Design a site like this with WordPress.com
Get started

Yaa Rabbi Nu Beeysisi Yaa Allah

“Osoo wal jaalannuu wal caaluu jaalanna.
Wal caaluu jaalachuun badii miti, Rabbiitu wal caalchisee nu uume waan ta’eef.

Gaafa wal caaluu jaalannu garuu, kaayyoo walcaaluu jaalanneef jidduu garaagarummaatu jira. Yoo nama caaluu jaalachuun kee nama caaltu sun gargaarsa Rabbiitiin akka si caalu taasisuuf ta’e, Rabbiin caalaa si taasisee jira.

Funyoon sadarkaa sun ga’uu irraa hiitee si dhaabdu hin jirtu.

Yoo nama caaluu jaalachuun kee caalaa ta’uun akka siif baramu qofaaf ta’e Rabbiinuu biyyatti sin dhiisu.
…………..

Of tuffachuun si miidha, wal tuffachuun biyya miidha. Of tuffachuu fi wal tuffachuun waan jibbamtuu dha. Of tuffachuun rabbiin akka hin tuffatamne si taasisuu danda’uu isaa dagachuudha. Wal tuffachuunis ati akka hin tuffatamne kan si taasise rabbi ta’uu fi namoota ati tuffattu rabbiin sirra caalchisuu akka danda’u dagachuudha.

Haalli jireenya namoota baay’eedhaa, kan amantii qabuu fi hin qabneetiis akkanumaa akkasi.
Karaa dogoggoraa deemuun yoo wallaalaaf ta’e badii hin qabu. Barraan isa sirriitti jijjiirratta. Yoo osoo beekhanii ta’e garuu kharaan sirrii isuma sana. Kan beekhaa kharaa jallaa deemu xumurri daandichaa eeysa akka ta’ees hin wallaalu.

Daandiin tokkichi qajeelaan of tuffachuu fi wal tuffachuu dhiisuudha. Akkasitti qofa ofii fi biyyaafis ta’uun danda’ama. By:R/B

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: