Design a site like this with WordPress.com
Get started

BREAKING NEWS

Diina gabrummaaf waamicha taasisu cabsuun birmadummaa biyyaa itti fufsiisfna!

Biyya kanaaf utubaa tokkummaa, addunyaaf ammoo madda diimokiraasii kan ta’e ummanni Oromoo har’as gootummaafi ciminni abboota isaa kaleessaa onnee dhaloota har’aatiin dhaalamee aadaa, duudhaafi safuu isaa eeggachaa gara jabinaan murxuxxee diina irraa itti darbatamu qolatee gootummaa isaa itti fufsiisuuf qophaa’ummaafi ijaarama isaa cimsachaa jira.

Baandonniifi murnootni hololaan of ijaaruu dhama’an maalummaa Itoophiyaafi ummata ishee utuuma beekanii, seenaa gootummaa isheef beekamtii kennuu mannaa raafama siyaasaafi dinagdee uumanii keessa bayyaannachuuf dhama’u. Oromoon garuu dursee ‘tufanii hin arraaban’ mammaaksa jedhuun dubbii jaraa goolabeera.

Daangaan biyya kanaa Kaaba-Kibbaa, Bahaa_ Lixatti kan ijaaramte dhiigni gootota Oromoo itti dhangala’ee lafeen isaanii itti caccabee akka ta’e seenaa gootota Aduwaa keessaa Jeneraalonni namni sagal Oromoo ta’uufi lolichi injifannoo biyya keenyaan goolabamuun gootummaa Oromoo ibsuuf ragaa guddaadha.

Kaleessa diinni Oromoo qalaa, kolaasaa, qeensa irraa buqqisaa ture dhagaa oromoon tokkummaan itti darbateen boollatti nammus, har’a garuu dhandhalcha keessa dhokatee ture keessaa ba’uun baandaafi humnoota bilisummaa Oromoo hin jaallanne ijaarrachuun injifannoo wareegama ilmaan Oromoon dhufe bittinsuuf dhama’aa jiraatus ummanni kaleessa raajii dalagee warra taankiifi baankii harka qaban sana qaanesse har’as diina isaaniif bakka hin qaban.

Ummanni maal akka barbaaduufi maal akka jibbu dirreetti ba’ee yaada ibsateen biyya kanaaf TPLF fi ergamtuun isaa shaneen naqarsaa injifannoo ta’uu ifatti ibsanii jiru.

Qaamni biyya diiguuf deemu irree ummataatiin dhabama ta’a!

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: