Design a site like this with WordPress.com
Get started

BoRENA

የዚህ ሀገር ፖለቲካ ቅጥ አጣ
  ¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤
በተራበውና በተቸገረዉ ህዝብ ስም ያዘኑ መስሎ ፖለቲካ መስራት ምን ማለት  ነዉ ? #የቦረና ህዝብ ችግር ላይ ነው ፣ ተርበዋል ? መንግስትና የኢትዮጵያ ህዝብ ልንደርስላቸው ይገባል ? አዎ ልክ ነው ። ነገር ግን አንዳንድ ቡድኖች ይህን የተፈጥሮ የተጎዳውን ህዘብ እንደ #አጀንዳ አድርጎ የፖለቲካ ትርፍ ለማግኘት የሚደረገው እንቅስቃሴ የሞራል ውድቅት ውስጥ እንደ ሆኑ የሚያሳይ ነው።

የህን ሳምንት ሙሉ #ቦረና እንድህ ሆነ ብሎ ሲያዶንቁሩን የነበሩ ሰዎችና ሚዲያዎች ለህዝቡ የደረሱለት የተ አለ? እስካሁን #ለሚዲያ ፍጆታ ከመጠቀም ዉጪ ምንም አላደረጉም ።

በሁሉም #የኢትዮጵያ አቅጣጫ የምትገኙ ዉድ የሀገራችን ህዝቦች #የቦረና ህዝብ የሁላችንም እርዳታ ይፈልጋል እጃችንን እንዘርጋላቸዉ።

አንዳንዱ #በበጎ ህሊና እና #ሰብዓዊነት ተሰምቶት ስለ ቦረና ጉዳት ሲጮኽ አብዛኛው ግን መንግስት ላይ #ጫና ለመፍጠር እና መንግስት ስንዴ ኤክስፖርት አደርጋለሁ በማለቱ ለማጥላላት የተደረገ እየተደረገ ያለ ዘመቻ ነው።በየትም ይሁን ግን በየትም የቦረና ህዝብ ችግር ወደ #አደባባይ መውጣቱ መልካም ነው። #ብልጥ የተወረወረበትን ድንጋይ አንስቶ ቤት #ይገነባበታል። መንግስት ይሄንን እንደመልካም አጋጣሚ በመጠቀም ለህዝብ የሚገባውን እርዳታ ማሰባሰብ ይኖርበታል!!

አንዳንዱ #በበጎ ህሊና እና #ሰብዓዊነት ተሰምቶት ስለ ቦረና ጉዳት ሲጮኽ አብዛኛው ግን መንግስት ላይ #ጫና ለመፍጠር እና መንግስት ስንዴ ኤክስፖርት አደርጋለሁ በማለቱ ለማጥላላት የተደረገ እየተደረገ ያለ ዘመቻ ነው።

በየትም ይሁን ግን በየትም የቦረና ህዝብ ችግር ወደ #አደባባይ መውጣቱ መልካም ነው። #ብልጥ የተወረወረበትን ድንጋይ አንስቶ ቤት #ይገነባበታል። መንግስት ይሄንን እንደመልካም አጋጣሚ በመጠቀም ለህዝብ የሚገባውን እርዳታ ማሰባሰብ ይኖርበታል!!

ላምምን Lammif

ለቦረናን እንድረስ
ጎበዝ ኢትዮጵያ Facebook ላይ ያለችው አደለችም ብዙዎች ቦርናን ለመርዳት ድርቁ ከተከሰተበት ጊዜ አንስቶ ላለፉት 3ዓመታት ህዝቡንም ሆነ የህዝቡ መገለጫ የሁኑትን የሚያረባቸውን እንሰሳቶች ለመርዳት በተቻለው አቅም ከራሱ ቀንሶ ለመርዳት ሲጣጣር ቆይቷል አሁንም መቀጠል አለበት።

ነገር ግን Facebook ላይ ባሉ ጽንፈኞች የተነሳ የቦረናን ጉዳይ ከአደጋነቱ ይልቅ ወደ ፖለቲካ ቁማርነት እየተየረ ነው።ጽንፈኞች ሆነ ብለው ጉዳዩን ወዳልሆነ አቅጣጫ እንዲሄድ በማድረግ አስፈላጊውን እርዳታ እና ድጋፍ የማድረጉን ሂደት እንዲስተጓጎል እያደረጉት ይገኛሉ።

በአንዳንድ የሀገር እና የውጪ ሚዲያውች ሳይቀ ሆነ ተብሎ የድሮ ፎቶዎችን እና ዘገባዎችን በመጠቀም መንግስት ለጉዳዩ ትኩረት እንዳልሰጠ ለማስመሰል እና ፖለቲካዊ ትርፍ ለማግኘት በሚያስተዛዝብ አካሄድ እየተጓዙ ነው።

ህዝቡን ለመርዳት የምትፈልጉ ኢትዮጵያዊያን በኦሮሚያ መንግስት የተከፈቱት የእርዳታ ማሰባሰቢያ አካውንቶች
   1= ሲንቄ ባንክ  029565101201
   2= ንግድ ባንክ  1029565101201

Obbolummaadhan Gara Badhaadhinattii Seenun

Obbolummaadhaan Gara Badhaadhinaatti!


Finxaaleessummaan daandii mo’atamtootaa kan miidhaa male faayidaa hin qabne, garaagarummaa male tokkummaa hin labsinedha.

Badhaadhina biyya keenyaatiif daandiin murteessaanii fi bu’uura ta’e obbolummaadha.

Qormaatilee imala keenyaa kanneen ta’an waloodhaan tarkaanfannee galma yaadne gahuu kan nuti dandeenyu waliif yaaduu fi wal tumsuu aadeffannee obbolummaa dhugaatiin yoo ida’amnedha.

Obbolummaan furmaata rakkoolee hundaati. Ilaalchii fi gochi finxaalessummaa akka maqu, lammiilee gidduutti tokkummaa fi jaalalli akka jiraatu duudhaa obbolummaa cimsuun barbaachisaadha.

Kanaaf lammiin hunduu duudhaa obbolummaa cimsuu fi dagaagsuudhaan galma gahiinsa imala badhaadhina biyya keenyaatiif gahee keenya haa bahannu.

BreakingNews

Manii Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Walgahii Idilee 3ffaa bara Hojii 6ffaa Waggaa 2ffaa, Guyyaa 20/06/2015 gaggeessen murtoowwan armaan gadii dabarsee jira.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma arifataa, ittifufiinsaa qabu fi bu’uura bal’aa qabu galmeessisuun jireenya uummataa naannichaa bu’uurarraa foyyeessuuf tarsiimoowwan misooma adda addaa bocuun gurmaa’iinsa fi hojimaata tarsiimoo kana bu’aa qabeessaa gochuu danda’u diriirsuun hojjechaa turuun isaa ni yaadatama.

Waggoottan darban keessatti misooma magaalaa hawaasni keenya irraa fayyadamu gaggeessuuf akkaataa sadarkaa guddina isaanitiin magaaloota hedduu hundeessuun hojiin bal’aan kan hojjetame ta’uullee sadarkaa guddina amma irraa geenyeen magaalota Ammayyaa’aa fi dorgomaa ta’e uumuun magaalota ummataa fi Naannoo keenya madaalan uumuuf akkasumas seeraan alummaa to’achun haloota wal xaxaa magaaloota keessatti mul’ataa jiru hogganuuf gurmaa’insa jiru sakkatta’uun fooyyeessaa deemuun murteessaa dha.

Waan ta’eef carraa fi potenshiyaala magaaloonni kun qaban bakka tokkotti fiduun waliin misoomuufi kaayyoo waloo qabaachuun pilaanii tokkoon hoogganamanii karaa ”integrated” ta’een akka misooman taasiisuun guddina hunda-galeessa ta’e horatanii humna diinagdee cimaa akka qabaatan gochuun galma wabii nyaata mirkaneessuu, ogummaa dagaasguu, qorqalbii biizinasii guddisuu fi tajaajila fooyyeessuuf qabame milkeessuuf magaaloota lamaa fi isaa ol bakka tokkotti gumeessuun karaa tarsiimaa’aa ta’e hogganuun barbaachiisaa waan ta’eef, karaa bulchiinsaaf mijataa ta’een walitti makamiinsa magaaloota akkaataa armaan gaditiin raawwataeera,

  1. Magaalaa Bishooftuu:- Magaalaa Bishooftuu, magaalaa Duukam, akkasumas magaaloota mana qopheessaa Hiddii, Udee Dhankaaakaa fi Dirree walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi aanaalee 10 n akka gurmaa’u ta’eera.
  2. Magaalaa Shaashamannee:- Magalaa Shaashamannee fi magaalaa Bishaan Gurraachaa walitti makuun kutaa magaalaa 4 fi aanaalee 12 akka gurmaa’u ta’eera
  3. Magalaa Adaamaa:- Magaalaa Adaamaa fi magaalaa Wanjii walitti makuun kutaa magaalaa 6 fi aanaalee 19’n akka gurmaa’uu ta’eera.
  4. Magaalaa Roobee:- Magaalaa Roobee fi Gobbaa walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12n akka gurmaa’u ta’era.
  5. Magaalaa Maayaa:- Magaalaa Haramaya, magaalaa Awwaday fi magaalaa Adeellee walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12 n akka gurmaa’u ta’eera.
  6. Magaalaa Baatuu:- Magaalaa Baatuu fi magaalaa Adaamii Tulluu walitti makuun gandoota 7 n akka gurmaa’uu ta’eera.

Kun akkuma eegameetti ta’ee magaaloonni keenya carraa misoomuu qaban karaa guutuu ta’een fayyadamuun misooma hunda galeessaa ta’e akka galmeessisan gochuuf akkasumas bakkeewwan adda addaatti magaaloota wiirtuu huula misooma ta’uu danda’an uumuun misoomaa magaaloota fi aanaalee naannoo isaanii jiraniif saffisiisuu irratti shooraa irraa eegamu akka taphatan gochuuf xiyyeeffannaa hoggansaa olaanaa akka argatan gochuun barbaachiisaa waan ta’eef magaaloonni armaan gaditti ibsaman ittiwaamamni isaanii Mootummaa Naannichaatiif akka ta’u murtaa’eera.

  1. Magaalaa Mattuu
  2. Magaalaa Aggaaroo
  3. Magaalaa Bulee Horaa
  4. Magaalaa Najjoo
  5. Magaalaa Sandaaffaa Bakkee
  6. Magaalaa Shanoo
  7. Magaalaa Mooyyaaalee
  8. Magalaa Dodolaa
  9. Magaalaa Shaakiisoo

Bifumaa walfakkaatuun humna raawwachiisummaa magaaloota fooyya’ee tajaajilaa si’ataa,qulqulluu ta’e gahumsa qabu akka dhiyaatu fi misooma hunda galeessaa ta’e akka galmaa’u gochuuf sochii hawaas-dinagdee akka waligalaatti jiru fi guddinni magaaloota yeroo dha gara yerootti dabalaa dhufee giddugaleessaa gochuun sadarkaa magaalootaa akkaataa arrmaan gaditiin akka fooyya’u murtaa’eera.

  1. Magaalaa Adaamaa fi Shaashamannee fi Bishooftuu:-Magaalaa Riijiyoopoolis
  2. Magaalaa Roobee fi Maayaa:-magaalaa Mummee
  3. Magaalaa Mattuu, Aggaaroo, Bulee Horaa, Najjoo, Sandaaffaa Bakkee, Dodolaa, Shanoo, Moyyaalee fi Shaakkisoo – magaalaa Olaanaatti akka guddatan murtaa’eera.

Karaa biraatiin gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ka’aa ture deebisuun misooma hawaas-dinagdee saffiisaa ta’e galmeessisuf, seeraan alummaa naannoo daangaa jiru maqsuuf, rakkoo nageenya naannoolee olaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf akkasumas tajaajila qaqqabamaa ta’e dhiyeessuuf gurmaa’iinsa fi hojimaata gahumsa qabu fi bu’aaa qabeessaa ta’e diriirsuun barbaachiisaa waan ta’eef godinni Booranaa Bahaa godina haaraa ta’e akka gurmaa’uu murtaa’eera.

Godinni Booranaa Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uu kun teessoon isaa Nagallee Booranaa ta’ee:-
 Godina Booranaa irraa aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waachilee
 Godina Gujii irraa:- aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, Magaala Nageellee Booranaa,
 Akkasumas godina Baalee irraa:- aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ta’eera.

Gurmaa’iinsa haaraa kana keessatti godinni Booranaa Bahaa bifa haaraatiin yemmuu gurmaa’u teessoon godina Gujii, Adoolaa Reeddee ta’ee teessoon godina Booranaa immoo magaalaa Yaabeello akka ta’u murtaa’eera.

Gama birootiin gurmaa’iinsa mijataa fi hawaasaaf qaqqabamaa ta’e uumuuf bal’ina lafa, rakkoo nageenyaa, gaaffii Bulchiinsa Gaarii fi akkasumas misooma ariifataa mirkaneessuuf aanaa madaa walaabuu kan turee iddoo lammatti jechuuniis aanaa Madaa walaabuu fi aanaa Oboorsoo ta’ee akka gurmaa’uu fi aanaa cinaaksaan kan ture aanaaleen lamaan jechuuniis aanaa Cinaaksanii fi aanaa Makkannisaa Oromoo ta’ee akka gurmaa’uu murtaa’eraa.

Breaking News: Abiy Ahmed Ali

Gootummaan Abichuu keenyaa ittuma fufee jira
Congra Abichuu
Tarree hoggantoota dimokiraasii Afrikaa kan ifoomse ‘Open Magazine’ MM Abiy Ahmad sadarkaa 1ffaa irratti kaa’eera.


‘Open Magazine’ kan Hinditti maxxanfamu, tarree hoggantoota dimokiraasii Afrikaa maxxanseera.

Barruun kun waggoota dhiyoo asitti ardii kana keessatti ce’umsi dimokiraasii hedduun akka raawwatamee fi biyyoota adda addaa keessatti hoggantoonni haaraan gara aangootti akka dhufan gabaaseera.

Akkasumas hoggantoonni haaraan kun imaammata dinagdee biyyoota isaanii fi haaromsa sagantaa wabii hawaasummaa dizaayinii fi hojiirra oolchuudhaan jijjiirama guddaa akka fidan ibsa.

Hoggantoota dimokraatawaa waggoota darban keessa Afrikaatti aangootti dhufan keessaa barruun kun Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad isa jalqabaa ta’ee tarreessa. Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, Zimbaabuwee Emmerson Mnangagwaa fi Laayibeeriyaa Joorji Wihaan sadarkaa 2ffaa hanga 4ffaatti argamu.

Hogganaa Itoophiyaa ammaa, MM Abiy Ahimad, kan bara 2018 gara aangootti dhufan, hoggantoota dimokraatawaa Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irratti maaliif akka kaa’an ibsa – barruulee.

Akka ibsa barruu kanaatti
1.Ministirri Muummee imaammata dinagdee gabaa irratti xiyyeeffate hojiirra oolchaniiru;
2.Dhaabbilee mootummaa dhuunfaatti dabarsan. 3.Invastimantii biyya alaa hawwachuu danda’aniiru.

  1. Dhaqqabummaa tajaajila fayyaa fi barnootaa babal’isuuf tattaaffiin taasifameera.
  2. Kaabinee keessaatti hirmaannaa dubartii ta’a warra dhufta waliin Wi dressed jira.
  3. Gama haaromsa siyaasaatiin bilisummaa miidiyaa bananiiru
    7.Hidhamtoota siyaasaa gadi lakkisaniru
    8.Gareewwan siyaasaa mormitootaa kanaan dura dhorkamanii turan baqattummaarraa akka deebi’an affeeraniiru.
    9.Kana malees bulchiinsi kun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa milkeessee jira.
    10.Daandii Baaburaa Finfinnee-Jibuutii hoojataniiru
    11.paarkiiwwan industirii adda addaa dabalatee pirojektoota gurguddoo hedduu hojiirra oolcheera.
  4. Akka barruu kanaatti, Ministirri Muummee Abiy sagantaa ashaaraa Magariisaa bara 2019 eegaluun, waggaa tokko qofa keessatti biqiltuu biiliyoona 4 guutuu Ityoophiyaa keessatti dhaabuuf karoorfachuun, waan karoorfame ol galmaan gahuu danda’eera.

13.Ministirri Muummee gama dippilomaasii keessattis gahee olaanaa qabu.

14.Bara 2018 biyya isaa fi Eertiraa gidduutti nagaa buusuun waldhabdee waggoota kurnan 2f ture xumuruun, badhaasa Noobeelii Nageenya Addunyaa bara 2019 injifateera. Jechuun gootuummaa Abichuu ibsee jira
Teenya oluma!

Abiy Ahmed Ali

Waligalan Alaa Galan Jedhuu mitiree

Waliigalan Alaagalan!


Walii galteen furmaata rakkoolee hundaati. Humni walii gale ni jabaata, rakkoo tarkaanfatee injifannoo goonfata, wal hubateetis fuula duratti tarkaanfata.

Garaagarummaan yaadaa, ilaalcha siyaasaas ta’ee kanneen biroo madda garaagartee tokkummaa keenyaa ta’uu hin qaban. Dhimma waloo irratti walii galtee uumuudhaan tokkummaa jabeessuun daran murteessaadha. Garaagarummaa kamuu marii fi walii galteedhaan dhiphusuu, waldhabdee jirus araaraan xumuruun duudhaa keenya kaleessaa bu’uura ammayyummaa har’aa ta’een rakkoo furuun barbabaachisaadha.

Tokkummaa cimaa ta’e qabaannee galma feenu akka nuti hin geenye, obbolummaadhaan dhaabbannee mul’ata keenya akka hin dhugoomsine goochuuf qaamoleen carraaqan jiraatanus tokkummaadhaan male ce’umsa mirkaneessuun akka hin danda’amne hubannee rakkoolee keenya marii fi araaraarn hiikkachuun dhimma waloo irratti tokkummaan dhaabbachuun murteessaadha.

Misooma amansiisaa fi nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuudhaan badhaadhina hunda galeessa ta’e galmaan gahuuf qaamni hunduu tokkummaa waloo cimsuu irratti dursa kennee xiyyeeffannoon hojjachuu qaba. Iccitiin milkii fi injifannoo keenyaa tokkummaa keenya ta’uu qixaan beeknee fin hubannee gahee keenya haa bahannu.

IDA’AMUU BOQONNAA 14FFAA

Boqonnaa 14ffaa:  (AbiyAhmedAli) #IDAAAMUU #ABIYAHMEDALI ይህ ‘የመደመር መንገድ’ የተሰኘ መጽሐፍ፥ የለውጡን ፈለግ እና መደመር ያለፈበትን መንገድ ወደ ኋላና ወደ ፊት፣ መለስ ቀለስ እያለ ይዳስሳል። በብዙ ውጣ ውረዶች አልፎ ዛሬ ላይ የደረሰውን ለውጥ የወለዱ አስተሳሰቦች ምን እንደሆኑ፣ ከጥንስሱ ጀምሮ የሪፎርም ጉዞው ምን እንደሚመስል፣ በሂደት የተፈጠሩ መልካምና ፈታኝ አጋጣሚዎች እንዲሁም ተጓዳኝ ታሪኮችን ይዟል። ከዛሬ ነገ እጽፋቸዋለሁ እያልኩ […]

IDA’AMUU BOQONNAA 14FFAA

BreakingNews

Boqonnaa 16ffaa:  Ida’amuufi Walitti Dhufeenya Alaa (AbiyAhmedAli)

#IDAAAMUU #ABIYAHMEDALI

ይህ ‘የመደመር መንገድ’ የተሰኘ መጽሐፍ፥ የለውጡን ፈለግ እና መደመር ያለፈበትን መንገድ ወደ ኋላና ወደ ፊት፣ መለስ ቀለስ እያለ ይዳስሳል። በብዙ ውጣ ውረዶች አልፎ ዛሬ ላይ የደረሰውን ለውጥ የወለዱ አስተሳሰቦች ምን እንደሆኑ፣ ከጥንስሱ ጀምሮ የሪፎርም ጉዞው ምን እንደሚመስል፣ በሂደት የተፈጠሩ መልካምና ፈታኝ አጋጣሚዎች እንዲሁም ተጓዳኝ ታሪኮችን ይዟል። ከዛሬ ነገ እጽፋቸዋለሁ እያልኩ ሳልጽፋቸው፣ በልቤ ሰንዱቅ እንደታሸጉ ለረጅም ዘመናት አብረውኝ የቆዩ ትዝታዎቼ እና ከጓዶቼ ጋር የተጋራኋቸው ወዳጃዊ ሐሳቦች ጭምር ተካትተውበታል። በብዙ ጉዳዮች ላይ የተሻለ ግንዛቤ ይሰጣል የሚል እምነት አለኝ። ቀደም ሲል ለወጣው መጽሐፍ እንደ ተከታይና አስረጂ ሆኖ እንዲያገለግል ዘርዘርና ሰፋ ብሎ፣ ከመጠነኛ የአጻጻፍ ቅርጽ ለውጥ ጋር የተሰናዳ መጽሐፍ ነው።

በዝግጅት በኩል ሲታይ መጽሐፉ ሁለት ዓመታትና ከዚያ በላይ የሆነ ጊዜ የወሰደ ሲሆን፣ የተጀመረበት ወቅት ከዚያኛው የመደመር መጽሐፍ ቢቀድም እንጂ አይዘገይም። ልክ እንደ በፊቱ በሁለት ቋንቋዎች፥ በአማርኛና በአፋን ኦሮሞ ተሰናድቶ የኅትመት ሥራው ስለተጠናቀቀ ነገ አንባቢ እጅ ይደርሳል።

መልካም ንባብ!!

Kitaabni ‘Daandii Ida’amuu’ jedhamu kun, faana jijjiiramaafi daandii ida’amuun keessaa darbe duubaafi fuulduratti adeemee xiinxala. Yaadonni jijjiirmni bu’aa bayii hedduu keessaa darbee as gahe kun uume maala akka ta’an, adeemsi riifoormichaa jalqabarraa kaasee maal akka fakkaatu, mudannoowwan gaariifi qorumsa ta’anii adeemsa keessa uumaman, akkasumas seenaawwan walittihidhata qaban qabateera. Yaadannoowwan har’a yookiin boran barreessa jedhee utuu hin barreessiin keessaakootti saamsamanii yeroo dheeraaf nawaliin turaniifi yaadotni hiriyyummaa ani jaalleewwankoof qoodes keessaatti haammatamaniiru. Dhimmoota heddurrattis hubannoo fooyyee qabu akka kennun amantaa qaba. Kitaaba kana dura baheefis itti fufiinsaafi ragaa ta’ee akka tajaajilu gadifageenyaafi bal’inaan, jijjiirraa bifa barreeffamaa xiqqaa waliin kitaaba qophaa’edha.

Gama qophiitiin yoo ilaalamu kitaabichi waggoota lamaafi isaa ol kan fudhate yoo ta’u, yeroon itti jalqabame kitaaba ‘Ida’ amuu’ isa sana yoo durse malee booda hin ta’u. Akkuma isa duraa afaanota lamaan jechuunis Afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin qophaa’ee hojiin maxxansasaa waan xumurameef bor dubbistoota harka ni gaha.

Dubbisa gaarii!

IDA’AMUU BOQONNAA 14FFAA

Boqonnaa 14ffaa: 

(AbiyAhmedAli)

#IDAAAMUU #ABIYAHMEDALI

ይህ ‘የመደመር መንገድ’ የተሰኘ መጽሐፍ፥ የለውጡን ፈለግ እና መደመር ያለፈበትን መንገድ ወደ ኋላና ወደ ፊት፣ መለስ ቀለስ እያለ ይዳስሳል። በብዙ ውጣ ውረዶች አልፎ ዛሬ ላይ የደረሰውን ለውጥ የወለዱ አስተሳሰቦች ምን እንደሆኑ፣ ከጥንስሱ ጀምሮ የሪፎርም ጉዞው ምን እንደሚመስል፣ በሂደት የተፈጠሩ መልካምና ፈታኝ አጋጣሚዎች እንዲሁም ተጓዳኝ ታሪኮችን ይዟል። ከዛሬ ነገ እጽፋቸዋለሁ እያልኩ ሳልጽፋቸው፣ በልቤ ሰንዱቅ እንደታሸጉ ለረጅም ዘመናት አብረውኝ የቆዩ ትዝታዎቼ እና ከጓዶቼ ጋር የተጋራኋቸው ወዳጃዊ ሐሳቦች ጭምር ተካትተውበታል። በብዙ ጉዳዮች ላይ የተሻለ ግንዛቤ ይሰጣል የሚል እምነት አለኝ። ቀደም ሲል ለወጣው መጽሐፍ እንደ ተከታይና አስረጂ ሆኖ እንዲያገለግል ዘርዘርና ሰፋ ብሎ፣ ከመጠነኛ የአጻጻፍ ቅርጽ ለውጥ ጋር የተሰናዳ መጽሐፍ ነው።

በዝግጅት በኩል ሲታይ መጽሐፉ ሁለት ዓመታትና ከዚያ በላይ የሆነ ጊዜ የወሰደ ሲሆን፣ የተጀመረበት ወቅት ከዚያኛው የመደመር መጽሐፍ ቢቀድም እንጂ አይዘገይም። ልክ እንደ በፊቱ በሁለት ቋንቋዎች፥ በአማርኛና በአፋን ኦሮሞ ተሰናድቶ የኅትመት ሥራው ስለተጠናቀቀ ነገ አንባቢ እጅ ይደርሳል።

መልካም ንባብ!!

Kitaabni ‘Daandii Ida’amuu’ jedhamu kun, faana jijjiiramaafi daandii ida’amuun keessaa darbe duubaafi fuulduratti adeemee xiinxala. Yaadonni jijjiirmni bu’aa bayii hedduu keessaa darbee as gahe kun uume maala akka ta’an, adeemsi riifoormichaa jalqabarraa kaasee maal akka fakkaatu, mudannoowwan gaariifi qorumsa ta’anii adeemsa keessa uumaman, akkasumas seenaawwan walittihidhata qaban qabateera. Yaadannoowwan har’a yookiin boran barreessa jedhee utuu hin barreessiin keessaakootti saamsamanii yeroo dheeraaf nawaliin turaniifi yaadotni hiriyyummaa ani jaalleewwankoof qoodes keessaatti haammatamaniiru. Dhimmoota heddurrattis hubannoo fooyyee qabu akka kennun amantaa qaba. Kitaaba kana dura baheefis itti fufiinsaafi ragaa ta’ee akka tajaajilu gadifageenyaafi bal’inaan, jijjiirraa bifa barreeffamaa xiqqaa waliin kitaaba qophaa’edha.

Gama qophiitiin yoo ilaalamu kitaabichi waggoota lamaafi isaa ol kan fudhate yoo ta’u, yeroon itti jalqabame kitaaba ‘Ida’ amuu’ isa sana yoo durse malee booda hin ta’u. Akkuma isa duraa afaanota lamaan jechuunis Afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin qophaa’ee hojiin maxxansasaa waan xumurameef bor dubbistoota harka ni gaha.

Dubbisa gaarii!

BOQONNAA 14FFAA