Design a site like this with WordPress.com
Get started

Breakig News Adamatti Dollari qabameera

Magaalaa Adaamaatti Doolaara Ameerikaa Kuma 46 fi Faayaaleen Warqii Waliin To’atame !!

Adaamaatti Doolaarri Ameerikaa kumni 46 ol seeraan alaa daddabarfamaa turee fi faayaaleen Warqee to’atamuu Poolisiin Magaalatti beeksise.

Ogeessi Quunnamtii Ummataa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaa Ittaanaa Inispeektaraa Warqinash Galmeechaa, maallaqni to’ataame Finfinneerraa gara Dirree Dawaatti geeffamaa kan ture, konkolaata abbummaan isaa kan Baankii Daldalaa Ityoophiyaa ta’e keessa dhokfamee ta’uu ibsaniiru.

Poolisiin sakatta’aa tasaa gaggeesseen kaleessa galgala sa’aa 4:30tti to’achuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Doolaaraa Ameerikaa kuma 46 fi 421, warqee mormaa 16, faayaalee harkaa fi gurraa garaagaraa to’atamuun bsameera.

Konkolaachisaa dabalatee namootaa to’ataman irratti Poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuu Inispeektar Warqinasha ibsaniiru.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: