Design a site like this with WordPress.com
Get started

Jireenya Addunya kana Keessatti, Namoota Rakkoo Namootattii Bashananan( ራክኮኦ Hirayyaatti Rahaa gochuu barbaadan Rabbin Isin irra haa qabuu

Jireenyi qormaata obsun furmaata.

https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09

Bishaan boora’e iddoo tokkotti utuu hin taliila’in hin darbu!!
Wallaansoon jireenyaa addunya dirree diriiraa qofarratti falmii taasisuun abjuudhan. Hin ta’u, jireenyi diraamaa akkasii hin qabdu, hin qabaattus. Tabba ol yaabuun, hallayyaa gadi bu’uun filannoo jireenyaa otoo hin taane dirqama jireenya dachee burraaburree tanaati.
Erga gara dachee tanaatti affeerramanii, isa dhama mi’aawaa qabus, kan hadhaawus arraba tokkoon dhandhamuun ulaagaa jireenya addunyaati.
Bishaan boora’e iddoo tokkotti uutu hin taliila’in hin darbu kanan jedheef waa malee miti. Mee gara jireenya dhuunfaa keenyatti maqsinee haa ilaallu. Dhalli namaa fedha danuu qaba. Fedha dhala namaatti daangaa sararuun hin yaadamu.
Haa ta’u malee yeroo murtaa’aa keessatti kaayyoo daangaa qabeessa akka qabaatu wal nama hin mormisiisuu.
Kaayyoo isaa bira qaqqabuf eenyuyyuu hanga humnaa fi beekumsa isaatti ni carraaqa. Garuu lafa kaayyoo sana ga’uuf diraamaa heddu keessa darbuun dirqama. Egaa! Diraamaa kanatu bishaan laga keessa yaa’un wal nu fakkeessa, boora’uun jira, taliila’uunis jira.
Xurree mana kaayyoo keenya geessu irraas taatota imala keenya gufachiisan danuutu jira. Taatota yoon jedhu rakkoowwan ykn danqaawwan akka nuti hin milkoofnef nu sakaalan ibsuu barbaadeni. Baayyeen keenya diinota rasaasa nutti roobsan kana keessa darbuun nutti ulfaata.
Akkuma kan rasaasni rukute qaamni isaa madaa’u, yeroo qormaatileen jajjaboo akkasii nu mudatan abdii kutachuudhaf harka laanna. Rasaasni lubbuu namaa dabarsa Garuu jireenya keessatti lubbuun darbuun, kufanii ka’uu dadhabuudha.
Qomoo Koo! Hanga yoonaa daandii heddu darbitee as geesse ta’a isa dabarsite caala gara fuulduraattis daandin walxaxaan akka si eeggatu hin irranfatin. Bishaan boora’e iddoo tokkotti uutu hin taliila’in hin darbu akkuman siin jedhe imala kaayyoo keetif taasiftu keessatti wanti heddu si qunnamus guyyaa tokko ni taliila’a. Akka taliila’uuf ammoo miiltoo sadan kan qabaachuun  sirraa baayyee barbaachisa.
Qomoo koo! Kanaaf hundu ni darba atis ni injifatta akka injifattuuf garuu ofitti amani.!!
#Daandii_lama!!
Wanta keessa jiraattutti, wanta keessa kee jirutti milka’uu yoo feete dursa yaada keessake jiru jijjiiruu qabda.
Namoonni lama yeroof haala walfakkaatuun daandii wal fakkaatu irra ni deemu, garuu bu’aa isaan argatan wal hin fakkaatu. Kun maalif jettee yaaddee beektaa? Xiyyeeffannoo ati jireenyaf daandii kee irratti gootu milka’ina keetiif ga’ee guddaa qaba. Yaada milka’aa qabachuun wanta hojjennu milkaa’inaan akka xumuruu nu godha. 
Namoonni yaada sirrii qaban rakkoo isaa mudatu kamiif iyyuu haala salphaan furmaata ni argatu, faallaa kanaan immoo kanneen yaadni isaanii sirrii hin taane kuufatiif haala salphaan saaxilamu; kufaatiin isaanii faana isaanii jala jiru.
Yeroof haala kamiin keessatti yaada sirrii qabachuun daandii milkaa’ina keenyaati. kanaaf sammuu milkaa’aa guddifachuun immoo faana keenya jalqabaatii. Sammuu Milkaa’aa guddifachuu Sababa moo Bu’aa? Mee ilaali…irra deebi’i of ilaali? jireenya amma jiraataa jirtu kanatti gammaddee jirtaa…? Kaleessaas hara’as  jireenya kee kana jijjiiruuf daandii wayii jalqabdetta ta’a, hara’as daandicha qabattee jirra ta’a, yookin immoo ati hanga hammaa jireenya kee jijjiiruuf tarkaanfii tokko illee hin fuune ta’a. Jireenya kee keessatti rakkina sirra jiru jijjiiruu ni barbaddaa…?Deebiin kee eyyeen yoo ta’e waliin haa nyaannu..!!  Ani gammadaadha!! Ani guutummaa guutuutti gammadaadha ofiin ni jettaa…? Baay’een keenya akkas hin Jennu, sababiin isaa immoo nuti wanta nu gammachiisu hin filanne, filachuus hin dandeenye.
Yoommuu waa’ee milkaa’inaa yaaddu fakkiin sammuu kee keessatti bocamu gammaachuuf milkaa’inni qaama tokko kan miidhaa hoomayyuu hin qabnedha jechuu dandeessa.
Tarii nuti gara fuula duratti hojii gaarii, mana, daa’ima, galii fi konkolaataa nuti argannu gammachuu uumu jechuu dandeenya. Haata’u malee ilaalchi akkasii jijjiiramuu qaba. Meeshaas ta’e namoonni gammachuu nuuf uumuu hin danda’an.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: