Design a site like this with WordPress.com
Get started

Bultiin Namoota Baayye Maalif Diigamti Beektu? Sirritti Dubbasati Hubadha

๐๐ฎ๐ฅ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐๐š๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐š๐š๐ฅ๐ข๐Ÿ ๐ƒ๐ข๐ข๐ ๐š๐ง๐ญ๐ข๐ข ๐๐ž๐ž๐ค๐ญ๐ฎ
๐–๐š๐ง๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐ฅ๐ญ๐ข๐ข ๐๐š๐ฆ๐š๐š ๐ƒ๐ข๐ข๐ ๐š๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐š๐ฌ๐ง๐ข๐ข

Akkuma beekkamu yeroo ammaa kanatti bultiin namoota hedduu yeroo diigamu ni agarra kan bultii hin qabatinis jaalallee isaanii waliin yeroo addaan bahan ni agarra garuu wanti kuni sababni isaa maali jennee of gaafannee beeynaa?

๐€๐›๐›๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐‡๐š๐š๐๐ก๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐‰๐ข๐๐๐ฎ๐ฎ ๐‡๐š๐ซ๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ ๐Š๐ฎ๐ง ๐˜๐จ๐จ ๐‰๐ข๐ซ๐š๐š๐ญ๐ž ๐‘๐š๐ค๐ค๐จ๐จ ๐†๐ฎ๐๐๐š๐š ๐…๐ข๐๐š๐š?

  1. ๐˜๐จ๐จ ๐–๐š๐ฅ ๐‹๐จ๐ฅ๐š๐ง ๐–๐š๐ฅ ๐‚๐ฎ๐Ÿ๐ฎ๐ฎ?

Jaalala keessaatti wal loluu ykn mufachuun waanuma jiru haa taโ€™u garuu namoonni tokko tokko lola isaanii walitti dubbachuudhaan baafatu. Abdi Amin Bakar

Kun immoo walcufaniitti eenyu akka dura haasofsiisu akka adurreef hantuutaa waleeggatu. Abbaan dura haasofsise
gadaantummmaadha jedhanii yaadu. Kanaaf yoo wal lolan walcufuun amala taanaan hammuma wallolan jaalalli badaa deema.

Sababa lolaa osoo hin taane sababa WAL CUFUU! Kanaafuu wal hin cufiinaa.

  1. ๐’๐š๐ฆ๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐ฆ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐–๐š๐š ๐ƒ๐ฎ๐›๐›๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐˜๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฎ(๐Œ๐ข๐ง๐๐ซ๐ž๐š๐๐ข๐ง๐ )

๐’๐ก๐š๐ฆ๐š๐ซ๐ซ๐š๐ง tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku rabbi qofa.

Kanaaf waan namni tokko hin duubbatiin akkasitti yaadda ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa
kaaโ€™uun deemee deemee walitti buโ€™iinsa guddaa fida.

  1. ๐€๐›๐›๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง ๐๐š๐ฆ๐š ๐๐ข๐ซ๐š๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ƒ๐จ๐ซ๐ ๐จ๐ฆ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐ข๐ง๐š๐š.

๐€๐›๐›๐š๐š๐ง ๐Œ๐š๐ง๐š๐š kee nama biraadha, siif adda.
Kanaaf nama biraa waliin madaalsistee karaa kamiinuu
olaantummaa ykn gadaantummaa hin kenninโ€ฆ

  1. ๐€๐›๐›๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง ๐“๐จ,๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ก๐ข๐ง ๐˜๐š๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง๐š๐š?

๐€๐›๐›๐š๐š๐ง ๐Œ๐š๐ง๐š jaalalaan toโ€™atama ykn toโ€™atamti malee
qamaan toโ€™achuun dhumarratti lola fida.

๐†๐จ๐ซ๐ฌ๐š ๐๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐๐ก๐š

๐€kkuma beekkamu yeroo ammaa kanatti bultiin namoota hedduu yeroo diigamu ni agarra kan bultii hin qabatinis jaalallee isaanii waliin yeroo addaan bahan ni agarra garuu wanti kuni sababni isaa maali jennee of gaafannee beeynaa? Abdi Amin Bakar

๐„egaa wantoota qabatamaan bultii keenya yookan jaalallee keenyaan addaan nu baasuu dandahan qabxiiwwan 10 akka armaan gadiitti isiniif dhiheesse jira

  1. ๐‰๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ซ๐š๐š๐ฆ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š/๐‡๐š๐š๐๐ก๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š/๐ค๐ž๐ž ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ž๐ž๐ ๐ฎ๐ฎ

๐Šana jechuun jaalalleen tee/kee akka ati yaaddutti jijjiirama agarsiisuu dhabuu dandaha tahus garuu jireenya jaalalatiif si filattee/tee sitti dhufee jira waan taheef jijjiiramuu dhabde jettee yeroo hunda ilaalcha addaa sammuu kee keessatti uumuu hin qabdu yoo kana goote yeroo gabaabaa keessatti jaalallee/haadha/abbaa manaa tee/kee dhabuuf deemta jechuudha

2.๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐‡๐ฎ๐ง๐๐š ๐–๐š๐ฅ ๐Œ๐จ๐ซ๐ฆ๐ข๐ข ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐€๐ง๐š๐š๐ญ๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐š๐š๐ง๐ฎ๐ฎ ๐ช๐š๐›๐š๐š ๐ฃ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ž๐ž ๐€๐ฆ๐š๐ง๐ฎ๐ฎ

๐‡aalli kuni namoota hedduu biratti baayโ€™innaan mulโ€™ata namni walitti buโ€™uun waanuma jiru haa tahu garuu badii ufiitis beekanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha namoonni baayโ€™een yoo ufii badii qabaatanis badii ufii fudhachuun itti ulfaata yeroo wanti akkanaa irra deddeebiโ€™amee raawwatamu ammo wal jibbiinsatu dhufa dhuma irratti addaan bahiinsis dhufuu dandaha waan taheef yoo wanta kana raawwataa jiraatte ammumarraa jalqabii dhiisuuf yaali.

  1. ๐๐š๐š๐ฆ๐š ๐๐ข๐ซ๐š ๐‰๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง๐‰๐ข๐๐๐ฎ๐ฎ ๐’๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ?

Qabxiin kuni qabxii baayโ€™ee jabaadha namni kamiyyu hiriyyaa ni qaba akkasuma rakkina jaalallee/Abbaa/Haadha/mana isaa wajjiin qabu deemee hiriyyaa isaatti himuun akka hiriyyaan sun furmaata barbaaduuf ittiin mariโ€™achuun miidhaa guddaa qaba hiriyyaan kee nama ati amantu tahuu dandaha garuu ilaalcha hiriyyaan kee bultii keetiif qabu hin beeytu waan taheef rakkinni fedhes bultii kee keessatti yoo uummame obsaan haga dandeette ufumaa furmaata itti barbaaduutu isinif wayya

๐Œ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข ๐Ž๐Ÿ๐ข๐ญ๐ข ๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐š ๐€๐›๐›๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ญ๐ข ๐‡๐ข๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ?

๐ƒ๐ก๐ข๐ฆ๐ฆ๐ข ๐Š๐ฎ๐ง ๐‡๐š๐š๐ฅ๐š ๐’๐š๐ฅ๐ฉ๐ก๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ฎ๐ฅ๐ญ๐ข๐ข ๐“๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง ๐ƒ๐ข๐ข๐ ๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐š๐ง๐๐š๐š,๐š
Yeroo amma dhimma kanaatu Bultii namoota baayyee osoo Isaan wal jaalatani Abbootin(Maatiin) jidduu galuudhan Bultiin Diigama jirti.
Shammarran Yeroo Baayyee ,Iccitiii Yeroo Abbaa Manaa ofiti wajjin walitti Mifaatan ,Iccitti Abbaa manaa ishee hunda Maatii isheetif ,Himti Sobaafi dhugas wal keessa goote ,isheen Yeroo san of qubaa hin qabdu waan himaa jirtu kana,
Garu Dhimmi kun booda deemee deeme Enyu miidha?
Isheedhuma Mata ishiiti miidhaa? @Abdi Amin Bakar

Warri isii Waan isii Jaallatanif Hammeenya Abbaa mana ishee kan isiin itti himte san guutumatti fudhataniiti Gurbaa nama ykn abbaa manaa ishee Jibbaa deemaan,
Isheen immoo guyyoota muraasan booda Yeroo Arii san buufatte Irranfatte Duru abbaa mana ishee ijaan barbaadu egaltii,
Warri immo iddoo isheen duraan Icvitti hammeenya isaa kan isiirra dhagehan san keessa hin baanee,
Amma Dubbin hamtun iddoo tanatti haftee , Abbaan Manaafi Haati Manaa Dhimmicha xumuratan Enyuutu Warra keenya irra fixaa laata Hammeenyan ykn Iccitin ani guyya duraa Ariidhan warra keenyaati himadhe san jetteeti ammaa of yaadatti,
Kanaafu Dubartoonni Yeroo Ariidhan Mana Warra keessani Demtan Dhimma ykn Icciti Jireenyaa Abbaa manaa keetifi dhimma Bultii teessani Maatii keessanif Jarjartanii hin odeesinaa hadaraa.

Bultiin_Shamarran waa,ee Abbaa manaa ishee Dabarsite warra isheetifi hiriyyoota isheeti himtu ykn Hamattu Dhumti bultii sanii Addaan bahu qofa taatii .

Kanafuu Dubartoonni keenyaa dhimma kanarra sirritti of eegaa

Yeroo amma dhimma kanaatu Bultii namoota baayyee osoo Isaan wal jaalatani Abbootin(Maatiin) jidduu galuudhan Bultiin Diigama jirti

  1. ๐…๐ž๐ž๐๐ก๐ข๐ข ๐๐š๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐€๐ค๐ค๐š๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐š ๐…๐ž๐๐ก๐ข๐ข ๐‹๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐–๐š๐ฅ๐ข๐Ÿ ๐๐ž๐ž๐ค๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ

Inni kuni qaxii beekkamaadha bultiin keenya jaalala irratti kan hundaaye yoo tahe jaalalli wantoota heddu uf keessa qaba qabxiin kunis wanta jaalala keenya ijaaruu dandahan keessaa isa murteessadha kanaafuu wanta jaalalleen tee/kee jaalatu hunda kabajuu fii beektee godhuufii qabda waliin nyaachuu waliin dhuguu fi waliin ciisuu keessatti fedhii wal madaalaa tahe qabaachuu qabdan tokko tokko tuffachuu hin qabu

Namni kamiyyu hawwii fi fedhii mataa isaa qaba fakenyaaf yennaa haati manaa kee movie/film tokko ilaaltu ati alaa dhuftee fiilmii kana ilaaluu hin qabdu kan ani jaaladhu san waliin ilaalla jette remote harkaa fuudhuu hin qabdu yeroo saniif isheen waan si kabajjuuf tole jechuu dandeessi garuu fedhii fi hawwii ishee san waan eeguufii diddeef keessi ishee ni miidhama haalli akkanaa kuni irra deddeebiโ€™amee yoo kan uummamu tahe yeroo gabaaba keessatti si dhiistee akka deemtu shakkii hin godhin kanaafuu fedhii waliif eeguu keessatti uf eeggannoo cimaa godhuu isin barbaachisa

  1. ๐—๐ข๐ข๐ช๐ข๐ข(๐‡๐ข๐ฃ๐š๐š,๐‡๐š๐š๐ฅ๐จ๐จ/๐†๐š๐๐จ๐จ)๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐š๐›๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ?

Namoonni tokko tokko wanta yeroo tokko jirenya isaanii keessatti raawwatame hin dagatan fakenyaf abbaan manaa akka tasaa haadha manaa isaa yo kan rukutu tahe yeroo saniif yoo wal dhabanii booda inni dogogora ufii beekee dhiifama gaafates isheen yeroo hundumaa wanta uumame san hin dagattu irra deddeebitee kan guyyaa san ati narratti raawwatte san waan dagadhe hin sehin jettee abbaa manaa ishee mataa dhukkubsiti
Wantootuma Abbaan Mana yeroo waliin hasawan jechoota tokko tokko himeefi waajjin hasawani xabaatan san irraa deebite Dubbuma inni himeef san akka deebite isaan arraabsite
wanti akkanaa dhiira fi shamarran irraahis wanta eeggamu miti wanta jireenya namaa diiguudha waan taheef beektanii irraa uf eeguu qabdu

  1. Garaagarummaa isin lamaan jidduu jiru waliif kabajuu dhiisuu

Uumamni ilma namaa kan lafa tana irra jiraatu hundi akkuma bifa isaa wal dhaba dhalli namaa tokko dheera tokko gabaaba tokko qalโ€™aa tokko furdaa tokko diimaa tokko gurraacha tokko beekaa tokko wallaalaโ€ฆ Tahee waan uumameef wajjiin jireenya keessatti garaagarummaa jiru kana beekanii waliif kabajuutu barbaachisa abbaan manaa nama hin baratin yo tahe beekumsa gudda hin qabu yoo tahe haati manaa ammo nama beekkumsaan isa caalu yoo taate yeroo hunda akka inni wallaalaa tahetti isa ilaaluu hin qabdu akkuma olitti ibsuf yaale ilmi namaa kamiyyu guutuu tahe kan uumame hin jiru waan taheef hanqinna jiru waliif hubatanii garaa balโ€™atanii waliin jiraachutu barbaachisaadha

  1. ๐๐š๐๐ข๐ข ๐Š๐ž๐ž ๐€๐ฆ๐š๐ง๐ญ๐ž๐ž ๐…๐ฎ๐๐ก๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ?

Namni badii hin raawwanne hin jiru garuu yeroo hunda haadhuma manaa /abbaa/mana kootu waa balleessa jettee amanuu hin qabdu atis akka badii raawwattu dhaabattee uf ilaaluu qabda yeroo hunda haati manaa/abbaan mana kee akka dhiifama si gaafattu barbaaduu hin qabdu atis dhiifama gaafachuu qabda yoo badiin kee hin tahiniyyuu yeroo hunda wal mormuu irra ati dhiifama gaafattee jireenya keessan gara fuulduraatti akka deemu sababa tahuu qabda kanaafuu badii kee amanuun jireenya keessan fooyyessa akka deemu beektee yeroo hunda dhiifama gaafachuudhaaf qophaayuu qabda

  1. ๐–๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐Œ๐š๐ซ๐ข,๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ?

Jaarsaaf jaartiin eega wal fuudhanii mana kophaa keessa waliin jiraachuu jalqaban hiriyyaa,haadha,abbaa,obboleessa fi obboleettiillee wal malee hin qaban waan taheef yeroo hunda waliin mariโ€™achuun barbaachisaadha yaada fii karoora fuulduraa wanta yaadan walitti himanii waliin haasayuun jireenya namaa ijaara yoo abbaa manaa kee wajjiin hin mariโ€™attu yokan hin haasoytu tahe atis yaada ishee /isaa hubachuu hin dandeettu isheenis yaada kee hubachuu hin dandeettu waan taheef booda walirraa fagaachutu uumama walirra fagaachuun ammo addaan bahuudhaaf nama saaxila kanaafuu waliin haasayuun heddu barbachisaadha

  1. ilaalcha garagaraa qabaachuu

Ilaalcha garagaraa qabaachuun wajjiin jireenya keessatti miidhaa guddaa uumuu dandaha haa fakenyaf haati manaa yon kan Amaantti biro deeggartu tahe akkasuma abbaan manaa ammo yoo kan Amaantti biro deeggaru tahe isaan kun lamaanuu akka ilaalcha isaaniitti anatu sirrii dha jedhanii waan amananiif yeroo hunda dhimma kanarratti yo kan wal mornaa oolan tahe booda wal jibbiinsatu uumamaa deema isaan lamaanuu ilaalcha ufii gabbifachuu waan barbaadaniif diinas walitti tahuu malu kanaafuu haga dandahameen ilaalcha tokko qabaachuudhaaf yaaluu qabna

  1. ๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ ๐Š๐ž๐ง๐ง๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ก๐š๐›๐ฎ๐ฎ?

Yeroo waliif kennuun hedduu barbaachisaadha yeroo hunda sababa hojii fi wantoota garagaraatiin Abbaa manaa ufii dagachuun hin barbaachisu haati/abbaan manaa yeroo qabutti fayyadamanii fedhii walii wal gaafatanii yaada waliif guutuun barbaachisaadha. yoo kana hin tahin wal shakkiin uumammuu dandaha wal shakkiin immoo wanta jireenya namaa salphumatti diiguu dandahuudha.
Haati mana yeroo abbaan mana ishee bashaannaanu barbadeeti
Sababa umte akka abbaan mana arii keessa akka galu goochun barbachiisa miti.
Yoo akkas goota tahe amumaan of sirreesu qabdii

Waan dubbifataniif galatoomaa Odeeffannoon kuni yoo isin fayyade hiriyyoota keessaniif share godhaa?

๐…๐š๐š๐ฒ๐ข๐๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐Œ๐ข๐ข๐๐ก๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ข ๐ƒ๐ข๐ข๐ ๐š๐ฆ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข

๐๐ฎ๐ฅ๐ญ๐ข๐ข๐ง (๐€๐›๐›๐š๐š๐ง ๐Œ๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐‡๐š๐š๐ญ๐ข ๐Œ๐š๐ง๐š๐š )๐˜๐จ๐จ ๐€๐๐๐š๐ง ๐๐š๐ก๐š๐ง ๐„๐ž๐ง๐ฒ๐ฎ๐ญ๐ฎ ๐Œ๐ข๐ข๐๐ก๐š๐ฆ๐š?

Faayidaafi_Miidhaa obsaan dubbisaa

โ€ข Faayidaa nama si jaallatu tokoo gaafa inni sirraa adda bahe barta
โ€ข Nama dhugaan si jaallatu tokko irraa adda bahuuf sababa hin barbaadiin gaafa adda baatu ni miidhamta
โ€ขNama jaallattu tokko utuu qabduu isa irra dhaabattee kan biraa hin barbaadiin jaalalli cubbuudhaatii
โ€ข Erga nama tokko wajjin sin jaalladha jettee waliif galtee yoonni si gane malee ati isa hin ganiin, atis bor ni ganamtaatii

โ€ข Naadhuu nyaadhuu gara firakeetti garagalii liqimsi akkuma jedhamu , Nama jaallattuuf nyaadhu malee isa hin nyaatiin ykn ishee hin nyaatiin
โ€ข Jaallatanii hin godooman waaqatu akka fedhetti nama uuma akkuma jedhamu, waan taateef waan kessa jirtitti hin gaddiin carraatu namaaf keennaatii
โ€ข Bishaan yaa’aa bulee kan namaaf qabe waraabbatu akkuma jedhamu, kun na darbe sun na darbe jettee hin gaddiin addunyaan iyyuu geengoo waan ta’eef, kana jechuun wanta si darbe deebitee haala biraan ni argatta.
โ€ข Sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa akkuma jedhamu, utuu wanti fedhe dhufeeyyuu of hin tuffatiin

โ€ข Jaalladhe waanan dhabeef ani lammata hin jaalladhu hin jedhiin, sababni isaa namni tokko yoo madaa’e madaan isaa utuu hin fayyiin waan hin hafneef
โ€ขNamni ati jaallattu tokko utuu ati isa jaallattuu sirratti yoo inni nama biraa jaallate , nama sana dhiisi onneen isaa siin waan hin barbaanneef kan biraa jaallateetii.
โ€ข Waan qabaniin gabaa bahu akkuma jedhamu,waan qabdan irratti gammadaa malee isa hin qabneen wal hin ceepha’iinaa
โ€ข Qunceen wal gargaartee arba hiiti akkamu jedhamu, waliif galuun wal yoo gargaartan jireenyi baay’ee salphaaf gaariidhaa!

Jaallatanii dhabuu, hojjetanii kaassaruu irraa isin haa baraaru
โ–  Kaa’anii dhabuu , bahanii galuu dadhabu irraa isin haa baraaru
https://www.facebook.com/108277194000122/posts/121104792717362/

Follow share gochuudhaan peejii keenya hordofaa Galatoomaa

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: