Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breaking News: Abiy Ahmed Ali

Gootummaan Abichuu keenyaa ittuma fufee jira
Congra Abichuu
Tarree hoggantoota dimokiraasii Afrikaa kan ifoomse ‘Open Magazine’ MM Abiy Ahmad sadarkaa 1ffaa irratti kaa’eera.


‘Open Magazine’ kan Hinditti maxxanfamu, tarree hoggantoota dimokiraasii Afrikaa maxxanseera.

Barruun kun waggoota dhiyoo asitti ardii kana keessatti ce’umsi dimokiraasii hedduun akka raawwatamee fi biyyoota adda addaa keessatti hoggantoonni haaraan gara aangootti akka dhufan gabaaseera.

Akkasumas hoggantoonni haaraan kun imaammata dinagdee biyyoota isaanii fi haaromsa sagantaa wabii hawaasummaa dizaayinii fi hojiirra oolchuudhaan jijjiirama guddaa akka fidan ibsa.

Hoggantoota dimokraatawaa waggoota darban keessa Afrikaatti aangootti dhufan keessaa barruun kun Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad isa jalqabaa ta’ee tarreessa. Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, Zimbaabuwee Emmerson Mnangagwaa fi Laayibeeriyaa Joorji Wihaan sadarkaa 2ffaa hanga 4ffaatti argamu.

Hogganaa Itoophiyaa ammaa, MM Abiy Ahimad, kan bara 2018 gara aangootti dhufan, hoggantoota dimokraatawaa Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irratti maaliif akka kaa’an ibsa – barruulee.

Akka ibsa barruu kanaatti
1.Ministirri Muummee imaammata dinagdee gabaa irratti xiyyeeffate hojiirra oolchaniiru;
2.Dhaabbilee mootummaa dhuunfaatti dabarsan. 3.Invastimantii biyya alaa hawwachuu danda’aniiru.

  1. Dhaqqabummaa tajaajila fayyaa fi barnootaa babal’isuuf tattaaffiin taasifameera.
  2. Kaabinee keessaatti hirmaannaa dubartii ta’a warra dhufta waliin Wi dressed jira.
  3. Gama haaromsa siyaasaatiin bilisummaa miidiyaa bananiiru
    7.Hidhamtoota siyaasaa gadi lakkisaniru
    8.Gareewwan siyaasaa mormitootaa kanaan dura dhorkamanii turan baqattummaarraa akka deebi’an affeeraniiru.
    9.Kana malees bulchiinsi kun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa milkeessee jira.
    10.Daandii Baaburaa Finfinnee-Jibuutii hoojataniiru
    11.paarkiiwwan industirii adda addaa dabalatee pirojektoota gurguddoo hedduu hojiirra oolcheera.
  4. Akka barruu kanaatti, Ministirri Muummee Abiy sagantaa ashaaraa Magariisaa bara 2019 eegaluun, waggaa tokko qofa keessatti biqiltuu biiliyoona 4 guutuu Ityoophiyaa keessatti dhaabuuf karoorfachuun, waan karoorfame ol galmaan gahuu danda’eera.

13.Ministirri Muummee gama dippilomaasii keessattis gahee olaanaa qabu.

14.Bara 2018 biyya isaa fi Eertiraa gidduutti nagaa buusuun waldhabdee waggoota kurnan 2f ture xumuruun, badhaasa Noobeelii Nageenya Addunyaa bara 2019 injifateera. Jechuun gootuummaa Abichuu ibsee jira
Teenya oluma!

Abiy Ahmed Ali

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: