Design a site like this with WordPress.com
Get started

☪️ #Aadunyaa Tanarratti Namni Haqan Dalage Nabi Muhammed(S.A.W)

“Lafa tanarratti Nabi Muhammadﷺ Caalaa namni haqa dalage hin jiru.

Hadiisa Aa’ishaan odeysiteen, gaaf tokko intala warra #Al_Makhzuumiyyaa takkaatu waa hate. Inatala warra guddaati.

Hanna isii kanaaf harki irraa muramuun Qureyshii yaachifte. Hattuus, intala warra guddaa waan taateef ‘dhiifmani godhamuufii qaba’ yaadan.

Akka harki isii hin muramneef ‘eenyu Nabitti ergina?’ ja’anii marihatan. “Mee eenyuutu Nabi nuuf dubbisa?” ja’anii iyyaafatan. “Usaamaa ilma Zayid iitu Nabitti akkaan dhihaata. Warra Zayid kana Nabiin akkaan jaalata. Isa haa erginu” ja’anii waliif galan.

Yaada marihatan kana itti geysinaan Usaamaan dubbii tana fudhatee manguddummaaf bahee ergamaa Rabbiittiﷺ dhaqe. Dhimma akkanaa irrattiin manguddummaaf dhufe jennaan Rasuulliﷺ hedduu dallane. “Daangaa-daangaa Rabbii irraa tahe keessa manguddummaa dhuftee?” ja’e Usaamaan. Akka murtiin Rabbii akka hin raawwanneef magantaa dhaabbattaa? jechuu isaati.

Rasuulliﷺ Usaamaa qofatti dubbatee hin dhiifne, ka’ee ummataas dubbise. “Ummatoo dhagahaa! Ummata isin duraa wanni Halaake(balleesse), gaafa namni kabajaa qabu isaan keessatti waa hate dhiisaa turan(murtii Rabbii irra hin dhaaban).

Gaafa namni laafaan isaan keessaa waa hate ammoo murtii irra dhaaban. Rabbittiin kakadha! Osoo Faaximaan intalti Muhammad hattee harka isiitiin mura” ja’e ergamaan Rabbiiﷺ.
Muhammadoo! Lubbuun too fidaa kee haa baatu. Nama si caalaa Rabbiif jiraate lafti tun ba’attee hin beytu. Sadarkaan gararree warra haqa hojjetuu akkana.

Namni waan jaalatu kamuu dura haqa hin dursine, haqa murteessuu hin dandahu. Haqa murteessuuf taateewwan mudatanii fi manguddummaan if booda nama deebisuu hin qabdu.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: