Design a site like this with WordPress.com
Get started

Hubadhaa, Isinif Galeera

#Koloneel Mangistuu H/Mariam Akkamitti biyaa Baafame❓
Bara 1981 biyya kana Keessatti Rakkoolee Heddutu ture. Humnoonni Riohee loltootaa Sadii(OLF, TPLF, EPLF) Lola Riphee Loltummaatiin Mootummaa Dargii yeroo sanaa Dadhabsiisaani turaan keessoon Waraanaa Mootummaa,Caasaalee Tikaa USA fi Kan Warra lixaatiin Dhuunfatamee ture.

TPLF(Wayyaanee) fi EPLF(Shaabiyaan) Tooftaa Warra Lixaa (USA &EU) fayadamuudhaan Jeneraaloota fi Qondaaltoata waraanaa Mootummaa Darguu Qabaatan. Qondaaltonnii Waraana kun Yeroo waraanni Meeshaa gaafate, Nyaataa itti Eergu.

Yeroo Waraanni nyaata Gaafate Meeshaa itti Eergu. Dirree lolaatti Ajaja sirrii hin dabarsaan. Yeroo tokko tokko immoo osoo Riphee loltoonni lolaa jiruunuu lola dhaabaa jedhanii Eergaa dabarsaa turan. Akkataa kanaan Dargiin ofiin of nyaatee of Kuffise.
➡️Kolonoole Mangistuun akkamitti Biyya bahee❓

Namoonni Hedduun Holola TPLF(Waayaanee) fi EPLF(Shaabiyaan) Mangeen Baqatee biyyaa bahe jedhuu odeessaan hanga har’aatti akka seenaatti asawuu. Dubbiin Garuu kana miti. Yoo ta’ee akkamire❓ Hooganaan Tikaa biyyooleessaa fi Nageenyaa Yeroo sanaa Obboo TasfaayeeW/Silaasee jedhamu. Obboo Tasfaayee si’aa Tokkotti Amanama Mootummaa Dargii fi Miseensa #CIA ture. Miseensummaa dhaabbata Basaasa Ameerikaa Kan fudhatee yeroo Barnoota isaa Digirii 2ffaa Yuuniversiitii #USA tti baraachaa turedha.Obboo Tasfaayeen Odeeffannoo Biyyoolessaa Dabarsee Warraa Halaatiif kennaa. Mootummaa Dargiifis Amanamaa fakkaata ture.

Dhuma irratti walgahii Londoon (london confreres) jedhamuu Londoniitti taa’ama. Walgahiicha irratti Qamoonni Hundinuu Waliigaltee Dhukaasa dhabuu fi Maarii siyaasaa Gochuu waliigalaan. bu’aa Walgahichaa kan ta’e Mootummaan Darguu yeroo sanaa Yeroo hojiitti hiikuu Humnoonni Riphee lolaa Waligaltees Mallatteessaan Bakka qabachuu fi Qondaaltota Waraana Darguu ajjeesuu itti fufan‼️Halli kun osoo jiruu #CIA Bakka bu’insaan Obboo Tasfaayee Waldasilaasee Waliin akkamitti Dargii biyyaa baasuu akka qaban irratti walii galaan.

Projeektii Koloneel Mangistuu Dirqamsiisanii Biyyaa baasuu Kan Qopheesse Dhaabbata Basaasa #USA ture. Hojiitti kana Hiikuu immoo Miseensoota isaani Imbaasii #USA Keeniyaa fi obboo Tasfayee Waldasilaasee ture. Obboo Tasfaayeen Torbee Tokkoo Dursuudhan Kolonel Mangistuu waliin Leenjii waraana Bilaattee Deemnee ilaaluu qabna jedhee gaaffii dhiyeesseef. Koloneel Mangiistuun Leenjitoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa Bilaattee waan jiraaniif Deemanii Daawwachuun sirri akka ta’e amanan. Obboo Tasfaayeen Garuu asumaa finfinneetti hafaanii Akka Hojii Hojjataan Itti himaan. Guyyaan isaa Geenyaan koloneel Mangistuun Elekooptaraa isaanii fi Eegdota  isaanii Waliin shaalaqaa tokko qabatani Gara Bilaattee imalaan. kolonel Mangiatuun Kitaaba isaanii Qabataani Elekooptara Seenan. Koloneel Mangistuun Kitaaba isaa osoo dubbisuu Bilaattee Deemuuf Kan Elekooptara kore Naayiiroobitti of argee. Balaliisaan Xiyyaaraa kan Eergamni kennameef Dirree Xiyyaara keeniyaatti Buusee. Akkuma  koloneel mangistuun achii Gaheen  Konkolaataan Gurraattin Imbaasii Zimbaabuwee irraa dhuftee “As seenii jetteen” Shaalaqaa fi Ajjaabiin Koloneel Mangistuu Sagala keessaa Namoonni lama Dirree Xiyyaraa sana keessatti ajeefaman. Koloneel Mangistuu Guyyaa 2 Achii bulee Gara Zimbaabuwee Balali’ee. Haala Kanaan diraamaan Hojjatamee Mangeen Biyyaa Baafame. Kana Mangeen Baqatee Bahe jedhanii Odeessuu jalqabaan. Obboo Tasfaayee W/Silaasee, Asumaa finfinneetti Qabamee hidhame. Halkaan Halkaan Obboo Mallas waliin 4 kiiloo bula. Guyyaa Guyyaa Qaallitti oola.  Dhumaa urratti TPLF icciiti biyya kana Eergaa Irraa Barattee Mana Hidhaa Qaallittitti Maarfee waraantee ajjeefte. Obboo Tasfaayee Walda Silaasee Dhibee irraa Buleen du’aan jettee Oduu Hojjatte.

Dubbiin Dhugaan kana ture‼️

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: