#DUBBII_GAMNAA
Gatiin kee sababa namootni arguu dadhabeef gad hin bu’u
Namni waan siin jedhu hin dhabu,ofiinuu waa jedha waan taheef.

Ifa fuuldura kee jiru ilaalii,dukkana har’aa obsi.
Namni ati abdattee haala koo naaf jijjiira jettu,Bulee amala isaa sitti jijjiira.
Namni sababaan sitti dhiyaate,Sababaan si dhiisee akka deemu hin dagatin.
Namoota osoo sirraa humaa hin barbaadin tola siif oolaniif,Gatii guddaa kenni.
Muka beekan qoricha hin se’an.
Jijjiiramuun jijjiiruu dursa,Garuu lamaanuu gatii akka nama kafalchiisu beekuu qabda.
Hiyyeessi yakka namaatti kan adabamaa oolu haqa dhabee osoo hin taane harkaa dhabeeti.

Nama waan ta’uu qabu ta’uu danda’u akka taatetti of ilaali