabbiin hidhii of ciruun! Kanaaf yaa qaxaleekoo gaafa daandii sirrii irra jirtu sana, akka nama riqicha galaana naacha qabu irra qaxxaamuraa jiruutti of yaadi! Bilchinaan…..! Kanaan achi ilkaan naachaaf kaadhimamta!!🙏🙏
Haala fokkotaa keessa wayta jirtutti, waan dubbachuu hin qabne jechi fokkataan afaanii sin bahin.
Maalif seete.. Haala keessa jirtu jijjiiruu ni dandeessa, jechi garuu takka afaanii si bahe taanaan.. Khalaas.🙏🙏
MOO’AMEE HIN GALU….⁉️
moo’insi jijjiiramaaf ofirratti finciluu irraa dhufa. Hedduun keenya jireenyi maaf nutti ulfaate? jireenyi maaf nutti jijjiirame?jennee deebii hiibboo hin qabne of gaafanna. garuu kan gaafii ta’uu qabu, jireenyi maaf nutti ulfaatee osoo hin taane, nuti maaf jireenyatti salphanne? jireenyi maaf nutti jijjiiramee osoo hin taane nuti maaf of jijjiiruu dadhabne? kan jedhu ta’uu qaba ture….. 🙏🙏
🏃♀️Haalli amma keessa jirtu xumura imala jireenya keetii miti. Yeroodhaaf Gammachuu ykn Gadda keessa jiraachuu dandeessa.
Sun haala yerooti.
Gammachuu keessa jiraattu Gammaddee ofhin irraanfatin.
Gadda keessa jiraattu keessaa hin bahu jettee ofhin dhiphisin.
Gaariin Caalu dhufuuf jiraachuu amani, ofqopheessu……🙏🙏
Jireenyi kun qormaata cimaadha.
Namoonni hedduun ni kufu, Sababnis namoota biroo irraa copy godhuu waan mokaraniif,
garuu isaanif hin galle namni hundi waraqaa gaaffii Adda addaa akka harkaa qabu.
Yaadanii Abdii Amin
