Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breaking News

#Breaking_News

“Qabsoon Keenya Amma Walabummaa fi Bilisummaa Itoophiyaatif hojachuudha!
:::::a::::b::::d::::i:::a:::m::::i:::::n:::b::::a::::k::::a:::r:::::
Bubbeen siyaasa kijibaa Fiinxaaleeyyi keessaa fi Alaatin itiyoophiyarratti asiif achiin bubbiseef qabsaawaan, Sabboonaan kaayyoo isaa kan ganamaa,qabsoo mirga abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuuf, bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf gaggeessaa jirurraa duubatti jedhu hin jiru. Eeyyee olola diinaatiin namuu hin seesu.

Hin burjaaja’usi.Uummanni Oromoo olola fakkeessii #Baandoota Alaatin qindeessee maqaa isaatiin afarsaa jiruunis mirgi koo kabajame, bilisoome jedhee sirba gammachuutin lafa qaaccessu hin jiru. Yoo jiraate diraamaan diinni waggoota 27n darbaniif dalagaa ture kan isaaf hin gallee dha.Wayyaaneen waggoota 27n darbaniif gaafiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo akka hin dhugoomne hanqisuuf, walabummaan Itoophiyaa fi bilisummaan ummata Itoophiyaa akka hin milkoofne karaatti kutuuf carraaqaa turte.

Wayyaanen hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dabalatee ololli Oromoo irratti hin gaggeessiin hin turre. Oromoon irree tokkoon akka inni mirga abbaa biyyumma, bilisummaa isaaf hin kaane, yoo ka’ees cichee akka itti hin fufne shira hedduu raawwachaa turte ammaas hojachaa jirti.Haa ta’uutii guyyaan guyyaa caalaa, barris bara keessaa akkuma jedhamu san Oromoon akka diinni yaade dhiisee walfaana ka’uun, cichee loluun injifannoolee har’a wayyaanee dhiphisaa jiru kana argamsiisuu danda’eera. @Abdi Amin Bakar

Mootummaa gabroonfataa TPLF /EPRDF dhiibee kufaatii jalaan gahuu qofa osoo hintaane ajjeesseti jira.Du’uun sirnichaa bekkamuun mallattooleen har’a Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiran mirkaneessaa jiru.Wayyaaneen hidhaa, ajjeechaa fi dararaa waggoota 27n darbaniif Oromoo irratti gaggeessaa turteen uummata Oromoo jilbiifachiiftee jiraachaa akka turte dhugaa haaluu hin danda’aamne,Ammaas Biyyoota Alaatin wajjiin michoomuun dantaa ishii mirkaneeffachuuf shiira xaxaa oltuus, Garuu hin milkooftu.Injifannoo kana Uummanni Oromoo addatti qabsaawooni qeerroon ilmaan isaa guyyaarraa guyyaatti heddummaachaa, jabaachaa fi cichitoota ta’uun dura dhaabbataa jijjirama asiin gahaan kana olola jibbinsa #Fiinxaaleeyyii keessaa fi alaatiin diiguuf joora jiraataniis osoo hin milkooyne duraa fashala’aa jira.Uummanni #Itoophiyaa Kan ulee diinaaf hin jilbeenfanne,olola gurraaf hin kennine ta’aa dhufanii jiru. Abdi Amin Bakar

Qawwee Wayyaanee duras dhaabbatanii Down, Down wayyaanee!, Wayyaaneen nurraa haa butu, haa kuftu jechaa akkuma falmaa turanitti Ammaas qabsoon isaani karaa bilchina qabuun birmadummaa biyya isaani kan duraani caalaa akka kabachifatuu abdii qabna!!
Kabajamoo I/G/PBNO Jaal #Fiqaadu_Tasammaa!!!

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: