Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breaking News

Itoophiyaatti labsiin yeroo muddamaa labsame.

Manni marii Ministirootaa walgahi ariifachiisaa har’a gaggeesseen sadarkaa biyyaaleessaatti labsii yeroo muddamaa labse.

Ministeerri Tajaajillii Kominikeeshinii Mootummaafi Ministeerri Haqaa haala yeroo irratti miidiiyaaf ibsa kennan.

Uummanni humna Shoroorkessaa irraa bilisa akka of taasisuu jechuun labsiin hatattamaa kun fudhatamuu Ministirrii Haqaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos ibsan.

Labsii 05/2014 labsiin kunis har’arraa eegalee kan hojiirra ooluufi Mana maree bakka bu’oota uummataaf sa’aa 48 kessatti dhiyaatee kan mirkanaa’uu yoo ta’uu, har’a irraaeegalee hojiirra oola jedhan Ministirrii Haqaa Dr. Gediyoon.

Bu’uurri kaayyoo labsii ariifachiisaa kanaas haala hamaa amma biyya keenya keessa jiru qaama nageenyaafi tasgabbi idileen galmaan gahuu waan hindandeenyeef, murtoon kun fudhatame jedhan Dr. Gediyoon.

Qaamni waan kana raawwachisuufi olaantummaan hogganuu Itaamaajoor Shuumii waliigalaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaan yoo ta’uu, Ittiwaamamnii isaas Ministira Muummee Itiyoophiyaaf ta’a jedhan.

Izziin kun iddoo kamittuu kan too’atuufi kan ajajuu yoo ta’uu, dargaggoota hidhatanii jiran leenjisuun gara waraanaatti ajajuu danda’a.

Iziin kun sa’aa daanga’ee Magaaloota kessatti murteessuu danda’a.

Tajaajila geejjibaa iddoo barbaadeefii akkaataa yaadeen daangessuu danda’a.

Qaamoolee hidhata shororkessaa waliin qabu jedhee shakkee ajaja tokkoo malee sakatta’uu, gaafachuufi meshaalee argamee to’achuu ni danda’a.

Bakkeewwan tajaajila mootummaa adda addaattis shakkii yoo qabaate dhaabsiisuuf aangoo qaba.

Kallattiniis al-kallattiniis qaamoolee humna shoroorkessaaf dhaabbilee hamileefii meeshaan deeggaran eeyyamnii isaa akka haqamuu gochuu danda’a.

Midiiyaafi Gaazexeessaa dhimma biyyaarrati dhiibbaa uumman eeyyama isaanii haquufi saamsuufi too’achuu danda’a.

Dhimmoonni yeroo labsii muddamaa kanatti qaama aangoon kennameef raawwataman:-
• Dhimma kana mormuus ta’ee uummata jeequu jiraannaan murtoo fudhachu danda’a.

• Qaamoolee Izzii kanaan beekkamtii argateen alatti qaamooleen walga’ii taa’uu kamuu dhorkaadha.

• Eeyyaamaafi beekkamtii qaamolee kanneeniin alatti qaamnii meshaa waraanaa qabatee deemuu kamuu dhorkaadha.

• Hawaasni kamuu waraqaa Eenyummaa mana hojiifi gandaa qabatee socha’uufi yoo hin qabaannee gandaafii Aanaa jirutti imaluun guyyoota 15 dufan kessatti galmaa’ee waraqaa eenyummaa yeroo qabaachuu qaba.

• Kenniinsa tajaajilaafi meeshaalee bu’uuraarratti gatii hin mallee dabaluun waan hin malleefi faayidaafi taayitaa fayyadamuun labsii kanaan dhorkaadha.

• Qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuu dhabuun tarkaanfii sirreeffama hanga waggaa 10 tti yoo xiqqaatee hanga waggaa 3 adabsiisuuf labsichii baheera.

Dhimmoota kanaa waliin walqabatan dhiyeenyatti haala foyya’uu danda’an irratti karaa midiyaa hawaasaa Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaafi Ministeera Haqaan ifa akka ta’u Dr. Gediyoon Ximootiyoos ibsan.

Labsiin yeroo hatattamaa kun ji’a 6 kan turu yoo ta’uu, haala yeroo irratti hundaa’uun yoo foyyee dhabe ji’a 4 kan dabalatu yoo foyyeen jiraate ji’a 6tti kan dhaabbatu ta’a.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: