#Yaadannoof #Qeerroo⁉️
“Dantaa Uummata Oromoo Mangaagaa Waraabessaa keessaa baasnee, hanga lubbuun jirrutti Waraabessa biraaf dabarsinee hin laannu!”
Dr Lammaa Magarsaa Waaqoo

Dhugaa tana Warra irraanfate yaadachiisna
,
Wayyaanee qaamota sadiitu masaraa yaase. Sadan kunis
1. Qeerroo fi Qarree Oromoo
Biyya kana keessatti kan akka Qeerroo fi Qarree gumaacha guddaa biyya tanaaf gumaachee galata dhabe hin jiru. Qeerroo fi Qarreen Oromoo Maasterpilaanii Finfinnee mormuun qabsoon karaa nagaa eegale finiinee itti fufuun gara gaaffii abbaa biyyummaatti cehe.
2. Inni lammaffaan #JawaarMuhaammad. Namni kun akka nama dhuunfaatti osoo hin taane akka jaarmayaa guddaatti osoo gamaa gamanaa hinaaftun itti duultuu, osoo wayyaanen dookumantarii sobaa irratti hojjattuu dhugaa irratti cichuun Oromoo biyya alaa faffaca’e walitti deebisee OMN hundeessee qabsoo Qeerroo fi Qarree tarsiimodhaan hoogganee wayyaanee biyyaa baasee Maqaleetti galche.

3. Inni 3ffaa #LammaaMagarsaati fi Team Lammaa Magarssaa. Lammaa Magarsaa seenaa qabsoo Qeerroo keessatti nama iddoo guddaa qabuudha. OPDO keessaa cabsee qabsoo Qeerrootti makamuun Team Lammaa ijaarratee qabsoo Qeerroo utubuun wayyaanee keessa taa’ee wayyaanee buqqisuun gahee leencaa taphateera.
Ayyaana irreechaa fulbaana 22,2009 Bishooftuutti godhame irratti gocha wayyaanen ilmaan Oromoo irratti rawwatte duguuggaa sanyii hammaataa raawwatte.
Ajjeechaa irreechaa booda mormii guutummaa Oromiyaatti ka’een lubbuu ilmaan Oromoo hedduu duguugde.
Wayyaanen ilmaan Oromoo kumaatamoota dhibbaan hidhaatti guurtee kaampii waraanatti leenjisaa turte.
Yeroo sana Oromoon nu harka baate jechuudhan Ji’oota 10 oliif labsii komaandi post labsuun Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchite.
Hidhaa, ajjeechaa fi dararaan wayyaanee qabsoo Qeerroo boodatti deebisuu waan hin dandeenyef qabsoo Oromoo finiinetti #LammaaMagarsaa itti makamuun sirna wayyaaneetti xumura gochuun Qeerron wayyaanee masaraa keessaa ariitee Team Lammaa OPDO keessaa Dr. Abiy Ahmed Ali aangootti olbaaste.

Qeerron hardhallee wanti wayyaanee deeggartuuf tokkolleen hin jiru. Warruma waggaa 27 guutuu waliin nyaataa turetuu hardha akka waan haarawa dhalatee Qeerron akka waan Wayyaanee deeggartuutti afaan mimmi’eeffatee odeessa.
Qeerron saba ofiif malee diina saba Oromoo Wayyaanef hin ergamne, hin ergamtus. Qeerron wayyaanee 4kiiloottuu hin deeggarin Maqaleetti deeggarti jechuun maraatummaadha. Ammas warruma kaleessa michuu wayyaanee turetuu hardhallee wayyaanee waliin dhoksaan michoomuu danda’a.

,
Qaamoleen sadan kun maalif jijjiirama fidanii jijjiirama ofii fidanii jijjiirama keessaa dhiibaman?? Isinumaaf dhiisa