Design a site like this with WordPress.com
Get started

Tarsimoo Tapha Siyaasa Beekun Dirqama”Jedhan Aadde Fariyaa Aliyyii

Tarsimoo Tapha Siyaasa beekun dirqama!!

“Saba siyaasni ittiin taphatamu ta’uu bira kutee ofiifuu saba tapha siyaasaa eegale ta’ee argaa jirra! Santu seeraa, Odeessale Soba  Midiyaa Hawasaa irratti maxxanfamaniin wal hin mirqaansinaatii siyaasa duuba jiru wal hubachiisaa yaa sabaa! Dubbichi akkana kunoo dubbifadhaa!” Aadde Fariyaa Aliyyii

Waaqa hubannaa nuuf kennetti yaa tolu malee Oromoon kiyya gamna ta’aa dhufeera! Qabsoo aarsaa guddaa baasee jijjiirama fide tikfachuu irratti daran abshaalomee jira. llma isaa handhuurrii fi furtuun injifannoo isaa harka jiru karaa danda’een kabajee kabachiifachaa jira.

Hundaa’olitti ammoo Oromoon eenyummaa  fi Biyya isaa akkamitti akka agarsiifachuu qabu irratti gorsaa fi waa beekaa dhaggeeffachuu bira darbee jiraachuu irra gahuun isaa na dinqisiiseera!

Ummanni Oromoo Haala siyaasa shira biyyatti irratti deema jiru kana  akkamiitiin  fashaleesau akka qabuufi hirmachuu akka qabu, Taphni Siyaasa  as keessatti  keessatti gahee akkamii akka taphatuu fi Oromummaan ilaalcha uummata biyya kanaa jijjiiruuf tarsimoo siyaasa akkamiitiin taphachuu akka qabus bareeche beeka.

Dubbiin eenyummaa Oromoo gareen wal ijaaranii tokko faarsuu fi kan biraa abaaruudhaan hin madaalamu.

Dhimmi eenyummaa uummata milyoona 50 dhaadhessituu fi qaanessituu garee namoota shantamaatiin hin murtaawu.

Hireen eenyummaa Oromoo dammaqina uummata keenyaa fi hirmaannaa eenyummaa inni Toftaalee siyaasaa gurguddaa irratti taphatuun murtaawa.

Dhugaa kana itti didanii liqmsuun barbaachisaadha.

✅Tarsimoo Tapha Siyaasa beekun dirqama!!

Jijjirama amma akka biyyaatti hoggansaa jijjiramaatin galma’aa jiru kana kan qabsaa’onni baayyeen jijjirama kana barbaada lubbuu isaani itti wareegamanidha.Qabsoo goonni godhee jijjjirama kana galmeessiteen,gadheen tokko tokko of duuba deebisuuf shakaraata jirti.

kanaaf Rakkooleen tokkummaa dhabuufi kan biroo yeroo adda addaa kaasa turre,ida’aamni isaani oromoon akka sabaatti qabsoo tarsimawaa akka hin qabaanne taasiseera.Uummata guddaa sirna gadaa adunyaadhaaf gumaache,seera fi safuu gadaatiin karaa dimokiraatawaa ta’een wal hogganuu.

Abbaa yaada mo’ataa ta’u isaatif saba duudhaan sirna gadaa ragaa bahuuf ta’ee saba ijaarsa qabu dhala namaatiif qofa osoo hin taane,#bineensootaa fi #biqilootaaf seera qabu ta’ee osoo jiru tarsimoo qabsoo saayinsawaa ta’uu dhabuun kan waggaa baayyee bubbuleef.

Kun immoo dhibbaa tokkummaa dhabuu fi wal inaafuu keessaa fi Alaatiin wal qabate tapha kanaan dura tapha siyaasaa wallaaluun burjaajji keessa galaa ture.

Tapha siyaasaa keessatti dhugaan murtteessaa akka tahee nu hundaafuu ifuu qaba.Akka saba oromootti aadaa siyaasa keessatti dhugaan siyaasaa akkamiin qabatani yoo dhihaatan mo’achuun danda’ama kan jedhurratti hubannoon jiru laafaadha.

Qabsoo oromoo keessatti garuu dhugaan siyaasaa tokko tokkoo gamnoomuun hin turre.Waan hoggansi beeku hundaahu beekutu barbaadamu beeku qofa osoo hin taane dirree gubbatti bahaame akka hasaa’amu fedhuun ammalle ball’inaan kan mul’attudha.murnoonni tokko tokkoo akkuma kaleessattii yaadurra kan ka’eerra,Hogganaa ofii amananii kallattii inni agarsiisuun fulduratti deemurra,anaatu siif beekaatu bayyatee akka jiru argaati jirra.

Ammaan booda gaaffiin siyaasaa Oromoo boochisanii yookiin Oromoof booyanii deebii argatan tokko illee hin jiru.

Kanaafuu dhaamsi ani garee hundaaf qabu Oromoon uummata qaroomaa furmaata rakkoo hundaa harkaa qabu ta’uu hubannee dirree diriirsuufii yookiin dirree dhifametti bobba’ee akka dorgomuuf carraa kennuufii qabna!!

#Biyyi kun reef hogganaa sirrii argatte yoo jennu sababa gahaa waliinin .

Baroota darbanif sabni tokko qofti oolaantummaa mataa isaa gonfachuun saba biroo irratti hacuuccaa gurguddaa rawwataa turera .keessattu sabni Oromoo saba hangaafa ta’ee osoo jiru akka lammii 2ffaatti diinaan hacuucamaa ture .

Kanaaf sabni guddaan kunis mirga isaa jalaa dhiitame deebifachuuf mirga Abbaa biyyummaa isaas mirkaneeffachuuf aarsaa kanfalaa, qeerroo fi qarreen wareegamaa har’a jijjirama hormi itti qoosu kun argame .

kaleessa yoo hormi Oromoo biyya isaa Oromiyaa irratti rakkisaa fi buqqisaa ture yeroos oromoon tokko ta’ee tokkummaadhaan hirree isaa jabeeffatee hiree isaa murteefachuuf eenyummaa isaas calaqisiisuf dhiigaa dhangaala’aa lafee cabaa as gahera .aarsaa jechi hin daanginees kanfalera .

kun akkuma jirutti ta’ee Oromoon gaaffii Isaa deebifachuuf hogganaa mataa isaa / ilmaan Isaa/ qabaachuun dirqama .hormi gaaffii Oromoo deebisuu waan hin dandeenyef .

Egaa erga Oromoon biyya isaa irra darbee Addunyaatti injifannoo akkasi kana goonfatee nuti giddu gidduu keenyatti lola fi jibba labsuu moo tokko tanee gaaffii fi dheebuu sabni guddaan kun qabu deebisuutu dursa ??
Erga Oromoon qe’ee isaa irra darbee Itophiyaa hogganee Erga ilmi Oromoo dachee isaa Oromiyaa hogganee , erga ilmi Oromoo handhuura Oromiyaa finfinnee hogganee
Erga ilmi Oromoo nageenyaa fi tasgabbii biyyattii eegsisuuf ministeera rayyaa ittisa biyyaa ta’ee
Erga ministeeronni sadarkaa sadarkaan ilmaan Abbaa Gadaa ta’anii biyyittii hogganaani
Erga dubartoonni / shammarraan / Oromoo sadarkaa gurguddaatti biyyatti hoogganuu fi ceesisuu kessatti qooda isaanii fudhatani
hoggantoota gama misoomaawaa , dinaagdee fi hawaasummaa kessatti ilmaan Abbaa Gadaa adda durummaan gama hooggansaa akkasumas ogummaa fi dandeettii akkataa ittiin biyya hoggaanaan hanga sadarkaa Addunyaan dhaabbattee ‘ ilmaan Abbaa Gadaa biyya hogganuu fi ceesisuu’Akka dandaa’an erga mirkaneesite …. egaa dhibeen inaaffaa fi jibbi kessoo walii keenyatti omishamuun maaf barbaachisee ? Gaarii gonee biyyitti kana jiraachisuun osoo Danda’amuu maaliif wal danqaruun barbaachisee?
Abiy nama tokko ta’ee maraatuwwaan miliyoona hanganaa hogganuun Isaa maaf isinitti hin mul’annee ?

Eenyutu eenyuun komaachaa jiraa ? Eenyutu eenyu irratti ka’aa jiraa?
Jalaannus jibbinuus ; amannus dhiisnuus biyyi kun ilmaan Abbaa Gadaa harka jirti .biyya kana kan ceesisuus kan kuffisuus ilmaan Abbaa Gadaa kana . Dr Abiyiitti quba qabun dura nutis waan dalagaa jirru irratti xiyyeffannee rakkoo jiruf waliin furmaataf ifaajuut nu baasa .
Ilma Abbaa Gadaa waliin fuldurri biyyatti badhaadhina !.
Anaf immoo Dr Abiy Hogganaa koo isa sirriiti .filannoo koo isa dhumaatis

#Dhamsa_Dargaggootafi_Hawaasa_Keenyaf

“ ‘Abalu akkas na godhe, Abalu akkas na godhe’  jenna taanaan mo’amaadha jechuudha nuti.

Akkuma Abalu sana maaliif hin taphanne nuti? Akkuma abalu sun xaphatee goolii gashu sana maaliif hin gashine nuti? Maaliif hin laallu sana?

Erga taphachuun keenya dirqama ta’ee… Siyaasa cinaatti gannee “abbaan Abaluu gaaftokko nuu deebisuu danda’a” jennee ilaalaa, abadan dhufuu hin danda’u.

Qabsooftee yoo ofii fidachuu baatte eenyuyyuu gumaa tokko nuu fiduu hin danda’u.

Harka nama biraatiin ibidda qabachuu yaaluun nun fayyadu. Yoo ibiddas ta’e waliin qabachuudha.”

#Hubadhu:
Jirtuu yaa Dargaggeessaa! Sagantaa(Plan) nuti qabaachuu qabnu kana.

PLAN A – Hiree nuuf malu Itoophiyaa keessatti Kabajachuu.

PLAN B –  Hiree nuuf malu Itoophiyaa keessatti Kabajachuu.

PLAN Z –  Hiree  arganne kana jabeffachuj qabna hadara

Jirtuu yaa Dargaggeessaa! Sagantaa(Plan) nuti qabaachuu qabnu kana.

Wan qabsooyneef beekuu qabna,
Bakka irraa kaane beeku qabna
Bakka itti deemnu beeku qabna,

Galmi keenya Essa akka tahe beeku qabna
Kayyoo fi mulata keenya beeku qabna.
Namni bakka irra kaane hin beeyne bakka itti deemnu hin beeku,

Nuti saba of dandahe qabsawa ture malee saba of dadhabe Alagaatti hirkatu miti,wanti alagaatti nu irkaachiisu hin jiru,

Nuti saba ballaa of tahee tokkummaan fakeenya biyyaaf tahu male saba bicuu of diiguu miti,
Arra irra dhaabbanne hegeree boruutiis fakkeenyuumma gaarii dhaalchiisu qabna.
Oromoon kaleessa biiyya ijaaruuf qabsawa ture ,arraas biiyya ijaaruuf hojjachaa jiirra,kaleessas wan waliin dhabne qabnaaf qabsawaa turre malee wan irraatti wal dhabne hin qabnu,arraas akkuuma kaleessatti biyya ijaaruuf waliin qabsawu qabna malee wal sakallee ormaaf daboo tahuun saba guddaa kana xiqqeessuu hin qabna.

Kaleessas sabni ballaan kun maliif biyya hin gaggeesiineef qabsawaa turre male abalu masara haa seenuu jeenne miti,

Wan of harka qabnu yoo of harkaatti wallaalle wanti sii harka bahee nuuf hin deebi’u akkuma Eegee fi sheenaan gara boodati jedhamu sanaatti erga of harka baafne sheenawuu osoo hin taane osuuma nu harka jirtu jabafachu qabna.

Ormi nu jalate nuuf yaadeeti miti kan daboo sii olfaatu ,bu’aa Angoo kan beeku daboo sii olfaateeti karaa qaxxamuraan bakka bareetti debi’uuf siitti fayyadama jira atii hoo walalteeti moo maliifi???

Biyyoonni guddaatanis tan biyya teenya ergachaa turte wan tateef biyyii saba guddaa kanaan akka gaggeefamtu of taate jiraattu hin barbadaan ,mee yoo seenaa dabarsiine kan yaadaannu tahe ,biyyoonni dur qamadii nu deggaaraa turaan maliif yoo kan nuuf yaadan tahee qamadii nu gargaru osoo hin taane meshaa qoonnaa,xaa’oo,meshaa jalliisi fi kkf akka omiishnee of dandanyuu maliif meshaale akkasi maliif nu hin gargariin ?

Eggaatumma qofa nu barsiisuun akka jilba cabsanne eggaatuumman isaan eggaannu nu godhuun akka kara barbadanitti isaan jalatti gad jeennee jiraannu qofa barbadu, biyyoota Afrika akka of taatee of dandeesse guddaattu hin barbadaan ,

Bara nuti of taanee jiraachu jalqabneetti duulli wanti cimuuf akka isaaniif sagannuufi,garu ammaan booda qamadiif jeecha birmadduummaa keenya dabarsiine hin keenniinu,kan ethiopiyaa jalatu dandii ethiopiyaan egalte irraatti gargaruudha.


#Hubachiisa: Dabalata Odeeffannoo Qulqulluu, Biyya keessa fi Biyya Alaas ni argattuu, Barnoota Midiyaa Hawasaa adda adda argachuufis;

Teelegraama keenya:https://t.me/abdiaminbakar

Yuutyuubii keenya Subscribe nufgodhaa  https://youtube.com/c/abdiaminbakar

#Subscribe godhaa
Yuutub Channel 2 https://youtube.com/channel/UCcBGKeV8FcvFEVkZdKxlN-w

Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/

Websayiti keenya:http://abdiaminbakar.simplesite.com/

Websaiti keenya:https://abdiaminbakar.wordpress.com

Websait: https://medium.com/@abdiaminbakar

Inistagiram keenya:https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/

Twiitara Keenya:https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09          

Guruphii keenya Join godhaa: https://www.facebook.com/groups/abdiaminbakarcnn/?ref=share

Nu duukaa  bu’aa nu hordofaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.





Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: