Ergaa Muumichaa.~~~~
Lammiileen akkaataa yeroon gaafatuun qajeelfamoota yeroo muddamaa bahan hojiirra oolchuun qaamolee seera kabachiisan hojiisaanii si’oominaan akka raawwatan deeggarsa barbaachisaa ta’e gochuun hunduu gaheesaa akka bahu Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad waamicha dhiyeessan.
Dr Abiyyi karaa fuula Feesbuukiisaanii akka jedhanitti,yeroon kun yeroo rakkooleen garaa garaa walitti baayyatanii itti dhufan yeroo qormaataati.
Qormaanni kun hanga darbutti namni hunduu qoramuunsaa hin oolus jedhan.
Rakkooleen keenya furmaata argatanii hanga jireenya keenya idileetti deebinutti hundi keenya jireenya keenya akkaataa qormaata waliin walsimuu danda’uun turuu qabnas jedhan.
Akka yeroo nagaa sana waan hundi mijataadha jedhanii eeguun rakkinicha ni dheeressa malee hin dhiyeessu.
Labsiin Yeroo muddamaa labsames, yeroo rakkina gabaabsuufi yeroo furmaataa dhiyeessuufi.
Kanaafuu, lammiileen akkaataa yeroon gaafatuun qajeelfamoota yeroo muddamaa bahan hojiirra oolchuun qaamolee seera kabachiisan hojiisaanii si’oominaan akka raawwatan deeggarsa barbaachisaa ta’e gochuun hunduu gaheesaa bahuu qaba jedhan Dr Abiyyi.
