Ijaarsaa Gaachana Sirnaatiin biyya keenya ni Tikfaannaa!

Seenaan akka argisiisuutti Milkaa’inaa hunda galeessaa biyya tokkoof Sirnii jabaan qajeeltoo fi akkeektuu fuulla’insaa Imaala biyyichaa argisiisuu lafa qabachuuni fi hojiirraa ooluun murteessaa akka taheedha. Sirnii Lammiilee biyyatti qixaan tajaajiluu fi faayidamaa taasisuu fedhii keessoon akkasumaas waliigaltee ummaatoota biyyichaan yeroo bu’uureefamuu guddinnaa hawaas-dinaagdee biyya sana saffisiisuun oliitti yeroo gabaabaa keessaatti gara Badhaadhinaati kan ceesisuu tahudha. Biyya keenyaatis waggoota 27 darbee Sirnii ADWAI biyya kana keessatti bu’uureefama turee kan murna tokko faayiduuf addaatti ammoo maatii TPLF qofa tajaajiluuf tolfaamee akka tahee ummaanni biyya keenya gochaan hubaachuun qabsoo hadhaawaa sirnaa balaafamaa kana irratti taasisaanin fonqolchuun danda’ameera. Ergaa sirnii cunqursaa murna bicuu TPLF’n gaggeefamuu qabsoo hadhaawaa ummaatoota biyya keenyaan Aangoo irraa arii’atameen asitti Hooggaansii jijjiramaa Dr.Abiyyi Ahimadin durfaamuu barbaachisumma Sirnaa jabaa ijaaramuu hubaachuun xiyyeefannoo olaanaan sirna Lammiilee biyya keenya hunda qixaan faayidamoo taasisuu ijaaruuf hojjaacha jiru. Murnii oolaantummaa baratee ,wal qixxuummaan salphinaa wanta itti fakkaatuuf Sirnaa haqaan lammiilee biyya keenya fayaaduu ijaaraa jirru kanaa kichuuti hanbisuuf waraanaa rogaa hundaan nutti banaanii jiru. Ummaanni keenya Dhugaa kana hubachuun Ijaarsaa Sirnaa jabaa duudhaa sirnaa Gadaa irratti ijaaramaa jiru kana cinaa dhaabbachuuni fi humnoota faallaa kanaa dhaabbataan qulquulleessun yeroo tokko fi yeroo dhumaaf karaa qabachisuu qaba.
Badhaadhinni hunda-galeessii Lammiilee biyya keenyaan ni mirkaanaawwa!
Horaa Bulaa!