KUN AKKAATAA ATI ABBAA MANAAKEE ITTI DHABDEE DHA.
Jaalalleen kee Xiyyaaffannoo kee Jalqabaa ta’uu qaba . Yoo xiyyeeffannoo kennuufi dadhabde ni dhabdaa.
Miira isaa hubattee jirtaa? Miira sana keessaa isaa baasuuf hagam yaalte? Sababa jijjiiramuu amala isaa hoo maal beekta?


Maaliif akka abbaan manakee dafee aaru, dafee mufatu qorattee beektee jirtaa? Sana hoo sirreessuuf maal goote? Gadda ija isaa keessatti mul’atu argitee? Madda gadda sanaa qoorsuuf tarkaanfii fudhatte moo?
, “kun amaluma isaati” jettee itti dhiiste? Wonti inni akka isaaf gootu si gaafate ati immoo callistee bira dabarte maaltu jira?
Yaadattee fedhii isaa sana guuttee? Kun hundi sababa midhaa saammuu isaati.
Jireenya kee keessa jirachuun isaa akka waan bu’aa siif hin qabne akka isatti dhaga’amu gootee jirtaa? Ati isaan ala sitti tolee jiraachuu akka dandeessuu fi hamma ati isaaf barbaachistu inni akka si hin barbaachisne yaaddaa?
Yeroo abbaan manaakeetin walitti mufattan isaa of hirranfachiisuf jette dhiiroota biro of maddi gutte teessa taanan, Abbaa mana dhabdeetta,
Namoonni yeroodhaf si boharsu malee bakka abbaa manaakeeti sif hin guutan.
Yeroon ati isaa wojjiin dabarsitu dirqama sitti ta’ee qofa akka ta’e akka isaa yaaddu yoo taasiste, Na amani dhaqqabdee hin qabduun.
Si jalaa bararee
Dhumni kee gaabbii . . !!
Ati aksiyoona namootaa miti. Aksiyoona
maatii keeti malee. Hiree tee keessatti namootan biron mar’achuu hin
baay’isiin. Namni si barbaachisa.
Garuu,
hanga atii ofii keef barbaachiftu kan ga’u
hin jiru.
Namoonni baay’een yoo karaa argatan jireenya, bultii tantee keessatti akka hireen(jireenyi, Bultiin) tantee fokkotte dhaloota (Ijoolleen)teessan abbaa meeqa fi Haadha biddeena meeqa mudattu isin godhuu, akka
bineensa isin wal nyaachisanii isin qoqqoodanii
lakkoofsa hir’uu isin godhuu.
Ati yoom illee lakkoofsa guutuudha. Lakkoofsi kees
hiramee, baay’ifamee, hir’atee akkasumas
ida’amee nama guutuu si godha.
Nama guutuu jechuun ofii isaa injifachuun
dirqama isaa nama ta’e jechuudha.
Jireenyi nama tokko tokkoo kompaasii
nama biraatiin geggeeffama. Qabeenyi si
keessa jiru qabeenya ati nama biraa
keessatti argitu caala.
Yoo ofii kee dhuunfatte akkasumas ofiin kee si
dhuunfate humna jijjiirutu si keessaa.
✅Jireenya kee keessatti wantoonni
yaraan yoo uumamanis kitaabicha
hincufin, fuulasaa banii boqonnaa
haarawa jalqabi.
Eenyuyyuu miilla dhoqqee
qabuun Jireenya kee keessa
ejjetee akka ilmaankee hiyyoomse xureessuuf hin eyyamin
JIREENYA MILKAA’AA JIRAACHUDHAAF⁉️
➬ Warri jireenya isaanii milkeeffachuu dadhaban; mul’ata jireenya kee akka sin gachisiifne of eeggadhu!
Sababa warra gatii kaffalanii mul’ata jireenya isaanii milkeeffachuu sodaataniif; ati karaa kee irraa maquu hin qabdu! Abdii kan si kutachiisan maatii kee fi hiriyoota kee dabalateeti malee diinota kee fi warra si jibban qofa miti.
➬ Waan Rabbii sitti agarsiise murteessi! Mul’ata kee cinaa dhaabadhu! Waan baramaa fi waan rakasa ta’e barbaaduu dhiisi!
Ukhtii qaalii obsii Buli hin jarjarinii
Dubartiin Lama heerumuun hin toltu
➬ Namoonni baay’een mul’ataa jireenya fi hojiif osoo hin taanee; yaada (comment) kennuuf qofa yeroo kamiyyuu qophaa’oo akka ta’an ni mul’ata! Yaadni namoota si jibbanii, karaa gara milkaa’ina keetti si geessu irraa si dhaabuu akka hin dandeenye beeki!
➬ Milkaa’inni namoota biroo gonkumaa mul’ata jireenya kee ta’uu akka hin dandeenye amani!
Mul’ata jireenyaa kee osoo hin taane yaada namootaa hordoftee kan fiigdu yoo taate durumayyuu ati nama ofii kee hin turre jechuu dha.
➬ Namni kamiyyuu yaadas ykn Aaris qabaachuu danda’a. Ani garuu aaris yoonin qabadhee yaada kennameef jedhee isa kanas isa sanas waliin hin maku.
Namoonni si jibban abdii si kutachiisuuf kan tattaaffatan maaliif sitti fakkaata?
➥ Mul’ata jireenya isaa milkeeffata jedhanii waan sodaataniif dha.
Diinni isaanii milkaa’ina jireenya keeti malee si miti. Yoo isaaf milkaa’eef barbaadamummaan keenya ni jiraata jedhanii yaadda’u. Yoo siif milkaa’e boddeetti kan hafan; bu’aa keetiin waan gufatan itti fakkaata.
➥ Ati waan jireenya keetti mul’atu yoo raawwattu; isaan homaa akka hin goone itti kofachiista.
➥ Ofitti amanuu dhabuun isaanii qorra itti gadhiisa.
➥ Duwwaan isaanii itti iyya.
MAALIREE?
➱ Namoota akkasii dhaggeeffachuuf gurra yoo kenniteef gara sadarkaa isaaniitti akka si buusan heeyyamtaaf! Namoonni hundi yaada qabu. Keessumaa namoonni mul’ata jireenya hin qabne yaadota gaggaaridhaan kan guutamaniidha.
➱ Hin ta’u jedhamuu hin jibbin; mul’ata kee gonkumaa namoota si jibbanitti dabarsitee hin kennin! Kaayyoo jireenya isaanii milkeessuu warra dhadhabaniif laphee kee hin banin!
#WANTI_HUNDINUU_NI_DARBA. ⁉️
#JIREENYI_GARUU #Akka_Abbaan_Godhe_Tahee ITTI FUFA!
Baay’een keenya Jiruf jireenya (Bultii) fuulduratti jiraachuuf qabnu taatee har’aatiin madaallee haamileen nu cabuu danda’a.
Yeroo tokko tokko immoo Kabaja Maatii keenyafi Akkasumas Yoonin Jireenya kiyyatti deebi’e Ormi maal nanjedha jenne osoo hamii orma ofirra sodannuu Dhuma irratti, Ormii nama Jireenya isaatu hin beekne jedhee maqaa meeqa nuf moggaasuf fiiga jiraachu danda’aa.


▷ Har’i yoo dukkanaa’e boru dukkana miti.
▷ Har’a yoo miidhamne borus akkasitti itti hin fufu.
▷ Har’a wanti dhaga’amu kan jibbisiisuu fi dhageettidhaaf tolu ta’uu yoo baate bara baraan akkas miti!
“Yeroo hundumaa naaf haa mijatu” yoo jenne addunyaan kuni waan nama gaddisiisus of keessaa qabdi!
WANTI HUNDINUU NI DARBA! Sa’aatii qabdutti jireenya sirraa barbaachisu jiraadhu! Miidhama kee irraanfadhu! Abdii kutannaa keessaa bahi! Taatee hamaadha jettu gara bu’a qabeessummaatti jijjiirii bira darbi!
“Namni ogeessi rakkina kudhan karaa tokkon furu otu hin ta’in rakkina tokko karaa kudhan nama furuu danda’u.”
Akkaataa jireenya kee itti qabattu guyyuu karoorsi! Namni ogummaan jiraatu, rakkina isatti dhufu moo’achuuf humna qabu hunda fayyadama.
#Dhaamsa: Yoo Jireenya gammachuu qabu barbaadde Abbaa Manaakee gammachiisi!
Addunyaa kanarra wanti bara baraan jiraatu hin jiru.
Gaddis ta’e gammachuun, kufanii ka’uun, argatanii dhabuun, kolfis ta’e boo’ichi yeroo isaanii eeggatanii numa darbu.
Godaannisni taatewwan kanneenin wal qabate dhufu; akkuma gatii wantichaaf qabnutti hammaachuus; salphachus danda’a. Inni tokko tokkoo ammo kan hin dagatamne
dha. Akkuma hafuura baafachaa jirru; marsaa dhiigaa waliin haaromun
nutti dhaga’ama. Hara-galfiin dhukkubichaas du’a keenya qofaa ta’a.
#Laphee_cabee_Jechuun_malii?
#Hubadhu laphee cabuun ammaf miidhama sitti fakkataa male,inni kophaa issatitti barnoota ciimadha ,namoonnii laphee sii cabsan siif akka barsiisa gaarii taahetti ilaali. sababnii isaas
Namnii onnee kee cabsee sii gaddisiisuu kamiyyuu ,miira kee to’achuuf humna akka qabattuu sii godha .
Namnnii yeroo bayyee onnee namaa cabsuuf deeman,onneen issan si’aa lamaa wani caabdeef taahu dandahaa,inni tokkoo jireenyii onnee issan caabsuu danda’a, inni biraa immo onneen issan caabde nama biraas caabsuu!! Kanafuu…..
Laphee cabuun ulfatta ta’uus gatii malumma kee sii barsiisa.
>uumama keessa kee jiruu akka hubbattuf sii gargaara .
>onnee garii fi qulqullu akkam qabduu sitti muldhisaa ,laphee cabdee dhugaan nama jaalachuu dandeessuu akka qabdu sii hubachisa
Dhuma hariiroo keetii irratti gocha,jechoota fi amala kee kan gara boqqonna nama dhukkubsutti sii geessu xiinxaluu jalqabda .
Hir’ina kee hubadhuu namoota sii miidhan hundaaf dhiifama gochuuf yaalii .
Onnee nama cabsuun barsiisaa gaariidha kufaatiwwan darban irra barumsa akka barattuf si gargaara .
kan darbeerra barachuun jireenya kan fuulduraaf waan gaarii akka qopheessitu si gargaara .
Eyyee! Muxxannoo miidhamu dandeessa garuu muuxxannoo walitti qabamu nama gaarii fi beekama ta’etti akka of bocuuf(siakeekuuf) sii gargaara .
Gababummatti Yeroo tokko tokko rabbiin kan laphee sii cabsuuf nama jireenya keef hin taanee irraa sii baraaruufi .
>yeroo amma kana miira gadda kessaa jiraachuu dandeessa , garuu dhugaa dubbachuuf atii nama jalqaba miti kan onneen isaa/ishee cabde .
Imalli jireenya hundi karaa lama akka qabu hubachuuf yaalii .
sammuun tasgabbaa’aa fi onnee qulqulluu ta’ee akka sirritti of duubatti deebittuf sii gargaaras akkasumas ifa jireenya kee akka addan baafattee argitu si godha .
Gammachuun filannoo dha . jireenya keen bashannanuu filachuu dandeessa yookiin dhukkuba inni siif kennu waliin rakkacha jirachuu filachuu dandeessa .
jireenya tapha sitti ta’uu danda’a , kan qabdu akka dhabdu yaadda’uu dandeessa yookiin akka salphaattii waa’ee dhabuu fi jireenya keen bashannanuu hiranfachuu dandeessa .
Kanafuu Nama si gaddisisuu irraa fagaadhu,waan sii gammachiisu hojjadhu.nama si kolfisiisu waliin ta’ii……
,hamma hargantutti kolfi ,hamma jiraattutti jaaladhu .
“Dhugaan yeroo tokko nama miidhaa sobnii garuu bara jireenya gutuu nama miidhaa.kanafuu miidhamituus hamma jiraatuu sani dhugaadhan namaa walin jiraachuuf yaalii!;






#Dhuma_Irrattis: Dhamsa armaan gadii kanarra hubannoo xiqqoo fudhuu⁉️
爐Yeroon maallaqa caala faayidaa
qaba. Jireenya kee keessatti
maallaqa dabalataa argachuu
dandeetta, garu Yeroo dabalataa gonkumaa argachuu hin-
dandeessu.
Jireenya kee keessatti wantoonni
yaraan yoo uumamanis kitaabicha
hincufin, fuulasaa banii boqonnaa
haarawa jalqabi.
Nama obsu ta’i, yeroo tokko tokko
waan caalu argachuuf wantoota
hamaa ta’an keessa darbuu
si barbaachisa ta’a.
Wanti salphaan dogoggora namaatti
murteessuudha, dogoggora ofii
baruun garuu ulfaataadha.
Wanta gaarii hojjachuuf yeroo tokko
tokko gammachuu fi fedhii kee
aarsaa gochuu qabda, wanti
si gammachiisu hundi sirrii ta’uu
dhabuu danda’a waan ta’eef.
Jireenyi qormaata ulfaataadha.
Namoonni hedduun jireenyi
qormaata garagaraa qabaachuu
beekuu dhaburraa mala jireenya
namoota biroo jiraachuuf osoo
yaalan kufu.
.Jireenya kee keessatti wantoonni
yaraan yoo uumamanis kitaabicha
hincufin, fuulasaa banii boqonnaa
haarawa jalqabi.
Kufuun sobbooqqoo jireenyaa
keessaa isa tokko. Osoo hinkufne
hinbarattu, yoo hinbaranne ammoo
hinjijjiiramtu.
Garaagarummaan yeroo fi
maallaqaa, yeroo hundumaa
maallaqa hangam akka qabdu ni
beekta, yeroo si hafu garuu beekuu
hindandeettu.
Callisuu fi seeqachuu meeshaalee
humna lama qabaniidha. Kolfuun
tooftaa rakkoo ittiin hiikan yoo ta’u,
callisuun ammoo mala rakkoo jalaa
ittiin dheessaniidha.
Galatoomaa‼️