𝐌𝐞𝐞 𝐗𝐢𝐪𝐪𝐨 𝐎𝐬𝐮𝐦𝐚 𝐇𝐚𝐝𝐡𝐚𝐡𝐮 𝐋𝐢𝐪𝐢𝐦𝐬𝐚𝐚
𝐃𝐫.𝐀𝐛𝐢𝐲𝐲𝐢 𝐃𝐫.𝐀𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐚𝐚
Siyaasa keessatti namnummaan tokkichi daaw’attoota (spectators) isaa biratti bifa garagaraan hubatama.
Namoonni siyaasaa gurguddoon qaama taa’ee isaan ilaalu biratti fuula hedduu qabaatu: namoonni isaan hordofan lama yeruma tokkotti, dhimma wal fakkaatu tokko irratti bifa faallaa ta’een hubachuu danda’u. Namichi garuu namuma tokko; amaluma ilmi namaa tokko qabu qabaata.



Bifa gara garaa akka qabaatu kan taasisu akkuma namni itti ilaaluufi hubatutti.
Keessattuu namni siyaasaa (a politician) yeroo yaada (falaasama) haaraan gadi bahu nama hedduu biratti maqaafi amala heddutu kennamaaf. Karaa hedduun hubatamas. Isayyuu, namoonni siyaasaa yeroo falaasama haaraan gadi bahan yaada isaanii kan hubatu nama muraasa.
Sanuu yoo carroomani. Kanneen yaadni isaanii namoota yeroo isaaniitiin (by their contemporaries) osoo hin hubatamin lubbuun erga darbanii dhaloota itti aanuun hubatamanis ni jiru.
Karl Marx falaasama haaraa, socialism/communism qabatee gaafa gadi bahu namoonni dafanii isa hubatan qubaan lakkaa’amu ture. Falaasfota akka Engels fa’aa qofatu isa hubate. Namni hedduun akka “seexanaatti” isa ilaalan. Kanarraa ka’uun namni beekamaan akkasii dararama hamtuu dabarse. Gaafa inni du’e nama 11 qofatu sirna awwaalchaa isaa irratti argame. Seenaan Plato fa’is kanuma fakkaata.
Erga inni darbee garuu falaasamni isaa addunyaa kana sochoose. Hanga har’aattis falaasamni isaa baratamaa, kallattii hundaan ka’umsa yaadamaa (framework of thoughts in every aspect) ta’ee itti fufeera.
Waan kana mara kanin kaaseef akkaataa MM keenya Dr Abiyyi Ahimad deeggartootaafi qeeqxota isaanii, keessattuu Oromoota biratti itti hubatamani.
Asirratti cimina, dandeettiifi oolmaa isaanii ibsuuf osoo hin taane (asitti ibsees fixuu hin danda’u), yaaduma maaliif namoota isaan deeggaraniifi qeeqaniin bifa garagaraatiin hubatamu kan jedhu kaasuufi.
Akkan hubadhutti, namoonni isaan deeggaraa jiran (his supporters) kan isaan deeggaraniif waan adeemsaa isaanii, falaasamaafi dandeettii isaanii hubataniif, tarkaanfii ajaa’ibsiisoo isaan hanga har’aatti fudhatan seenaan osoo hin taane ijaan waan arganiif, durii kaasee waan isaan beekaniif, abdiin isaan fuulduratti Dr Abiyyi irraa qaban olaanaa ta’uu irraa ka’uuni fi kkf jedheen hubadha.
Warri isaan qeeqan hoo maaliif qeequ kan jedhu ijoo barreeffama kanaati. Innis, tokko, namni bakka isaan jiran kana jiru qeeqa fayyaalessa ta’e (conventional and normal criticism) qeeqamuun waanuma jiru.
Namni hundi fedhiifi ilaalcha wal fakkaataa waan hin qabaanneef, yaadaafi tarkaanfii hoggansa siyaasaa (political figure) akka isaanii qeequun waanuma jiruudha. Biyya akka keenyaafi hawaasa akka kanaa qoqqoodamaa ta’e (in such a divided society) fi dantaaleen wal dhiitan (competing interests) itti baay’atu keessatti immoo qeeqamuun ajaa’iba hin ta’u.
Barreeffama kootiif ka’umsa kan ta’e qeeqa baratamaa akkasii kana osoo hin taane duula jibbanii jibbisiisuufi olola tarsiimoon masakamee Dr Abiyyi irratti gaggeeffamuudha. Kuni maaliif ta’e (eenyutu kana keessa jira kan jedhu hubatamuu qaba. Akkan hubadhutti duulli jibbaafi jibbisiisuu isaan irratti gaggeeffamaa oolu gareewwan 2 (lama) irraa dhufa:
Tokkoffaa, qaamota isaan hin hubanne. Dr Abiyyi seenaa siyaasa biyya kanaa keessatti falaasama haaraadhaan as bahan.
Adeemsi siyaasa isaaniis akkasuma karaa hin baratamne. Inni kun namoota isaan hin hubanne biratti shakkii, sodaa, yaaddoo uumeera. Akkuman olitti ibse siyaasa keessatti yaadamaafi falaasama haaraan gadi namni bahe jibbamuudhaa hanga ajjeefamuutti gaha.
𝐀𝐛𝐫𝐚𝐡𝐢𝐦 𝐋𝐢𝐧𝐤𝐚𝐧 kan ajjeefameef yakka waan hojjeteef osoo hin taane adii irraa nama dhalate ta’ee walqixxummaa gurraachotaafi warra adii dursee waan leelliseefi.
Namoota Dr Abiyyi balaaleffatan tokko tokko yoo maaliif balaaleffatta? jettee gaafatte “falaasama ‘Ida’amuu’ isaan jibbe” jedha. Kitaaba ida’amuu keessaa maal jibbite, maaltu dogoggora? yoo jetteen, kitaabicha fuula tokkoyyuu akka hin dubbifne hubatta.
Namoonni kaan immoo “b … itti fufa