Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breaking

“#Yaadota_Gurguddoo
“Biyya kana ijaaru keessatti hunduma caalaa oromootu gahe qaba yoo jenne nun salfachiisuu nuti hin jennu malee”Dr. Abiy Ahmed Ali

Jijjiiramni har’a Injifannoo qabsoo oromoo bara dheraaf geggeeffama ture ta’u oromoon hundii beeku akka qabu.

Boqonnan qabsoo amma keessa jiru Murteessummaa hiree oromootif baayyee murteessa ta’u.

Seenaa isaa keessatti oromoon ana qofa kan jedhuu hin qabu boqonna kanaan Sirna hundaf ta’u ijaaru qaba.

Tokkos ha ta’u lamaas injifannoon amma harka qabnu ida’ama qabsoo oromooti malee kan gareen tokko olaantummaan qabsa’e fiide akka hin taane oromoon hundii hubachuu qaba.

Fedhii Siyaasaa garagaraatin hikka oromoo daddaabsu oromoo jechuu akka dhabaa Siyaasaati kan ilaalu jirachuu,garagarummaa Siyaasaatin oromummaa walira mulquun jirachuu kanaaf amma oromoo Mul’ata waloo walin qabu taane ijaarsa biyya keessatti hirmachuu qabna.

Biyyi kun hanga har’atin kan ijaaramu dadhabdeef sabaaba oromoon Centari hin qabatinifi kanaaf Oromoon centari qabachuu qaba gaafa jennu Siyaasaa qofaf miti oromoon angaafa biyya kana,Teessuman Centari nama baraatenis centari wan taanef centarali qabachuu qabna.

Moone kaane hin moone yoo jenne kan keenya keenya miti yoo jenne ammas gad antummaa keessa hin baane wan ta’ef Gareen xiqqoon Injifannoo kana nu harka fudhee abbaa akka itti ta’u gochuudha.

Wan ta’ef mari fi marabbaan qabsoo oromoo duratti tarkaanfachiisu qabna.

Rakkon jiru inni guddaan akka oromoon itti of hubatu fi wal hubatu,akka itti oromoon biyya kana hubatu fi akka biyyi kun oromoo itti hubatu rakko qabachuu isaati.

Biyya kana ijaaru keessatti hunduma caalaa oromootu gahe qaba yoo jenne nun salfachiisuu nuti hin jennu malee.

Yeroo dheraa Badhaanne erga dhallee dabarsine qaama biraatif kennine booyun hin barbaachiisu xiinsammuu booyichaa keessa bahu qabna.

Filannoon bara 2013 Injifanneera Rifrandamii qabsoo oromoo irratti geggeeffamu ta’u oromoon beeku qabna.

Amman booda abbaan fedhee angoo biyya kana yoo dhunfate Ummta Oromoo Cunqursuf dubatti deebisu hin danda’u.

Oromoon guddinumma isa qofan dhadachuu osoo hin taane guddinummaa isaa beeke guddinumma kanaan biyya kana ijaaru keessatti gahe isaa beeku qaba.

Cunqursaa Sirna Paartii tokko fi militariin ijaarame geggeeffama ture diigun salphaa miti kun diigamun Injifannoo guddadhaa.

Nuti oromoon biyya kana ijaara jira gaafa jennu akka saba guddatti akka nu qofaf ta’uti osoo hin taane biyya sabafi sablammii hundaf ta’uti ijaara jira.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: