Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breaking News

“Akka biyyaa fi ummataatti carraan keenya baay’een walitti hidhata kan qabu ta’uu hubachuun kaayyoo fi galma waliiniif dhaabbachuu, waliin hojjechuu, wal deeggaruu fi waltumsuun aadeffatamuu qaba”Injiner @Takele Uma Banti.

Oromoon Injifannoo bara hedduun booda argate kana tikfachuutu irra jiraata. Injifannichi akka laayyootti hin dhufne. Yeroo kanatti dogongora kamiyyuu hojjachuun nurraa hin eeggamu.

Karaa nagahaatiin qabsaawuutu Oromoo of dura ceesisa.
Injifannoon sabni Oromoo argatee tikfamuutu irra jiraata.
Haa toluus, haa baduus mootummaan amma aangoorra jiru mootummaa keenya. Kan aangoorra bahes qabsoo ummata keenyaatiin aangoo argate. Kan alaa gales qawweedhaan cabsee osoo hin tahin qabsoo ummataatiin biyyatti galan. Kanaafuu Ummata kabajuutu irraa eeggama.

Ilmaan keenya qabsoodhaaf daggala seenanii bahanii injifannoo arganne kana tikfachuutu irra jiraata. Ormi wal ijaaree nu moohuf wal qopheessaa jira. Yeroon kan itti wali tumsinee tokkummaadhaan sossoonu malee yeroo itti wal lolluu miti.

Galatoomaa

Paartileen siyaasatiis akkumaa kaleessa qawwee hiikkatee ummata keeysa seenee dagateeti,baandaa waliin gara biyya diigutti seenuu yeroo ammattana Ummata Oromoo diina waliin qircaa godhachaa jiru.baandoonni kanaan dura Maal jechaa ture Osoon ani ABO tahee qawwee mitii Qabattoo hiikkadheen ummata koo ijaara.

Nuti kan biyyatti deebineef waraana/ mootummaa abdannee miti. Ummata keenya abdanneet biyya galle.
Qabsoon Ummanni Keenya Hordofuu qabu qabsoo yeroo waliin deemuu danda’uu tarkaanfataa taheedha.

Qabsoon karaa nagayaatiin gaggeeffamuus kan yeroo waliin deemuu tahu qaba malee warrii dantaa dhunfaa barbaada deema jiran akka biyti jeeqamtu barbaada jira,garu Ummanni keenya miiraan osoo hin tahin tasgabbiidhaan waan hunda ilaaluun Dr Abbichuun deeggaruun biyya teenya gara badhaatetti ceesisu qabna. Kanaaf kan injifannoo keenya tiksuu danda’uu yaada miiraan faarfamu osoo hin tahin yaada tasgabbiidhaan madaalamee of dura nama ceesisuu dandahuudha!!

#KAN_BIYYA_BULCHAA_JIRU SABA OROMOO TAHUU ISAA DAGATAMUU HIN QABU!!

Wal arrabsuu, nama arrabsuu fi walxiqqeessuun teenyaa miti.
Gadaan gadaa Badhaadhinaati!!

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: