#Allaahu_Akbar! ☪️
“Nama 6000 oliitu sababa kiyyaan gara islaamummaa dhufe!” jedhan Obboleessi Agummaa, #Obbo_Abdiisaa_Baayyisaa!
Barreeffama Kana oobsaan Dubbisaa waliifis #SHARE Godhaa …
Guyyaa har’aa obboleessi Agummaa, Obbo Abdiisaa baayyisaa waan sa’atii 1 tti dhihaatuuf media ODM rratti Interview kennanii turan, Interview san Keessatti Qabxiilee Gurguddoo kaafaman Barruutti isniif jijjiireetin jira, oobsaan Dubbisaa …
●Obbo Abdisaan Hariiroo Agummaa waliin Qabanirraa yeroo gaafataman “Waggaa tokkoonin irra Guddaadha, Wajji Guddanne” jedhanii deebisan
● Haalaa fi Amala isaa kan joollummaarraa yeroo gaafataman “Obboleessi kiyya Agummaan Joollummaarraa Eegalee nama Rakkoo Qabu, nama Safuu hin qabne, Nama Amala hin qabne, Maatii keessattis Nama Rakkoo Uumuun beekkamuudha. Namichi kun nama Haadha buddeenaa keenya lamaan wal lolchiisaa tureedha! Haati isaatii fi Haati biddeena isaatis ‘Guddadhuu salphadhu, Galgala kee keessa xiqqaadhu’ Jedhanii Abaaranii jiru Nama Abaarsa qabu!” Jechuudhaan Deebisan!
● Jibbaa inni Islaamummaaf qaburraa yeroo gaafataman “Sababan an muslima teheef na jibbaa jira, sin Ajjeesisa jedhee natti Dhaadate!” Jechuudhaan Deebisan!
● Amala Fokkotaa isaa yeroo ibsu “Meeshaan an maatii obboleessa keenyaaf Geessi jedhee itti kenne Nama Gurguratee, kaanis itti fayyadameedha!” Jechuudhaan Abdiisaan dubbate.
● Wallaala isaa yeroo Ibsu “Obbo Agummaan nama Amantii kiristaanaa beeku silaa tehee, Amantiin kiristaanaa Dubartiin qullaa haa deemtu hin jenne, uffattee Hagooggattee Haa deemtu jedhe malee!” Jechuudhaan Dhugaa jirtu lafa kaahan.
● Sababa Agummaan itti biyyaa behe yeroo ibsan “Agummaan akki inni itti biyyaa behe Dubartii faranjii tan Missionary keessa hojjattu Dirqiidhaan Gudeedee Dollara 5000 ol irraa saamee Badee keeniyaa seene” jechuudhaan Ibsan.
● Obboleessi Agummaa Obbo Abdiisaan Waa’ee Amantii Isaaniirraa yeroo gaafataman “Ani Amantii protestantii hordofaa ture, akkasuma Nama Church ⛪ hogganu Paastaran ture, Garuu Alhamdulillaah Anaa umriin kiyya Waggaa 54 Rabbi islaamummaa naaf kenne! Ergan Bara 2014tti islaamawee booda nama 6000 oliitu sababa kiyyaan gara islaamummaa dhufe!” Jechuudhaan dubbatan!
● Dhumarratti Ammoo “An sababa isaatiif jecha nama tokkollee dhiifama hin gaafadhu, inumaa warra Ragaa qabatanii seeratti isa dhiheessan keessaahi” jechuudhaan jaalala Diin isaaniitiif Qaban Ibsan!
Nutilleen Rabbiin Islaamummaarratti Sabaata isniif haa kennu, Akka Obboleessa wajjiin Dhalattan irra Diin Rabbii Caalchifattan kanatti Rabbiin irra caaltuu jannataa Firdows akka isin badhaasu isniif kadhanna!
Namni Muslimaa hundi barreeffama kana osoo Share godhee natti tola!
