Design a site like this with WordPress.com
Get started

“Barnoota adda obboleessa keenya Dargaggoo Jaalatama fi Kabajama Ibsaa Abdusalam Abdurqe irraa

Laphee cabee 🏃‍♀️ Jechuun malii?

Hubadhu laphee cabuun ammaf miidhama sitti fakkataa male,inni kophaa issatitti barnoota ciimadha ,namoonnii laphee sii cabsan siif akka barsiisa gaarii taahetti ilaali. sababnii isaas

Namnii onnee kee cabsee sii gaddisiisuu kamiyyuu ,miira kee to’achuuf humna akka qabattuu sii godha .

Namnnii yeroo bayyee onnee namaa cabsuuf deeman,onneen issan si’aa lamaa wani caabdeef taahu dandahaa,inni tokkoo jireenyii onnee issan caabsuu danda’a, inni biraa immo onneen issan caabde nama biraas caabsuu!! Kanafuu…..

Laphee cabuun ulfatta ta’uus gatii malumma kee sii barsiisa.
>uumama keessa kee jiruu akka hubbattuf sii gargaara .
>onnee garii fi qulqullu akkam qabduu sitti muldhisaa ,laphee cabdee dhugaan nama jaalachuu dandeessuu akka qabdu sii hubachisa

Dhuma hariiroo keetii irratti gocha,jechoota fi amala kee kan gara boqqonna nama dhukkubsutti sii geessu xiinxaluu jalqabda .Hir’ina kee hubadhuu namoota sii miidhan hundaaf dhiifama gochuuf yaalii .

Onnee nama cabsuun barsiisaa gaariidha kufaatiwwan darban irra barumsa akka barattuf si gargaara .

kan darbeerra barachuun jireenya kan fuulduraaf waan gaarii akka qopheessitu si gargaara .

Eyyee! Muxxannoo miidhamu dandeessa garuu muuxxannoo walitti qabamu nama gaarii fi beekama ta’etti akka of bocuuf(siakeekuuf) sii gargaara .

Gababummatti Yeroo tokko tokko rabbiin kan laphee sii cabsuuf nama jireenya keef hin taanee irraa sii baraaruufi .
>yeroo amma kana miira gadda kessaa jiraachuu dandeessa , garuu dhugaa dubbachuuf atii nama jalqaba miti kan onneen isaa/ishee cabde .

Imalli jireenya hundi karaa lama akka qabu hubachuuf yaalii .

sammuun tasgabbaa’aa fi onnee  qulqulluu ta’ee akka sirritti of duubatti deebittuf sii gargaaras akkasumas ifa jireenya kee akka addan baafattee argitu si godha .

Gammachuun filannoo dha . jireenya keen bashannanuu filachuu dandeessa yookiin dhukkuba inni siif kennu waliin rakkacha jirachuu filachuu dandeessa .

jireenya tapha sitti ta’uu danda’a , kan qabdu akka dhabdu yaadda’uu dandeessa yookiin akka salphaattii waa’ee dhabuu fi jireenya keen bashannanuu hiranfachuu dandeessa .

Kanafuu Nama si gaddisisuu irraa fagaadhu,waan sii gammachiisu hojjadhu.nama si kolfisiisu waliin ta’ii……
,hamma hargantutti kolfi ,hamma jiraattutti jaaladhu .

“Dhugaan yeroo tokko nama miidhaa sobnii garuu bara jireenya  gutuu nama miidhaa.kanafuu miidhamituus hamma jiraatuu sani dhugaadhan namaa walin jiraachuuf yaalii!;

Dargaggoo Ibsaa Abdusalam Abdurqe

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: