𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐟𝐢 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚’𝐢𝐧𝐚
“Sababni milkaa’inna guddaa qabsiisu, kufaati guddaa san dura dhufeedha. (Kana jechuun sababni milkaa’inna guddaa irra akka gahan nama taasisu milkaa’un dura milkaa’u dhabuudha ykn kufuudha.
Namoonni hawaasa keessatti fudhatama guddaa argatan, jalqaba irratti fudhatama hin argatan, inumaa ni arrabsamu, ni xiqqeefamu.


Jalqabarratti fudhatama dhabuun, arrabsamuu fi gadi xiqqeefamuun kuni akka of sirreessanii fi jabeessan isaan taasise. Kanaafu, sababa kanaan dhumarratti hawaasa keessatti fudhatama argachuun milkaa’an.
Fakkeenyaaf, mee ilaali Ergamaa Rabbii Muhammad (SAW). Jalqaba irratti hawaasa irraa rakkoolee fi wantoonni baay’een isaan muudate. Garuu dhumarratti milkaa’inna guddaa irra gahan.
Akkasumas, namoonni hojii gurguddaa hojjatan milkaa’un duraa kufaati baay’etu isaan muudate. Kufaatin kuni muxannoo isaaniif ta’e.
Namoonni si’a baay’ee wanta tokko yaalanii kufan, osoo abdii hin kutin yaali isaanii yoo itti fufan milkaa’inna guddaa irra akka gahan hin shakkinaa.)
Sababoonni mi’aawwan gurguddaa nama dhandhamsiisan, hadhaawwan san dura dhufaniidha.” https://www.facebook.com/108277194000122/posts/363404748487364/