Design a site like this with WordPress.com
Get started

Xumura Dubbii🇪🇹❤️

Adwaan kennaa qaalii hunda keenyaan dhugoomeefi hunda keenyaaf kenname waan ta’eef akka faaya gati-jabeessaatti ija mararsiifannaatiin ilaalla. Wantoota hedduudhaan hidhata dhabuu dandeenya; Adwaan wadaroo ta’ee walitti nu hidha! MM Dr Abiy Ahmed Ali

Abiy Ahmed Ali

Makmaksaa Oromoota❤️

MAMMAAKSA OROMOO 

❤️. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu.

. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.

. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte.

. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe’atan.

. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se’a.

. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti.

. Gowwaan farda ergisaatiin boona.

. Hoolaan gaafa qalame samii arga.

. Hammaaranis hammaatanis dhuma hin ooltu.

. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata.

. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.

. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta’u.

. Ijaa fi saree ganda hin lagan.

. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe.

. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu.
.”
.
Itti fufa…

Ergaa dabalataaf
https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/   Facebook Page keenya Follow Like Share godhuu hin dagatinaa❤️


  

https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09. Twittera keenya Follow godhaa.

https://youtube.com/@AbdiAminBakar?sub_confirmation=1 Youtube Channeli Keenyas Subscribe Nuf godhaa. ❤️

Maddaa Odeeffannoo
Linkiwwan Arman Gadii Hunda Like Follow Share godhaa

Facebook: https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Telegram: @abdiaminbakhar
https://t.me/abdiaminbakhar

Twitter: https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09

Linked:https://www.linkedin.com/in/abdi-amin-bakar

Instagram:
https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

Flipoard: https://flipboard.com/@abdiaminbakar1?from=share&utm_source=flipboard&utm_medium=share

Medium: medium.com/@abdiaminbakar

Tiktok: tiktok.com/@abdiaminbakhar

Youtube: https://youtube.com/@AbdiAminBakar?sub_confirmation=1

VK : https://vk.com/abdiaminbakar

Website: https://abdiaminbakar.wordpress.com

Check out Abdi Amin Bakhar on #SoundCloud
https://on.soundcloud.com/rCEka

Galatoomaa Like Follow Commenti

Makmaksa Oromoota

https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

https://youtube.com/@AbdiAminBakar

https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09

Jireenya Addunya kana Keessatti, Namoota Rakkoo Namootattii Bashananan( ራክኮኦ Hirayyaatti Rahaa gochuu barbaadan Rabbin Isin irra haa qabuu

Jireenyi qormaata obsun furmaata.

https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09

Bishaan boora’e iddoo tokkotti utuu hin taliila’in hin darbu!!
Wallaansoon jireenyaa addunya dirree diriiraa qofarratti falmii taasisuun abjuudhan. Hin ta’u, jireenyi diraamaa akkasii hin qabdu, hin qabaattus. Tabba ol yaabuun, hallayyaa gadi bu’uun filannoo jireenyaa otoo hin taane dirqama jireenya dachee burraaburree tanaati.
Erga gara dachee tanaatti affeerramanii, isa dhama mi’aawaa qabus, kan hadhaawus arraba tokkoon dhandhamuun ulaagaa jireenya addunyaati.
Bishaan boora’e iddoo tokkotti uutu hin taliila’in hin darbu kanan jedheef waa malee miti. Mee gara jireenya dhuunfaa keenyatti maqsinee haa ilaallu. Dhalli namaa fedha danuu qaba. Fedha dhala namaatti daangaa sararuun hin yaadamu.
Haa ta’u malee yeroo murtaa’aa keessatti kaayyoo daangaa qabeessa akka qabaatu wal nama hin mormisiisuu.
Kaayyoo isaa bira qaqqabuf eenyuyyuu hanga humnaa fi beekumsa isaatti ni carraaqa. Garuu lafa kaayyoo sana ga’uuf diraamaa heddu keessa darbuun dirqama. Egaa! Diraamaa kanatu bishaan laga keessa yaa’un wal nu fakkeessa, boora’uun jira, taliila’uunis jira.
Xurree mana kaayyoo keenya geessu irraas taatota imala keenya gufachiisan danuutu jira. Taatota yoon jedhu rakkoowwan ykn danqaawwan akka nuti hin milkoofnef nu sakaalan ibsuu barbaadeni. Baayyeen keenya diinota rasaasa nutti roobsan kana keessa darbuun nutti ulfaata.
Akkuma kan rasaasni rukute qaamni isaa madaa’u, yeroo qormaatileen jajjaboo akkasii nu mudatan abdii kutachuudhaf harka laanna. Rasaasni lubbuu namaa dabarsa Garuu jireenya keessatti lubbuun darbuun, kufanii ka’uu dadhabuudha.
Qomoo Koo! Hanga yoonaa daandii heddu darbitee as geesse ta’a isa dabarsite caala gara fuulduraattis daandin walxaxaan akka si eeggatu hin irranfatin. Bishaan boora’e iddoo tokkotti uutu hin taliila’in hin darbu akkuman siin jedhe imala kaayyoo keetif taasiftu keessatti wanti heddu si qunnamus guyyaa tokko ni taliila’a. Akka taliila’uuf ammoo miiltoo sadan kan qabaachuun  sirraa baayyee barbaachisa.
Qomoo koo! Kanaaf hundu ni darba atis ni injifatta akka injifattuuf garuu ofitti amani.!!
#Daandii_lama!!
Wanta keessa jiraattutti, wanta keessa kee jirutti milka’uu yoo feete dursa yaada keessake jiru jijjiiruu qabda.
Namoonni lama yeroof haala walfakkaatuun daandii wal fakkaatu irra ni deemu, garuu bu’aa isaan argatan wal hin fakkaatu. Kun maalif jettee yaaddee beektaa? Xiyyeeffannoo ati jireenyaf daandii kee irratti gootu milka’ina keetiif ga’ee guddaa qaba. Yaada milka’aa qabachuun wanta hojjennu milkaa’inaan akka xumuruu nu godha. 
Namoonni yaada sirrii qaban rakkoo isaa mudatu kamiif iyyuu haala salphaan furmaata ni argatu, faallaa kanaan immoo kanneen yaadni isaanii sirrii hin taane kuufatiif haala salphaan saaxilamu; kufaatiin isaanii faana isaanii jala jiru.
Yeroof haala kamiin keessatti yaada sirrii qabachuun daandii milkaa’ina keenyaati. kanaaf sammuu milkaa’aa guddifachuun immoo faana keenya jalqabaatii. Sammuu Milkaa’aa guddifachuu Sababa moo Bu’aa? Mee ilaali…irra deebi’i of ilaali? jireenya amma jiraataa jirtu kanatti gammaddee jirtaa…? Kaleessaas hara’as  jireenya kee kana jijjiiruuf daandii wayii jalqabdetta ta’a, hara’as daandicha qabattee jirra ta’a, yookin immoo ati hanga hammaa jireenya kee jijjiiruuf tarkaanfii tokko illee hin fuune ta’a. Jireenya kee keessatti rakkina sirra jiru jijjiiruu ni barbaddaa…?Deebiin kee eyyeen yoo ta’e waliin haa nyaannu..!!  Ani gammadaadha!! Ani guutummaa guutuutti gammadaadha ofiin ni jettaa…? Baay’een keenya akkas hin Jennu, sababiin isaa immoo nuti wanta nu gammachiisu hin filanne, filachuus hin dandeenye.
Yoommuu waa’ee milkaa’inaa yaaddu fakkiin sammuu kee keessatti bocamu gammaachuuf milkaa’inni qaama tokko kan miidhaa hoomayyuu hin qabnedha jechuu dandeessa.
Tarii nuti gara fuula duratti hojii gaarii, mana, daa’ima, galii fi konkolaataa nuti argannu gammachuu uumu jechuu dandeenya. Haata’u malee ilaalchi akkasii jijjiiramuu qaba. Meeshaas ta’e namoonni gammachuu nuuf uumuu hin danda’an.

Breaking

Waliigalteen biyyaalessaa imala badhaadhina walootiif murteessaadha.


Dhalootni biyya isaa jaallatu hunduu dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta’an irratti walii galtee uumuun daran barbaachisaadha. Walii galteen biyyaalessaa kun dhimmoota siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi kanneen biroo irratti ilaalama waloo qabaachuu irratti kan xiyyeeffatudha.

Biyya ykn maatii tokko keessa akkuma yaadaa fi ilaalchi garaa garaa jiru, uummannis dhimma tokko irratti ilaalcha wal fakkaataa ta’e qabaachuu dhiisuu ni mala. Ta’us garaagarummaa jiru dhiphisanii dhimmoota biyyoolessaa bu’uura ta’an irratti akkaataa faayidaa biyyaa mirkaneessuu danda’uun waliin hojjachuun murteessaadha.

Sadarkaa biyyaatti dhimmoota gurguddoo walii galteen uummataa irratti hin uumamin adda baasuudhaan sirreessaa ilaalchaa fi walii galtee walootis dagaagsaa adeemuun gahee dhaloota har’aati.

Imala jijjiiramaa akka biyyaatti eegalame ariifachiisuudhaan badhaadhina waloo dhugoomsuudhaaf garaagarummaa caalaa tokkummaa fi obbolummaa cimsuun barbaachisaadha. Dhimmoota biyyaalessaa irratti wal hubannaa fi walii galtee uumuu danda’uun keenya ammo imala eegalametti humna dabaluudhaan mul’ata keenya dhugoomsuuf shoora guddaa ta’e taphata.

Sochiin marii waliigaltee biyyaalessaa uumuuf akka biyyaatti eegalame lammiilee gidduutti dhimmoota ka’umsa wal dhabdee ta’anii fi wal hubannaan irratti hin uumaminiif furmaata kennu kan kaayyeffate yemmuu ta’u, mariin kun yeroo fi sagantaa kaa’ameen akka gaggeeffamuu fi milkaahu goochuu keessatti lammiin hunduu gahee irraa eegamu bahachuu qaba.

Injifannoo waraana Adwaatiin duubatti gumaachi dubartootaa ol’aanaa ture.Adwaan injifannoo gurraachota hundaati. Guyyaan kun guyyaa seena qabeessa kan eenyummaa Afrikaanotaa addunyaatti agarsiise seenessa badaa ta’es sirreessee barreessedha.

Injifannoo waraana Adwaatiin duubatti gumaachi dubartootaa ol’aanaa ture.

Adwaan injifannoo gurraachota hundaati. Guyyaan kun guyyaa seena qabeessa kan eenyummaa Afrikaanotaa addunyaatti agarsiise seenessa badaa ta’es sirreessee barreessedha.

Adwaan hirmaannaa fi tokkummaa sabaa fi sablammoota biyya keenyaa hundaan kan argamee yemmuu ta’u, keessattuu goototni Oromoo hedduun obbolaawwan isaanii waliin kutaawwan waraanaa adda addaa hooggananii injifannoo seenaan hin daganne galmeessuun diinota Itoophiyaa qaanessanii Afrikaatti maqaa gaarii horaniiru.

Injifannoon kun lammiilee biyyattii garaagarummaa tokko male kan hirmaachise fi kutaaleen hawaasaa garaa garaa tokkummaan qooda kan irratti fudhatan yemmuu ta’u, milkaahina dirree waraanaa irratti galmaahe kanaaf gumaachi dubartootni biyyattii taasisan ol’aanaadha.

Dubartootni humna waraanatiif galaa qopheessuu fi kanneen rukutaman yaaluu irratti bal’ inaan hirmaachuun gamatti akka caasaa odeeffaannoottis tajaajiluun milkaahina kanaaf gahee guddaa bahataniiru.

Haa ta’u male gaheen dubartootni waraana Adwaa keessatti qaban sadarkaa gumaacha isaaniitiin hin dubbatamne, hin himaamne. Kana ammoo dhalootni har’aa seenaa kaleessaa sirnaan beekee, qoratee fi hubatee seenessa dhugaa gumaacha aarsaa dubartootaan wal madaalu dhalootaaf dabarsuun murteessaadha.

Dubartootni naannoo fi biyya keenyaa nageenyaa fi misoomaa biyyaa mirkaneessuu fi birmadummaa isheetis tiksuu keessatti kaleessaa hanga har’aatti shoora guddaa taphachaa jiru.

Akka waliigaalaatti ummaatni Oromoo fi dubartootni keenyaa tokkommaa, gootummaa fi kutannoo waraana Adwaa keessatti mul’ate har’as hiyyuummaa seenaa gochuun imala gara badhaadhinaatti ce’uuf eegalle keessatti gumaacha itti fufiinsa qabu bahachuun daran murteessaadha.

Mabraat Baacaa
I/G Liigii Dubartootaa Partii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

#Maddaa_Odeeffannoo
Linkiwwan Arman Gadii Hunda Like Follow Share godhaa

Facebook: https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Telegram: @abdiaminbakhar
https://t.me/abdiaminbakhar

Twitter: https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09

Linked:https://www.linkedin.com/in/abdi-amin-bakar

Instagram:
https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

Flipoard: https://flipboard.com/@abdiaminbakar1?from=share&utm_source=flipboard&utm_medium=share

Medium: medium.com/@abdiaminbakar

Tiktok: tiktok.com/@abdiaminbakhar

Youtube: https://youtube.com/@AbdiAminBakar?sub_confirmation=1

VK : https://vk.com/abdiaminbakar

Website: https://abdiaminbakar.wordpress.com

Check out Abdi Amin Bakhar on #SoundCloud
https://on.soundcloud.com/rCEka

Galatoomaa Like Follow Commenti

Magaalaa Shagger

Magaalaan Shaggar magaalaa akka kaleessaa qonnaan bulaan irraa buqqa’uufi dhiibamu miti; kan keessatti misoomudha”, #Obbo_Shimallis_Abdiisaa, PMNO

Uummanni Oromoo sirnoota darban keessatti aarsaa hedduu kaffaleera. Hacuuccaafi rakkoo samii gadii hunda baatee dandamachuu danda’eera. Sirnoonni darban fedhii isaanii sadarkaa barbaadamuun bakkaan gahachuuf jecha dhiibbaa hangana hin jedhamne uummata Oromoo irraan gahaa turaniiru.

Uummaanni Oromoo uummata cimaa obsa qabu ta’uu fi kutannoof murannoo qabuun jaabaatee Aadaaf duudhaa ofii qabatee tokkummaan injifannoo tokko irraa gara tokkootti ce’uun har’a gaheera. Sirnoota darban kessatti yeroo Magaalaan Finfinnee hundeeffamtu uummata Oromoo abbummaa isaaf malu kennuu mitii ollaa godhachuufis fedhii kan hin qabne ta’uu irraa kan ka’e dirqamaan lafaaf qabeenya isaa irraa buqqisuun bittinneesseera.

Hata’u malee, uummanni bakka jirutti Aadaa, duudhaa fi seenaa isaa hanga danda’uun galmeeffachuun kunuunsee qabatee dhaloota dhaalchisuu danda’eera. Hundeffamni Magaalaa Shaggar boqonnaa seenaa isa guddaa fi isa bu’uuraati. Qabsaa’onni kaleessa qabsoo hadhaawaa gaggeessuun uummanni Oromoo ijaarama tokko, giddugala tokko akka qabaatuuf hojii boonsaa hojjetaniiru. Gaaffiin lafaafi kanneen biroo  akka deebi’aniif gaheen qabsaa’ota Oromoo akka laayyootti kan ilaalamu miti.

Magaalan Finfinnee akkuma kaleessaa iddoo Abbaa Muudaa ta’uun tajaajila turtetti Magaalan Shaggaris kan dhaloonni karra Shaniin seenee itti boqotu gochuuf hojjetamaa jira. Uummanni Oromoo waan namaa hin barbaadu kan ofii isaa irratti abbummaan jiraachuun seenaa, aadaafi duudhaa isaa tikfatee jiraachuu uummata barbaadudha.

Hundeeffamni Magaalaa Shaggar inni guddaan Finfinnee tiksuu fi uummata Oromootiif utubaa dinagdee, utubaa hawaasummaafi siyaasaa Oromoo  ta’uun tajaajiluudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalaan Shaggar karaa guutuu ta’een uummata Oromoo akka tajaajiltuuf bajeta ramaduun humna namaa ramaduu fi hooggansa kanaaf barbaachisu ramaduun tajaajilli sirnaawaan akka jiraatuu fi saayinsiif teknoloojiin misoomsuuf  kallattii addaatiin kan hojjetu ta’a.

Qonnaan Bulaan Naannawaa Magaalaa Shaggar kan akka kaleessaa irraa buqqa’uufi dhiibamu osoo hin taanee kan keessatti misoomuufi keessatti of jijjiirudha. Lafa gurguruun Lafee gurguruu, seenaa gurguruu, eenyummaa gurguruu ta’uu hubachuun lafa irratti hojjechuun misooma olaanaa fiduuf hunduu hojjechuun murteessaadha. Taatewwan waggoottan arfan darban keessatti Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman agarsiiftuu jijjiirama amma mul’achaa jiruuti. Injifannoo Itoophiyaa gara caalutti ceesisuuf injifannoon Oromiyaa cimuun murteessaa ta’uun hubatamee hunduu gahee isaa bahachuu qaba.

Maddaa Odeeffannoo
Linkiwwan Arman Gadii Hunda Like Follow Share godhaa

Facebook: https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Telegram: @abdiaminbakhar
https://t.me/abdiaminbakhar

Twitter: https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09

Linked:https://www.linkedin.com/in/abdi-amin-bakar

Flipoard: https://flipboard.com/@abdiaminbakar1?from=share&utm_source=flipboard&utm_medium=share

Medium: medium.com/@abdiaminbakar

Tiktok: tiktok.com/@abdiaminbakhar
Youtube: https://youtube.com/@AbdiAminBakar?sub_confirmation=1

Website: https://abdiaminbakar.wordpress.com

Galatoomaa Like Follow Commenti

Goota Kaleessa Yaadachun

Goota kaleessaa yaadachaa isa har’aa jabeessina!
= = = = = = = = = =
Biyyi keenya gootota danuu kaleessaafi har’aa qabduun utubamtee kabajamtee jiraachaa jirti. Kanaaf ammoo gootota kaleessaa yaadachaa isaan har’aas cimsinee utubuun seenaa haaraa galmeessaa deemuu qabna!

Har’as gootota akka Abbichuu qabaachuu keenyaatti boonuu qabna! Biyyi keenya Itoophiyaan waan gootota qabduuf garbummaa diduudhaan Adwaatti Injifannoo warraa Adii irraatti galmeessuun Afrikaaf Ifa Bilisummaa labsuu dandeesseetti.

Har’as Abbichuun Afrikaanoonni Gidduu seentummaa warra lixaa malee carraa isaanii ofiin akka murteeffataniifi Badhaadhina isaanii akka mirkaneeffataniif hojii hojjeteen milkaa’ina gonfateera. Kanaaf Gooticha Abbichuun Goota Injifannoo Adwaa lammaffaa bara kanaa yoo jenne nurraa hin fokkisu!

የፖለቲካ ንግድ#########ዳር ቆሞ የተሳሳተ መረጃን ለሰፊው መሐበረሰብ የማሰራጨት ተግባር ላይ ተሰማርተው የፖለቲካ ትርፍን በህዝብ ችግር ለማግኘት የሚዳረግ ጥረት በጣም አሳፋሪ እና ከስብዕና የራቀ የዘቀጠ ተግባር ነው።ሲሆን ሲቻል ችግሩን አብረን ቆመን እንፍታው ካልሆነም ለሚችል እናሳውቅ ወይም ዝም ማለቱ የሚችለው እንዲሰራ መንገዱን መክፈት ነው እና እሱን ለማድረግ ጠረት ማድረጉ ከታሪክ ተወቃሽነት ያድነናል።

የፖለቲካ ንግድ
#########

ዳር ቆሞ የተሳሳተ መረጃን ለሰፊው መሐበረሰብ የማሰራጨት ተግባር ላይ ተሰማርተው የፖለቲካ ትርፍን በህዝብ ችግር ለማግኘት የሚዳረግ ጥረት በጣም አሳፋሪ እና ከስብዕና የራቀ የዘቀጠ ተግባር ነው።

ሲሆን ሲቻል ችግሩን አብረን ቆመን እንፍታው ካልሆነም ለሚችል እናሳውቅ ወይም  ዝም ማለቱ የሚችለው እንዲሰራ መንገዱን መክፈት ነው እና እሱን ለማድረግ ጠረት ማድረጉ ከታሪክ ተወቃሽነት ያድነናል።