Design a site like this with WordPress.com
Get started

Dhamsa Abbaan Ijoollee isaatif Dhaamu Keessa

Alhamdulillahi🤲 Rabbin ijoollee tiyya Bakkan naf haa gehuu, Ammmin

Intala tiyya Rabbiin Qura’aana katamte kana kan akhiiratti sii shafa’uu Rabbi naaf hagodhu Insha Allah ❤️❤️❤️🤲🏽🤲🏽🤲🏽🤲🏽🤲🏽 Yaadanii Abdii Amin fi Naafyaad Abdii Amin

“Intallii Abbaa dhaaf bantuu ulaa Jannataatii!
Yoo Intala seenaa gaarii qabduu taatee maqaa Abbaa keetii mullisuu dadhabdee;Gabaa xiqqeenya fi salphina dhaabbattee maqaa Abbaa keetii hin xureessiin.

Abbaan kee:Gaaddiisa fi guddiisa kee Isa cabee sii guddisee,osoo ofii hin barannee sii barsiisee osoo ofii hin uffannee sii uffisee,osoo ofii hin nyaannee sii nyaachisee, jaalallee, barsiisaa jalqabaa,gaaddisaa qaamaa fi qalbii siif tahee sii guddisee.

Osoo dachii taatee sirra deemee gatii Isaa kaffaluu hin dandessu.Garuu yoo adaba, Aklaaqa fi sodaa RABBII qabaattee,gorsa Nabii ﷺ jala deemtee hamtuu Addunya irraa of tiksitee bakka geesse,salphaattii ulaa Jannata isaa banuu dandessa!

Yaa RABBI kiyya Intala maqaa Abbaa baastuu miitii, Intala Maqaa Abbaa mullistuu,kan Ulaa jannata Abbaadha bantuu nuu taasiisi.
»»»»»»»»»»»»«««««««»»

SEENAA_AJAIBAA

● Intalti galgala kana Aruuza seenuu deemti.Waan taheef Salaata Maghribaa eega salaatte booda If bareechuudhaaf Meekkaappii adda addaa dibachuu jalqabde.Geeleewwan isii meekkaaappii adda addaa isii dubbadhaa busy tahanii jiran.Kheessumoonni isii Adaraasha keessatti eegaa jiran Dabaala isii wajjiin gamaduuf.Yeroo kana keessatti Salaata Ishaa’iif azaanni godhame.
●Intaloon azaana dhageenyaan tolfadheetiin salaataa jatte.Yeroo kana haati isii dhuftee akkana jatteen.
● HAADHA : «Maal godhu jirta dafii gara adaraashaa deemi khessummaan dhufanii si eegaa jiranii.»
● INTALOO : « Lakkii Ishaa’ii Salaateetiin dhaqa.Dura Wudu’aan godhadha.»
● HAADHA : « Akkamitti wudu’a godhata? Dilli meekkaappi dibate kun bar nidhiqamaa.»
● INTALOO: .« Hadhiqamugaa yeroon salaata boodaan deebi’ee dibadhaa maal rakkoo qaba.»
● HAADHA: « Hin tahuu !Ammaas ganaa haarayatti dibachuuf moo!Kheessummoonni dhufanii jiru.Si eegaa jiran .Yeroo hin qabdu.»
● INTALOO « Hayyee salaateetumaan akkasitti dhaqa.»
● HAADHA: « Hintahu! Atii makkaappi dibattee ifin bareechin akkamitti nama dura dheeyxa.Kuni hin tahuu salaata dhiisi.»
● INTALOO: «« Salaata hindhiisu yaa haadhatoo.»»
● HAADHA : « Nidhiiftaan siin ja’e yoo qaalii kiyya qabaatte.»
●INTALOO : « Yaa haadhatoo ani qaalii tee niin qaba.Garuu Qaalii Rabbiitiin irra qaba.Kanaafuu Wudu’adheetiin salaatee dhaqa. Ani khessuumma kiyya gamachiisuuf jadhee salaata dhiisee Rabbii kiyya aarsuu Irraa Salaata kiyya Salaatee Rabbii kiyya gamachiisee kheessummiita kiyya aarsuu irra Naaf caala »
→ Sana Booda haati isiidhaan loluu jalqabde.Intaloon garuu Lola haadha firraa dhiiftee gara Salaataa isii deemte .Intaloon eega wuduu’aa godhatte booda Salaata isii hidhate.Yeroo sujuuda irra gad buute…ol ka’uu hin dandeenye.Lubbuun isii achuma osoo sujuuda irratti jirtu irraa baatee #subhan #allah#
● Rabbiin khaatimaa keenya nuf haa tolchu ameeeen .

Seenaa Ajaa’ibaa

Obsaan dubbisaa waliifis qoodaa

  • intalti dubraa takka abbaa isiitiin mobile bitachuu akka barbaaddu itti himte , abbaanis maallaqa kenneefii bitattee erga galtee abbaan akkana jechuun gaafate :

Abbaa : Erga mobile bitattee wanni ati dura goote maali ?
Intala : Eegumsa mobile kiyyaaf cover fi glass bitadhe .
Abbaa : bareedaa goote garuu namni akka gootuuf si dirqe ni jiraa ?
Intala : lakkii baabaa fedhii tiyyaanin eegumsa mobile kiyyaaf jecha godhe .
Abbaa : bareedina mobile keetii si jalaan hirrisnee ?
Intala : lakkii hin hirrisnee, garuu yoo hirrises maal qaba wanni guddaan eegumsa isaati .

  • Hoggaa kana abbaan intala isaa ifitti qabee akkana ja’een, ” yaa intala tiyya rabbiinis akkanumatti eegumsa keetiif jecha hijaaba dirqama sirratti godhe adawwiin islaamaa waan si miidhe sittin fakkeessin ” ja’een .

Obboleettii tiyya qaalii Hijaabni kabajaa fi eegumsa keeti, kijibaa fi olola adawwii islaamaa hin dhagahin, isaanirra rabbii si uumeetu irra si jaallata irra siifis yaadaa bekkii .

Kanaf Yaa Shamaran islamaa Hijabaa Kee Jabeysii Uffadhuu.
🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲

“Abbaatu yeroo ilma/intala gorsu akkana ja’een, ..” @Naafyaad Abdii Amin
🌲🌲💝💝🎄🌿🌿🌿🌲🌴🌴

👉yaa ilmaa kiyya waan 3 osoo sirritti hin hubatin hin fudhatin:

1.jaartii/jaarsa👰
2.damma/deeyma(honey)
3.Amantii(faith)

👉namoota 3 immoo hiriyaa/saahiba hin godhatin:

1.Gowwaa
2.Nama kabajaa hin qabne
3.Nama hamilee xiqqoo qabu

👉Wantoota armaan gadii nama hin gaafatin:

1.Yatiima abbaan kee akkamitti du’e jattee hin gaafatin😪

2.Hiyyeessa maallaqa siif kannuu jattee hin gaafatin.kanniif malee.

3.Nama hojii hin qabne nama keessatti maalif hin hoojjanne jattee hin gaafatin.

Inshaa-allaah!! isin fayyadaa SHARE…SHARE ..Godhaa.

● Seenaan kun yoo sitti tole #SHARE godhuu hin dagatin.💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: