Design a site like this with WordPress.com
Get started

Bukoo Buka’aa turee Beektu??

#Bukoo_Buka’aa Ture?
Hin Milkofne Malee??

US fi EU sirna TPLF aangoo irratti deebisuudhaf iccitiin hojjachaa akka turanii fi amma ifaan ifatti hojiitti seenuu isaanii ragaa qabatamaa waliin saaxilameera.
Akkamitti? Gabaabinaan kunooti.
‘ ‘
Mootummaan US fi EU jijjiirama Itoophiyaa keessatti dhufe deeggaruu isaanii haa dubbatan malee ija shakkiin akka ilaalaa turan. TPLF baroota dheeradhaaf michuu cimtuu biyyoota dhihaa turte. Bara 1991 TPLF deeggarsa biyyoota dhihaan aangotti bahuun ni yaadatama….
Akka odeeffannoo kanaatti erga waldhabdeen TPLF fi mootummaa fedraalaa giddutti uumamee US fi EU hooggantoota TPLF kan biyya alaa jiran wajjiin yeroo gara yerootti marii gochaa turan. Marii kanaan murtoo garaa garaa irra gahaa turan.
Akka murtoo isaanitti
‘ ‘
A. TPLF humna cimaa naannoo Tigraay keessatti akka ijaarrattu deeggarsa gochuu.
Mootummaan US fi EU TPLF humna guddaa akka ijaarratu waggaa lamaan dura waliif galan. Wayyaanenis erga Finfinnee baatee humna ijaarrachaa turte. Humna waraanaa ijaarrattee dhuma irratti lola eegaluudhaf waraana RIB irratti tarkaanfii fudhatte. Lola TPLF fi mootummaa fedraalaa giddutti godhame kanarratti karaa hedduun yaalin garaa garaa gama EU fi US yaalamus osoo hin milkaa’in waan hafeef mootummaan fedraalaa RIB Tigraay keessaa akka baasu akkasumas humnoonni Eertiraa fi N. Amaaraa akka Tigraay keessaa bahanii fi yoo hin baasne tarkaanfii fudhachuuf qophaa’aa turan….. Waraanni RIB fi kan biroo Tigraay gadi lakkisee waan baheef karoorri lola sana keessa karoorfame osoo hin milkaa’in hafe. Haa tahu malee maqaa deeggarsa uummataan meeshaalee waraanaa, odeeffannoo garaa garaa fi qaamolee garaa garaa deeggarsa fakkeessudhaan gara biyyaatti galchuun naannoo Tigraay waliin hojii siyaasaa akka hojjatan gochuu itti fufaniiru.
‘ ‘
B. Biyyattii keessatti sochiin hidhannoo akka cimu gama TPLFtiin deeggarsi akka godhamu gochuu.
Naannolee biyyattii keessattuu kan daangaarra jiran kan akka Beenishaangul, Gambeellaa, Affaar, Sumaalee keessatti humnoonni hidhatan baay’inaan of cimsuun humni mootummaa dadhabee humnoonni biyya ollaa irraan haala salphaan akka gara biyya keessatti seebaniif yaalin godhamaa ture. Qaamonni hidhachiifamanii osoo gara biyyaaati galaa jiran too’ataman hedduunis jiru. Ammas hojiin humnoota alaa hidhachiisanii biyya keessa seensisuu kuni ittuma fufee jira….
‘ ‘
C. Naannoleen biyyattii dhimma eenyummaa fi daangaatiif akka walitti bu’iinsi hammaatu gochuu.
Naannoleen biyyattii daangaa fi eenyummaadhan akka walitti bu’iinsi godhamee walwaraansi guddaan too’annoo mootummaan ala bahu akka godhamuuf hojiin garaa garaa hojjatamaa ture. Hojjatamaas jira. Caasan TPLF kan haarawa ramadamee fi kan duraan tures qindoominaan hojii kanaaf bobbaafameera. Dhiheenya kana lolli Affaar fi Sumaalee giddutti gaggeeffame bu’aa shira kanaati. N. Oromiyaa fi Sumaalee akkasumas Affaar gidduttis walitti bu’iinsi akka uumamuuf yaalamaa jiraachun saaxilameera. …
‘ ‘
D. Biyyoota ollaa waliin Itoophiyaan akka waldhabdu.
Ji’oota dheeradhaaf Suudaan daangaa Itoophiyaa seentee lafa weeraraa turte. Lolli cimaan Itoophiyaa fi Suudaan giddutti akka gaggeeffamuuf EU fi USn karaa garaa garaan hojjachaa akka turan saaxilameera. Kana malees Sumaaliyaa fi Keeniyaa, Jibuutii waliinis Itoophiyaan akka lola keessa seentu hojjatamaa kan ture yoo tahu yeroo ammaa xiyyeeffannoi guddaan hojjatamaa jira. Kaayyon daandin guddichi Jibuutii fi Itoophiyaa walqunnamsiisu akka cufamuuf shirri xaxame akka Itoophiyaa fi Jibuutii giddutti waldhabdeen cimee gara lolaatti deemun biyyattiin rakkoo hamaa keessa galtu karoorfameeti. Kana malees Sumaalee Land fi Sumaaliyaa waliinis rakkoon akka uumamu caasan shiraa kuni hojjachaa jira.
‘ ‘
E. Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu guutinsi bishaanii akka hin raawwatamne ugguruu.
Guutinsi bishaan GERD marsaa 2ffaan akka hin milkoofnef karaa Suudaani fi Egypt tiin AU fi USn hojjachaa turaniiru. Karaa Suudaanin Egypt Itoophiyaa irratti lola akka bantu jajjabeessaa turan
Mariin biyyoota sadanii akka hin milkoofne danqaa turan. Dhiibbaa cimaa Itoophiyaa irraan gahaa turanis dhuma irratti osoo hin milkaa’in hafaniiru.
‘ ‘
F. Gaanfi Afrikaa akka jeeqamu gochuu.
Gaanfa Afrikaa jeequn kaayyoo gartuulee TPLF deebisuu barbaadaniiti. Kanaaf immoo humnoonnj basaasa TPLF adda durummaan ergama fudhatanii hojjachaa jiru. Gaanfi Afrikaa yoo jeequmsa keessa gale karaa salphaan biyyoota gaanfa Afrikaa tasgabbeessudhaaf gidduu seenun TPLF humna gaanfa Afrikaa tasgabbeessitu gochuu barbaadu.
‘ ‘
8. Mootummaa cehumsaa hundeessuu.
Yaanni mootummaa cehumsaa hundeesuu jedhu bara 2011 kan irratti mari’atanii waliif itti galaniidha. Yeroo sanatti TPLF malee dhaabbileen siyaasaa biyya kanaa quba hin qaban.
Hooggantoonni fi miseensonni YPLF karaa michuuwwan isaanii waggaa 27 waliin hojjachaa turaniin hojii dippiloomaasii xumuraniiru. Mootummaa cehumsaa akka hundeeffamu US, EU fi TPLF baay’ee barbaadaa turanis haalli mootummaan cehumsaa akka hundaa’u itti gaafatan hin mijanneef. Biyyi jeequmsa hamaa too’atamuu hin dandeenye keessa akka galtu kan yaadameefis mootummaan cehumsaa haa hundaa’u yaada jedhu dhiheessudhaafi. Amma rakkoo biyyattii keessatti uumameen mootummaan cehumsaa akka hundaa’u karaa TPLFn gaafachaa jiru.
Mootummaa cehumsaa hundaa’un erga irratti waliif galameen booda biyyattii keessatti kaappitaala, humnaa fi hojii dippiloomaasii cimaa kan qabdu TPLF waan taatef mootummaa cehumsaa hunda hammataa haa tahuu jechuun hooggantoota siyaasaa hundumarraa bakka bu’oota walitti qabuun adeemsa mootummaa cehumsaatti seenuu. Erga mootummaan cehumsaa hundaa’en booda TPLF humna guddaa waan qabduuf humnoota biroo isaan kuun akka TPLF waliin hojjatan, isaan TPLF waliin mootummaa federaalaawaa hundeessuu hin barbaanne akka rukutaman EU, US, UAE fi kanneen biroo deeggarsa TPLF gochuuf irratti waliif galaniiru. Mootummaa cehumsaa kana hooggansi isaa saba fedhe keessallee yoo tahe TPLF humnaan too’achuu waan dandeessuf rakkoo akka hin qabne irratti waliif galameera.

Dhumarratti mootummaa cehumsaa sanaan booda TPLF akkuma kanaan duraatti olaantummaan mootummaa hundeessiti. Qaamni hundeeffama mootummaa kana keessatti hin hirmaadhu jedhu akkuma 1991 akka tahuuf yaadameeti….

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: