Design a site like this with WordPress.com
Get started

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad erga aangootti dhufani hojiwwan ijoo raawwatan keessaa muraasni….• Walitti dhufeenya hamaa Eertiraa fi Itoophiyaa waggoota 20 ol ture gara nagayaatti fidaniiru.• Namuu dhimma siyaasaa bilisummaan akka raawwatuuf haala mijeessaniiru.• Hidhamtoota siyaasaa gadi lakkisaniiru.• Labsii yeroo ariifachisaa kaasaniiru.• Haala adda addatiin mormitoonni farrajamani turan gara biyyaati akka deebii’anii fi karaa nagayaatiin akka qabsaawaniif haala mijeessaniiru.• Mirga namaa kan sarbaniifi qabeenya ummataa warri mancaasan akka seeraan gaafataman godhaniiru.• Hirmaannaan dubartootaa sadarkaa hundatti akka dhugoomu godhaniiru.• Dinagdeen biyyaa akka dandamatu godhan.• Biyyattiin seenaa ishii keessatti yeroo jalqabaatiif pirezeedaantii dubartii akka qabaattu godhan.• Walakkaan kaabinee isaanii dubartoota akka tahan godhan.• Humnoonni Sudaan garaa garummaa qaban mariin akka hiikaniifi biyyattitti nageenyi akka bu’u godhaniiru.• Eertiraa fi Jibuutii jiduutti nageenyi akka bu’u godhaniiru.• Eertiraa fi Somaaliyaa jiduutti nageenyi akka bu’u godhaniiru.• Somaaliyaa fi Keeniyaa jidduti nageenyi akka bu’u godhaniiru.• Sudanii fi Sudaan Kibbatti nageenyi akka bu’uuf gahee olaanaa bahataniiru.• Ministeerri Nageenyaa akka hunda’uu fi irras dabre dubartiin akka hogganamu godhan.• Biyyoota gaanfa Afrikaa jidduutti nageenyi akka bu’u godhaniiru, akkasumas diagdeedhaan akka waltumsaniif carraaqaa jiru.• Lammiileen Itophiyaa biyyoota adda addaa keessatti hidhamani turan akka hikkamaniifi biyyasaanitti akka galan godhaniiru.• Boordiin Filannoo irra deebiin akka hundaa’uu gochuun dubartii biyyaa godaanteen akka hogganamu godhan.• Pirezeedaantii Mana Murtii Federaalaaf dubartii muudaniiru.• Midiyaan bilisummaan akka hojjeetu godhan.• Midiyaaleen biyya alaatti haala adda addaatiin farrajamani turan gara biyyaa galani bilisummaan akka hojjetan godhan.• Mirga dubbachuu fi walgahuu kabachisaniiru.• Marsaretiwwan hedduu dhorkamani turan bansisaniiru.• Waldaaleen Siivikii bilisummaan akka socho’an godhan.• Seerawwan ukkaamsaa ta’an akka maqan godhaniiru.• Dhaabbilee Amantaa jidduutti walqooduun ture akka furmaata argatu godhaniiru.Yeroo waggaa lama hin gunne keessatti hojiwwan ijoo raawwachuun Badhaasa Noobelii Nageenyaa Ministira Muummee argamsiseef beekamtii kennuun sirriidhuma.Isinhoo maal jettu?Yaada keessan nuuf qoodaa.

Biyya akka biyya ofitti saboottan waloon hin jaalatamne tan base ykn backgraund waloo tan eenyummaa biyyaalessaa qabdu Uumuun baayyee ulfaatuus imalli ati eegalte ni milkaa’a.

Biyya akka biyyattiis jaalatamtee eenyummaa sabummaa fi eenyummaa biyyaalessaas kabajjee jiraattu uumuuf qormaataa fi gufuu hedduutu nama mudata,, Qormaata injifattee ni injifatta.

Obsaan dubbisaa

Waggaa Sadeen har’aa Gaafa Aangoo hooggansa biyyaa Abbichuun fudhatu fi Har’a. Garaagarummaan jiru maal fa’i.
Waggaa sadeen har’a Itoophiyaan akka Yuugoslaaviyaa fi USSR bakka hedduu addaan qircamuuf biyya fiixeerra ture.

Waggaa Sadeen har’aa biyya keenyatti fixiinsi sabaa akka Fixiinsa Rohingia dhalachuuf miixutti turre.
Waggaa sadeen har’aa biyya keenyatti lolli sanyii duguggaa Sanyii akka Rwanda Huttuu fi Tussii dhalachuuf xiqqumatu hafe.

Waggaa Sadeen har’aa Biyyi diigamtee Itoophiyaan akka Libya fi Yemen dirree itti Shororkeessonni burraaqan taanee, Kabajaan Biyyummaan nurraa hafee, fakkeenya fixiinsa taana jennee yaaddoo guddaa keessa turre.

Waggaa Sadeen har’aa Seenaa Biyyoota diigamanii yaadachaa, yoo biyyi kun kufte wayi deebitee ijaaramti laata jennee, miira abdii kutannaa keessa turre.

Waggaa sadeen har’aa, haala abdii kutachiisaa keessa teenye, Waadaa Abdii gaarii Waaqayyo biyya kanaaf seene jedhamee Kitaaba Qulqulluu fi Qura’aana qulqulluu keessatti katabe yaadachaa of jajjabeessaa turre.

Waggaa Sadeen har’aa Sirni biyya keenya waggaa 27’f hoogganaa ture, Shira seexanummaa isaan Itoophiyaarra darbee nageenyaa fi hariiroo biyyoota gaanfa Afriikaa goolaa ture. Djibouti fi Eritrea, Eriterea fi Somalia, Somalia fi Kenya walitti buusee, qaxanaa Gaanfa Afrika giddugala Daldala Kontorobaandii godhee, Qaxanaa Sagaleen waraanaa irraa qaaccilu godhee ture.
Waggaa lamaan har’aa Diinagdeen biyya keenyaa Zero ta’ee, Tuullaan Idaa addunyaa mataa nu yaabbatee, biyya Ji’a tokkoof illee Miindaa Hojjetaa kaffuu hin dandeenye turre.

Waggaa sadeen har’aa murni xiqqoon Aangoo Siyaasaa fi Diinagdee shiraan too’atee Qe’een saba bal’aa onee, abbaan qe’ee karaatti kufee, Abdaarii fi Ciibsaan loon abbaa qe’ee gogee, qe’ee Ilmaan Tuulamaa akka qe’ee abaarsaa taate.

Waggaa sadeenn har’a Lammileen keenya biyya ambaatti kabajni namummaa irraa mulqamee, Itoophiyummaan salphatanii mataa gadi qabatanii, qaaniin jiraatu turan.

Waggaa Sadeen har’a Namni mirgi Yaada addaa qabaachuu irraa mulqamee, mirgi namoomaa, demokiraasii waan jedhamuu hafee, Dirreen Demokiraasii akka qaawwaa lilmoo dhiphate, Mootummaa irraa yaada addaa qabaachuun yakka ture. Hooggana fi miseensa Paartii Mormitootaa taanan manni kee Qilinxii ta’ee biyyi biyya dararaa turte.

Har’a Waggaa Sadeen(3) booda.

Falaasamni Ida’amuu Sirna Gadaa irraa waraabame Saboota biyya kanaa walitti hidhee, miira tokkummaa fi wal jaalalaan abdii Badhaadhinaa biyya kanaa akka ta’an taasise fuuldurri keenya diigamu fi bittinnaa’uu osoo hin taane Badhaadhina ta’uu nuuf mirkaneessee jira.

Har’a Humni Fixiinsaa fi duguuggaa jumlaa godhuu fedhu jiraatus, Gareewwan addaa addaa, Sabaa fi sablammoota gidduu wal Shakkii fi wal gaarreffachuurra wal jaallachuu fi wal abdachuun bu’uura jabaa irratti ijaaramee hunduu waliif abdii fi hirkoo ta’ee waadaa isaa haaromsee, Fiixee Badhaadhinaa irraa ga’uuf waloon caarraaqaa jira.
Har’a Sabaa fi Sablammoota gidduutti wal amantaan dagaagee, Biyya hunduu waliin ijaare keessatti hunduu wal qixa gahee hooggansaa fi diinagdee bachaa jira.

Har’a Itoophiyaan akka Yuugoslaaviyaa fi USSR Yaaddoo diigamuu fi bittinnaa’uu jalaa baatee, Jaarsa fi beekaa Biyyoota fiixee diigumsa irra jiranii taate. Fkn Sudaan fi Sudaan Kibbaatti osoo Abiyyi dhaqqabuu fi maaltu akka muudachuu danda’u namni xiqqoo waan walmorkii Siyaasaa hin hammayyoofnee beeku numa beeka.

Har’a nun Lammileen dhugaa biyya kanaa Walgarreeffachuu, wal shakkuu keesaaa baanee, yaaddoon diigamuu fi bittinnaa’uu biyyaa ofirraa hurgufnee Walitti ida’amnee, abdii Badhaadhinaa horannee, bakka Waadaa Rabbi Kitaaba Qulqulluu fi Quraana Qulqulluu keessatti nuuf gale gahuuf carraaqqachaa jirra.

Ha’a erga Hooggansi Jijjiiramaa Ilmaan Abbaa Gadaa biyya Jabduu gaanfa Afriikaatti aangoo qabatanii Gaanfa Afriikaatti fooliin nagayaa urgaa’e. Waraanni waggaa 20 Ethiopia fi Eriteria hafee nagaan bu’ee jira.

Wal waraanuu fi walitti gaarreffachuun Djibouti fi Eritrea jidduu hafee, Somalia fi Eritrea gidduutti nagaan bu’e. Somalia fi Kenya waraanaan dhukkee walirraa kaasuuf turan walitti araaraman. Sudaan Kibbaatti Mootummaan ce’umsaa addunyaan hundeessuu yaalte dadhabde ni hundaa’e.

Duumessi wal fixiinsaa Sudaanotaa fi diigamuu Sudaanitti dhufe hafe Sudaanitti mootummaan Siivilii hundaa’e.
Gaanfi Afrikaa kuni qaxanaa yaaddoo fi daldala Kontorobaandii irraa qaxanaa nagayaa ta’ee, amma immoo Walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota gidduutti uumamuuf jiruun Giddugala Oomisha, daldalaa fi Turizimii addunyaa ta’uu dhiibbaa gama diinagdeen naannoon kuni Addunyaa irra uumuuf jiru guddaatu jira.
Bu’aa hooggansi Ilmaan Abbaa gadaa Gaanfa Afriikaatti nagaa buusee, Walitti hidhamiinsa Diinagdeen walitti dammaruuf godhe kan ilaalte Addunyaan Badhaasa Addunyaa irratti tokkoffaa ta’e Nobel Nagayaa Muummicha Ministera fi biyya keenya badhaaste.

Har’a biyya keenyatti Riiformii diinagdee Biyya keessaa biqile hojiirra oolchuun Diinagdee biyyaa qonnaa mala aadaa irratti hundaa’u qofa osoo hin taane, Turizimii, Industry, Daldala, Tajaajiloota adda addaa fi Seektaroonni biroo gahee diinagdee keessatti bahachuu qaban akka bahatan tahaa jira.
Addunyaanis Riifoormii gaggeeffamaa jiru irratti amantaa guddaa horachuun Deeggarsa maallaqaa gurguddaa Riifoormicha milkeessan gochuutti jira.

Haala ta’een Dhaabbileen maallaqaa Idil Addunyaa akka IMF baajata mootummaa idilee biyya kamiituu deeggaranii kan hin beekne Dollara bill hedduu Baajata idilee Mootumma deeggaraa jiru.

Gama biraan har’a Diinagdeen biyyaa gaafa Wayyaanee kan murna muraasaa ture, guddinnii biyyaa dhufuu fi Qabeenyi biyyi horattu kan uummata bal’aa ta’ee jira.
Maqaa Investment fi waan biraan qe’ee namaa onsuun, abdaarii fi cibsaa loon abbaa qe’ee akka mortuu gogsuun waan hin yaadamne ta’ee jira.

Har’a Tarsiimoo Dippiloomaasii Kabaja biyyaa fi lammilee irratti hundaa’u hordofnuun Itoophiyaanummaan kan itti qaanfatan osoo hin taane, kan itti boonan ta’ee jira.
Namoonni biyya ambaatti hidhaman hiikamanii, kan biyyarraa baqatan biyyatti galani.

Muummeen keenya Xiyyaara ofiif ittiin biyyoota biroo deemuun lammiilee hidhaa irraa hiiksisee fudhatee galu argachuu caala eebbi wayi jiraaree?

Har’a Dirreen Siyaasaa bal’atee, Mootummaa mormuun, Qeequun, arrabsuun mirga ta’ee, Paartii ijaarrachuun mirga ta’ee, Akka fedhan haasa’uun, barreessuun, Gaazexaa, TV fi Radio banachuun mirga ta’ee jira.
Namni waan yaadeef ykn ejjannoo Siyaasaa isaaf hidhamuun sichi biyya kanatti seenaadha jechuudha.
Hoogganoonni fi Miseensonni Jaarmiyaalee Siyaasaa hidhaa hiikkamanii, Dhaabbileen Siyaasaa fi Hoogganoonni Siyaasaa akkasumas Miidiyaaleen biyya alaa taa’anii dhimma biyya isaanii haasa’aa turan hunduu sassaabamanii gara biyyaa galani.

Jijjiiramoota waggaa lamaa duraa fi har’aa hedduu jiraatullee kan hafe itti deebina.

Mee Hooggaanni Waggaa lama qofa keessaatti jijjiirama hanga kanaa fide yoo jiraate seenaa Addunyaa kana keessatti eenyu as fidaaa?

Ergaa Adda Obsan Dubbisa

Ergaa guddaa
⛂Mucaa tokko Abbaa isaattu du’e namni tokko isaa waliin hin deemne reeffa awwaaluu:- baadiyya buusee abbaa isaa awwaaluuf dachii qotuu eegale…

Ni arge namtichi warra baadiyyaa re’ee tiksu tokko dhaqee bira gahee ni gaafate
اين الناس”
Meerre ummanni: kan abbaa kee qofaa awwaaltu?

Ilmi waan abbaa isaa himuu hin feene jecha tokko jechuu eegale………
لا حول ولا قوه الا بالله”
Laahuwla walaa quwwata illaa billaa. jechaa qabrii abbaa isaa qofaa qota
Namtichi baadiyyaa sun gargaaruu eegale ni awwaalan harka isaa ol qabee icitiidhaan du’aa’ii godheef namtichi warra baadiyyaa kun san booda ilma namticha du’ee kana achumatti dhiisee gara re’ee isaa deeme…….

Halkan san ilmi abbaa arge manaamaan abbaa isaa kan kolfaa jiru gammachuudhaan jannata firdoowsiin keessatti ni gaafate ilmi abbaa yaa abbaa maaltu mana kee achii siif godhe sababni maali??

Abbaan ni jedheen du’aa’ii namticha baadiyyaa san siwaliin qabrii tiyya qotee na awwale sani jedheen
mucaan ajaa’ibee barbaaduu eegale baadiyyaaf gaara bahe bu’ee hanga argatu takkatti argee gaafate
Ni gaafate rabbumaan naaf himi du’aa’ii akkam gooteef abbaa kiyyaaf qabrii keessatti?
فقد رايته في الفردوس الاعلى
Firdoowsii ol aantuu keessattin isa argee?

Ni deebiseef “a’araabiin´´ ykn namtichi baadiyyaa re’ee tiksu sun:- yaa ilma kiyya akkuma gabrichi rabbiin du’aa’ii kadhatuttin kadheef

yaa rabbii keessummaan kun sibira dhufe ana bira silaa dhufee niin keessummeessa ani arjaadha:-
Ati garuu arjaadha arjaa arjaarraati ati akkaan arjaadhaa ati hunda caalaa arjoomta kanaaf keessummaa sibara dhufaa jira kanaa arjoomi araaramiif jedhee rabbiin kadheef

Yaa rabbii qaama keenya Azaaba qabriii jalaa
ibidda jahannam jalaa najaa nubaasi

Yaa rabbii warra ummanni gaggaariin “”du’aa’ii”” godhaniif nu taasisi
yaa rabbii jannata al firdoowsiin nu galchi
آآآآآآآآآآمييببببن
Allaahumma AMIIIN

Yoo dubbiftee geessifte barreefama kana waan ajrii itti argattuun cufi fkn⬇ Tasbiihaan Aayataan Du'aa'iin Salawaataan habiibii keenya nabi Muhammad Sallallaahu aleyhi wasallam

صلى على سيدنا ونبينا محمد.
صلى الله عليه وسلم

Dhamsa Muummichaa

Dhaamsa_Muummichaa !!

“Adeemsi filannoo marsaa ja’affaa baranaa bilisa, haqa-qabeessaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf murannon hojjachaa jirra.

Walga’ii hoggantoota mootummoota naannolee fi Boordii Filannoo yeroo darbe waliin geggeessineen, buufataaleen filannoo hafan akka banaman, wantonni hin xumaramin akka xumura argatan akeekuun keenya ni yaadatama. Har’a walga’ii itti aanu teenyee adeemsa ture gamaaggamneerra.

Filannoon agarsiistota ijaarsa aadaa dimokiraasii keessa isa tokko; adda addummaan rasaasaan osoo hin ta’in kaardii filannottin adeemsa itti furmaata argatu.

Karaa filannoo lammiileen qaama amanan gara guutuun filachuuf, akkasumas adeemsa dimokiraasii ijaaruuf hirmaanna hoo’aa taasisuuf carraa ni argatu.

Filannoon as dhufaa jiru kun Itoophiyaa fuulduratti kan furguggeessu waan ta’eef, waliin taanee itti gaafatamummaa akka lammiitti qabnu ba’achuu qabna. Bor murteessuuf, har’a galma’aa!”
Kabajamoo Dr. Abiyyi Ahimad
Muummee Ministeeraa

Yaada Furmaata Filannoo Marsa 6ffaa

New Volunteer Opportunities

Donating money isn’t the only way to give to charitable organizations, many of whom rely on volunteers for various services. If you find yourself with free time on your hands on your weekend, or during the week, you could consider putting in some community service. Not only will you help a good cause, but it can also be a way to meet people and learn new skills.

Celebrate Microvolunteering Day

You want to get involved and give back to the community, but can’t fit another big commitment into your busy schedule? Then microvolunteering might just be the thing.

Microvolunteering is a small, bite-sized task or project, that is quick and easy to perform. Best of all there’s a range of things you could do online, in as little as 30 minutes. Donating processing time on your computer, signing an online petition, or promoting a charity on social media are all examples of microvolunteering that you could do today.