“Dhaamsa Xiqqoon Oromoo Hundaaf Dabarsuun Barbaada!!! “Kabajamoo Abbaa Duulaa Gammadaa
#Waggoota 27 Darbaniif,Oromoo Akka sabaattis ta’e Akka Dhaabatti sirna woyyaaneen midhaan Guddatu Nurra Gahaa turee.Akkuma Sabni Oromoon guddaan beeku,paartiin keenya Jijjiirama har’a Biyyattiin Argate Fiduuf qabsoo Guddaa geeggeessaa Ture,sirna woyyaaneen Dhiibbaa Guddaatu Nurra Gahaa turee,Hoggantoonni keenya hidhadhaa Hanga lubbuutti Aarsaa Gochaa Turan ,rakkoo kanaa hunda Baanee Garuu Guyyaa tokkoof woyyaaneef osoo Harka hin kennine,Qeerroo Oromoo ijaaruu ,Hayyoota Oromoo ijaaruu Fi Uummata Oromoo Hunda Qabsoo Karaa nagaa irratti Damaaqsuun,sirna woyyaanee keessa ta’un woyyaanee ofirraa Fonqolchuu Dandeenye Jirra .Diinaa Keenyaf Fira fakkaanne Qabsoo Uummata keenya Bilisummaan Xummuree Jirra .Haa ta’u malee Diinnii Dhiiga Sabaa Oromoo Dhuguu Bare,Daba ykn gantootaa Oromoodha ofiin jedhaniiti fayyaadamun,Oromiyaa Dirree Jeequmsa Gochuun,Dinagdee fi Siyaasaa keenya Dadhabsiisuun,Oromiyaa nagaa ishee jeequu Barbaada Jira.


Project kanaa Immoo woyyaaneen Warra ABO Shanee jedhaman kanaan Fayyadamtee Oromiyaa Dirree jequmsa gochuuf yaalaa Jirti.Oromoo shira fi project Diina Kanaaf daandii banuu Hinqabu,Hidda Ergamtoota woyyaanee ABO Shanee kanaa ofkeessaa ciruu Qabna.
Tokkummaa keenya barameen shira woyyaanee fi ergamoota ishee cabsuun Abbaa Biyyummaa Qabsoo Uummata Oromoo Hundaan Arganne Tifkachuun,Dirqama seenaa ta’a!
Aarsaa Qeerroo ,Qarree ,Hayyoota fi Hooggantoota Oromoo Dagachuu Hinqabnu!!
TOKKUMMAAN Iccitii Injifannoo Keenya ttii!!.
Horaa Bulaa!!