Design a site like this with WordPress.com
Get started

Dhamsa Dhaloota Qubee irra

Gorsa_Gaarii!!

Maatin tokko akkata itti ijoollen isaanii, Wanta jaalatani fi Wanta jibban ittin ibsatan sirritti addan baasani beekun gaariidha! Jireenyi qormaata ulfaataadha.

Namoonni hedduun jireenyi
qormaata garagaraa qabaachuu
beekuu dhaburraa mala jireenya
namoota biroo jiraachuuf osoo
yaalan kufu.
:::::::::::::::::::::

Akkatan itti ijoollen ofii wanta jaalatan takka ittin ibsatan garagar: Garin ijoollee wanta jaalatan akka nama wanta san hin jaalannetti, fallaa wanta sani deemun ykn arrabsuudha, qeequdhan ibsatu.

Garin immoo wanta jaalatan sana farsuudhan, sodaa malee ibsachudhan ibsatu.

Garin immoo wanta jaalatan sana yoo namoota birotti (hiriyyaa isaanitti) wa’ee nama jaalatan sana itti odeessani, Namoonni isaan itti odseessan malee hin jaalatan, jaalalli amala namoota akkana yeroo bayyee bala irra ba’aa.

Garin immoo wanta jaalatan dhokfachuudhan jaalatu, yoo namoonni ykn maatiin isaani irratti beekan akka nama wanta sana hin jaalanneetti of fakkeessu, kuni gaarii tahe garu Sammuun bilchaachu gaafata.

Garin immoo Maatii isaatti himachuu jaalata, akka maatin isaa wajjin jaalatuf, inni kuni Bilchina Sammuu gaafata akkuma Jaalala nama sana jaalatan Maatii ofiitti himatanitti Yoo Namni isaan jaalatan sanii wajjin walitti mufatanis, Jibba isaa ykn aara yeroo san walitti bu’insa umaame san irra dhabbatani Midhaa fi icciti walitti bu’insa isaani gocha sirritifi gocha sobaa wal keessa godhuudhan Maatii isaanitti himachu barbaadu.

Inni kuni Hayyuumma Maatii isaani irratti hunda’aa,
Yoo maatin isaani Hayyuumma fi Beekkumsa ittin ijoolleen isaani wanta Jaalatanifi wanta jibban akkata isaan itti himatan hin beekne, Jireenyi ijoollee isaani kuni haala salphaadhan balaa irra bu’uu danda’aa.
Maatin garin wanta ijoolleen isaani himatan malee wanta bira hunda soba itti fakkatti, kuni waanuma arga jirruudha.

Kanafuu Wantoota kana sirritti addan baasun Murteessa qofa osoo hin taane Barbachiisadha, Jireenya ijoollee keenyatif yaadna taanan Amaloota kana gadi fageenyan hubachun Murteessadha.

Yeroo tokko tokko Wanta gaarii hojjachuuf yeroo tokko
tokko gammachuu fi fedhii kee
aarsaa gochuu qabda, wanti
si gammachiisu hundi sirrii ta’uu
dhabuu danda’a waan ta’eef.
Jireenya kee keessatti wantoonni
yaraan yoo uumamanis kitaabicha
hincufin, fuulasaa banii boqonnaa
haarawa jalqabi.

Namni haqaatiis beekkamaadha
Namni dharaatiis beekkamadha
Kan nama rakkaa jiru ammoo nama Yeroo ilaaltu nama gaarii keessi isaa immoo summii baadhatee deemu,
Weyta haasawu arraba nama dhugaa dubbatuutiin haasawa isaa bareecha, immoo keessi isaa hamtuun inni baadhatee deemu silaa gaara gubbaa kaayani gaarri addaan dhoohee faca’a
RABBIIN keessaa fi gubbaa keenya nuhaa bareechu.

Itti…..fufaa….?

Yaadanii Abdii Amin

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: