Magaalaan Shaggar magaalaa akka kaleessaa qonnaan bulaan irraa buqqa’uufi dhiibamu miti; kan keessatti misoomudha”, #Obbo_Shimallis_Abdiisaa, PMNO
Uummanni Oromoo sirnoota darban keessatti aarsaa hedduu kaffaleera. Hacuuccaafi rakkoo samii gadii hunda baatee dandamachuu danda’eera. Sirnoonni darban fedhii isaanii sadarkaa barbaadamuun bakkaan gahachuuf jecha dhiibbaa hangana hin jedhamne uummata Oromoo irraan gahaa turaniiru.
Uummaanni Oromoo uummata cimaa obsa qabu ta’uu fi kutannoof murannoo qabuun jaabaatee Aadaaf duudhaa ofii qabatee tokkummaan injifannoo tokko irraa gara tokkootti ce’uun har’a gaheera. Sirnoota darban kessatti yeroo Magaalaan Finfinnee hundeeffamtu uummata Oromoo abbummaa isaaf malu kennuu mitii ollaa godhachuufis fedhii kan hin qabne ta’uu irraa kan ka’e dirqamaan lafaaf qabeenya isaa irraa buqqisuun bittinneesseera.
Hata’u malee, uummanni bakka jirutti Aadaa, duudhaa fi seenaa isaa hanga danda’uun galmeeffachuun kunuunsee qabatee dhaloota dhaalchisuu danda’eera. Hundeffamni Magaalaa Shaggar boqonnaa seenaa isa guddaa fi isa bu’uuraati. Qabsaa’onni kaleessa qabsoo hadhaawaa gaggeessuun uummanni Oromoo ijaarama tokko, giddugala tokko akka qabaatuuf hojii boonsaa hojjetaniiru. Gaaffiin lafaafi kanneen biroo akka deebi’aniif gaheen qabsaa’ota Oromoo akka laayyootti kan ilaalamu miti.
Magaalan Finfinnee akkuma kaleessaa iddoo Abbaa Muudaa ta’uun tajaajila turtetti Magaalan Shaggaris kan dhaloonni karra Shaniin seenee itti boqotu gochuuf hojjetamaa jira. Uummanni Oromoo waan namaa hin barbaadu kan ofii isaa irratti abbummaan jiraachuun seenaa, aadaafi duudhaa isaa tikfatee jiraachuu uummata barbaadudha.
Hundeeffamni Magaalaa Shaggar inni guddaan Finfinnee tiksuu fi uummata Oromootiif utubaa dinagdee, utubaa hawaasummaafi siyaasaa Oromoo ta’uun tajaajiluudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalaan Shaggar karaa guutuu ta’een uummata Oromoo akka tajaajiltuuf bajeta ramaduun humna namaa ramaduu fi hooggansa kanaaf barbaachisu ramaduun tajaajilli sirnaawaan akka jiraatuu fi saayinsiif teknoloojiin misoomsuuf kallattii addaatiin kan hojjetu ta’a.
Qonnaan Bulaan Naannawaa Magaalaa Shaggar kan akka kaleessaa irraa buqqa’uufi dhiibamu osoo hin taanee kan keessatti misoomuufi keessatti of jijjiirudha. Lafa gurguruun Lafee gurguruu, seenaa gurguruu, eenyummaa gurguruu ta’uu hubachuun lafa irratti hojjechuun misooma olaanaa fiduuf hunduu hojjechuun murteessaadha. Taatewwan waggoottan arfan darban keessatti Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman agarsiiftuu jijjiirama amma mul’achaa jiruuti. Injifannoo Itoophiyaa gara caalutti ceesisuuf injifannoon Oromiyaa cimuun murteessaa ta’uun hubatamee hunduu gahee isaa bahachuu qaba.
Maddaa Odeeffannoo
Linkiwwan Arman Gadii Hunda Like Follow Share godhaa
Facebook: https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/
Telegram: @abdiaminbakhar
https://t.me/abdiaminbakhar
Twitter: https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09
Linked:https://www.linkedin.com/in/abdi-amin-bakar
Flipoard: https://flipboard.com/@abdiaminbakar1?from=share&utm_source=flipboard&utm_medium=share
Medium: medium.com/@abdiaminbakar
Tiktok: tiktok.com/@abdiaminbakhar
Youtube: https://youtube.com/@AbdiAminBakar?sub_confirmation=1
Website: https://abdiaminbakar.wordpress.com
Galatoomaa Like Follow Commenti
