Obbolummaadhaan Gara Badhaadhinaatti!
Finxaaleessummaan daandii mo’atamtootaa kan miidhaa male faayidaa hin qabne, garaagarummaa male tokkummaa hin labsinedha.
Badhaadhina biyya keenyaatiif daandiin murteessaanii fi bu’uura ta’e obbolummaadha.
Qormaatilee imala keenyaa kanneen ta’an waloodhaan tarkaanfannee galma yaadne gahuu kan nuti dandeenyu waliif yaaduu fi wal tumsuu aadeffannee obbolummaa dhugaatiin yoo ida’amnedha.
Obbolummaan furmaata rakkoolee hundaati. Ilaalchii fi gochi finxaalessummaa akka maqu, lammiilee gidduutti tokkummaa fi jaalalli akka jiraatu duudhaa obbolummaa cimsuun barbaachisaadha.
Kanaaf lammiin hunduu duudhaa obbolummaa cimsuu fi dagaagsuudhaan galma gahiinsa imala badhaadhina biyya keenyaatiif gahee keenya haa bahannu.
