Waliigalan Alaagalan!
Walii galteen furmaata rakkoolee hundaati. Humni walii gale ni jabaata, rakkoo tarkaanfatee injifannoo goonfata, wal hubateetis fuula duratti tarkaanfata.
Garaagarummaan yaadaa, ilaalcha siyaasaas ta’ee kanneen biroo madda garaagartee tokkummaa keenyaa ta’uu hin qaban. Dhimma waloo irratti walii galtee uumuudhaan tokkummaa jabeessuun daran murteessaadha. Garaagarummaa kamuu marii fi walii galteedhaan dhiphusuu, waldhabdee jirus araaraan xumuruun duudhaa keenya kaleessaa bu’uura ammayyummaa har’aa ta’een rakkoo furuun barbabaachisaadha.
Tokkummaa cimaa ta’e qabaannee galma feenu akka nuti hin geenye, obbolummaadhaan dhaabbannee mul’ata keenya akka hin dhugoomsine goochuuf qaamoleen carraaqan jiraatanus tokkummaadhaan male ce’umsa mirkaneessuun akka hin danda’amne hubannee rakkoolee keenya marii fi araaraarn hiikkachuun dhimma waloo irratti tokkummaan dhaabbachuun murteessaadha.
Misooma amansiisaa fi nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuudhaan badhaadhina hunda galeessa ta’e galmaan gahuuf qaamni hunduu tokkummaa waloo cimsuu irratti dursa kennee xiyyeeffannoon hojjachuu qaba. Iccitiin milkii fi injifannoo keenyaa tokkummaa keenya ta’uu qixaan beeknee fin hubannee gahee keenya haa bahannu.
