Amboo, Hambaa lafaa
Maal godheen sirraa hafaa
Anaa waaru yawaroo
Yaawaaroo gaafa bokkaa
Waaroon bokkaaf qorichaa
Anaa haadhu yaa haadhoo
Yaa haadhoo gaafa morkaa
Haadhoon morkaaf qorichaa !
Har’a ammoo giddu-gala qabsoo, seenaa fi aadaa Oromoo kan taate seenaa Amboon siniif dhiyeessa.
Tulluu, sabbata Waaqaa fakkaatuun marfamtee,magariisaa uffattee, finca’aa shan uuman ishee badhaaseen miidhagdee, gomboo kan fakkaatu dachee diriiraa irra urjii samii fakkaattee mul’atti,Magaalaan seena qabeettiin Amboo.
Moggaasa Maqaa Amboo.
Ilma Maccaa kan ta’e Liiban ilmaan sadii qaba.
Isaanis Walisoo,Ammayyaa fi Kuttaayyee jedhamu.
Qee’en Libaan bakka amma Liiban jedhamudhan beekamudha. Manni Barnoota Iddoo Libaan kan magaalaa Amboo keessatti argamus qe’ee Liban akka ta’ee manguddoonni ragaa ni bahu.
Ijoollee isaaf erga lafa qoodeen booda lafti amma Magaalaan Amboo irra jiru kun hafnaan hambaa lafaa jedhame.
Hambaan lafaa kun ammoo ijoollee liiban sadaniif giddu-gala akka ta’eefi bakka kanatti akka wal-gahan abbaan isaanii Liiban akka kenneef himama.
Amboonis maqaa ishee kan argatte hambaa lafa kan jedhurraa akka ta’e himama.
kanaf Amboon ijoollee liibaniif giddu-gala jedhu maanguddoonni.
Hundeeffama isheef sababa kan ta’e ammoo Hora Ayeetuu,Riqicha Waaqaa fi Bishaan ho’aa bashananaa, dhibee fayyisuuf tajaajilaa turee fi jiru jedhama.
Namoonni Hora Ayeetuu horii obaafachuu, bishaan ho’aa barbaacha waan dhufaniif lagni Hulluuqaa Magaalaa Amboo adda hiree yaa’u riqichi Waaqaa yookiin uumama waan qabuuf isaattis fayyadamanii wal-quunnamaa waan turaniif namoonni naannoo kanatti baayyatanii qubachaa dhufuu isaaniin magaalaan Amboo bara 1881 hundoofte jedhama.
Hundeeffama ishee kanarraa kaatee hanga bara 1923 magaalaa baadiyyaa turte. Bara 1923 booda garuu mana qopheessaan buluu eegalte.
Gaazexaan bara 1938 maxxanfamaa ture’ Birhane selam’ jedhamu Amboon qilleensa mijataa fi bishaan ho’aa dhiqannaa fi dhugiitiif fayyummaaf dawaa ta’ee qabdi jedhee maxxansuu isaan namoonni magaalaa Amboo daawwatan dabaluun tuuristoota biyya alaas hawwachuu akka dandeesse himama.
Xiyyaarri tuuristoota gara magaalatitti fidu torbanitti yeroo sadii qubachaa akka tures ragaaleetu mul’isa.
Mootichi Hayile sillaasee fi haati manaa isaanii Iteegee manan bishaan ho’aa kana dhufanii dhiqatanii waan fayyaniif mootichi moggaasa maqaa ‘Haagere Hiwoot ‘jedhamu laataniifii hanga mootichi aangoorraa bu’anitti kanaan waamamaa akka turte himama.
Magaalaan Amboo bara bulchiinsa mootichaa keessa tuuristoonni biyya alaa hawwachuun magaalaa Asmaraatti aantee giddu-gala bashananaa akka turte himama.
Bara 1948 masaraan mooticha Hayile sillaasee Ambootti ijaaramuu isaan carraa giddugala siyaasaa fi bulchiinsaa ta’uu argatteetti.
Amboof bara 1965 pilaaniin akka hojjetameefis ragaan jirutu mul’isa.
koolleejjii qonnaa Amboo bara 1939 hundaa’e akkasumas manni barumsaa sadarkaa 2ffaa akka biyyaatti ijaaraman keessaa manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo tokko ta’uu isaan Amboon giddu-gala barnootaa turte.
Sirni gadaas osoo addaan hin citin sirnoota kam keessattiyyuu Ambootti gaggeeffamaa ture.
kanaaf egaa, Amboon giddu-gala seenaa,aadaa fi qabsoo Oromoota kan jedhamtuuf.
Magaalaan Amboo teessoo bulchiinsa Maccaa fi Tuulamaati. Bara 1984 irraa kaaftee hanga har’atti ammoo teessoo bulchiinsa godina shawaa lixaa ta’uun tajaajilaa jirti.
Magaalaan Amboo giddu-gala qabsoo Oromootati. uummanni Amboo duudhaa sirna gadaa waan guddateef wal-qixxummaa ilma namaatti kan amanu miidhamni ilma namaa dafee kan galuuf mirgi namaa yeroo sarbamu kan hin fudhannedha.
Gootota bara jireenya isaanii lubbuu ofii osoo hin qusatin haarsaa Oromummaa fi biyyaaf kaffalan qaama ofii itti dhaban,jiruu fi jireenya ofii gadi dhiisan ,achi buuteen isaaniis dhabame hedduudha.
kanaanis Magaalaan Amboo gootota qaqqaalii qabsoo Oromoo fi biyyaaf gumaachite heddudha.
Koloneel Qadiidaa Gurmeessaa,Alamuu Qixxeessaa,Jaagamaa Keelloo,Maammoo Mazammir,Daraaraa Kafanii ,Jaagamaa Badhaanee fi ….gootota qaqqaalii laphee fi adda isaanii rasaasaa fi taankiif kennanii qabsoo sabaa fi biyyaaf falman gumaachitee jirti.
Walumaagalatti Amboon giddu-gala goototaati.
Goota qaalii Oromoo kan ta’e ,Hacaaluu Hundeessaa seenaa kaleessa dhokate Aduwaa muuziqaa kan sirreesse bakki dhaloota isaa giddu_gala qabsoo Oromoo kan taate Amboodha.
Artisti Tsagaayee Gebre madihin, falaasama isaan wal-qixxummaa,bilisummaa ,obbolummaa fi jaalala ibsee guutuu addunyaa booji’es asuma magaalaa seena qabeettii Amboodha.
Iddoowwan bashananaa Amboon qabdu.
Bishaan ho’aa isheen qabdu bashananaaf, dhibee fayyisuuf, biyyoon ishee Hayat jedhamu soogidda of keessaa qabu fayyaa horiif dawaadha.
Amboon bishaan fi biyyeen ishee albuudaadha.
Miidhagni Amboo uumama isheeti.
Bishaan Amboo,dhagaan Sanqallee haluu uumamni kenneen faayamee ijaarsa manaaf oolu,bishaan ho’aan bashananaa fi fayyaa qaama namaaf tajaajilu,bakkeewwan tuuristoota hawwatan kannen akka Finca’aa Obsee,Hin galchinee, Hulluuqaa fi Taltallee jedhaman magaalaa kanaaf tuuristoota hawwachuun madda galii gochuuf hojjetamaa jira.
Hora Finfinnee fi Bishooftuutti aansee hora Ayeetuu giddu-gala irreeffannaa ilmaan maccaa gochuufis hojjetamaa jira.
Invastimentii Magaalaa Amboo.
Magaalaan Amboo haala mijataa invastimentiif ta’u qabdi.
Bara 2014 dureeyyiin,qonnaan bultoonni fi dargaggoonni invastimentiitti ce’an 34
kaappitaala Birrii miiliyoona 900 ol galmeessan lafa heektaara 22 irratti agro-indastirii,Hoteela fi manuufaakcheriingii fa’i irratti hirmaatanii dargaggoota magaalattiif carraa uumaniiru.
Bara 2015 keessaas lafti heektaarri 35 hojii invastimentii kanaaf qophaa’era.
Magaalaa Ambootti zoonii indastiriis hundeessuuf beenyaan kaffalamee qophiin hundi xumuramee hojiitti galameera.
Magaalaan Amboo qabsoo diddaa garbummaa itti fufiinsaan gaggeessaa turuu isheen misoomaan akka duubatti haftu ta’ee ture.
Magaalaan Amboo miidhaa diinagdee irra gahaa ture dandamattee amma injifannoo argame kunuunfachaa daandii misoomaa irra buutee diinagdeen of ijaaraa jirti.
Magaalaan Amboo duraan daandiin asfaaltii tokko qofa magaalattii keessa qaxxamuree gara lixa geessu qabdii turte.
Wayita ammaa kana garuu daandiin asfaaltii magaalatitti marsee ijaaramee gandoota magaalattiin qabdu jahaaf dadamaqina misooma ishee ta’era.
Amboon ummata qabsaa’ee mo’uu fi
Moo’ees uummata injifannoo isaa kunuunfachuu beeku qabdi.
Hojiiwwan misomaa fakkeenyummaa qaban magaalatitti jalqabaman cimanii akka itti fufaniif ni hojjetama. Hojii misoomaa jalqabe fiixaan baasuuf hirmaannaan qaamolee hundaayyuu murteessadha.
Kanaaf misooma Amboof haa tumsinu.
Hora bula !
















AMBOO