Dhamsa_Haati_Gaariin_Intala Isheetif Dhamte Keessa?

ILAAMEE INTALA KO
πππππππ
Kamisa heerumanii
Jimaata galuun kolfa
Argaa namaa balleessa
Akka dhukkuba golfaa
«««»»»»»»»»»»»»»»»
Bultiin hin jijiiramu
Akka dallaa loonii
Bulees hin alaa’u
Akka nyaata foonii
πππππππ
lIma Abbaa qabeenyaa
Yoo ta’es ilma mootii
Utuu kol..kol⦠jechaa
Hin bayin mana kootii
πππππππ
Gorsa koo dhaggeefadhu
Tarii bor si fayyadaa
Qaroominaan nyaatamtee
Hin gatin safuuf aadaa
πππππππ
Jaalalli duruma dur jira
Waanti haaraan hin baane
Anis jaalladheen darbee
Garuu akka kee hin taane
πππππππ
Dhiira kudhan jijjiree
Kukkutee hin ganne safuu
Facebook’s fayyadamee
Sa’atii 9n hin rafuu
πππππππ
Atis mee yaa dhala koo
Waanti ani siif dhaamuu
Cabdee karaatti hafuukee
Dhugaa Rabbiiti hin fedhu!
πππππππ
Fuula Adda Addaa ilaaltee
Of hin kukkutin tiruu
Dhiira kudhan jijirteef
Abbaan manaa kudhan hinjiru.
πππππππ
Dhira tokko jaalladhu
Abba ilma siif ta’aa
Isuma jabeeffadhu
Dhiirri dhiruma ta’aa
πππππππ
Walittiis hin dabalin
Akka biqila garbuu
Sila dubarti ammaa
Ijji Jaraatu hin arguu
πππππππ
Na dhageesse dhala ko
Kanin amma siif dhaamu
Yoo dhaga’uu diddemmoo
Sheexanni siyaa waamuu!!!! Maddi:-Facebook Abdi Amin Bakar
β‘Mee isiniis akkanatti wal gorsaa shamarran.