#Dubbisaa
Itoophiyaan Oromoo malee as hin geenye; Oromoo malees hin fullaatu
Nuti ilmaan Abbaa Gadaa Itoophiyaa har’aa tana ijaarree asiin gahuu keessatti eenyumaa ol karaa ta’een aarsaa qaamaa lubbuu gabbarree jirra.

Itoophiyaanis Oromoodhaan alatti Itoophiyaa taatee hin ijaaramne.
Borus Oromoodhaan alatti Itoophiyaa taatee fulla’uu hin dandeessu.
Akkuma kaleessa Itoophiyaa ijaarree asiin gaanye utubaa sirna federaalizimii ta’uun adeemsa siyaasaa dulloomaan osoo hin taane aadaa siyaasaa ammayyaa’aa hidda gadi fageessuun biyya jaalalaa fi tokkummaan itti daraare; biyya haqa-qabeessummaan dinagdee fi badhaadhinni itti mirkanaa’ee ijaaruun gahumsa falaasama gaggeessummaa keenyaa qabatamaadhaan ni mirkaneessina.
Akeekni keenya Oromiyaa fi biyyarra darbee gaanfa Afrikaa fi Afrikaadhaaf furmaata ta’uudha. Furmaata kan taanu ammoo yaadaani.
Yaada yommuu jedhamu waan haraan tuqamu, waan dhadhamamu waan hin taaneef, sadarkaa jechaatti salphaa fakkaachuu danda’a.
Yaadni ni balleessa;ni ijaara. Kaleessa Biyya keenya kan diigaa ture yaada.
Har’as bakka kuftee kan kaasaa jiru yaada. Yaanni addunyaa kanaaf fala. Teekinoloojiiwwan addunyaa kanaa hundi isaanii ka’imsi isaanii yaada .
Kanaaf, ilmaan abbaa Gadaa kaleessa falaasama addunyaaf gumaachan qabu; fulduraafis falaasama haaraa Afrikaarra darbee addunyaaf furmaata ta’u akka gumaachan ofitti amantummaa ol’aanaadhaan firris diinnis akka baruuf addabaabayitti ibsaniiru.
NUti akeeka galaana cehe qabna.
Qabatamaadhaanis raawwannee agarsiisnerra. Fulduraafis akeeka keenyarraa wanti nu dhaabu tokkollee akka hin jirre Ummanni Oromoo hubate jirasii, jala sararee jira. Kun ammoo tokkummaa Oromoo cime keessatti, waldhaggeeffannaa adeeffameen, tokkummaa fi jaalaalaan waliin jiraachuu ummata Oromoo fi Ummattoota Itoophiyaa keessatti akka dhugoomu shakkii hin qabnu.
Hanga nuti saaxilamummaa keenya dhiphisnetti inaffaatuu fi gomattuun fayyuma dhamaati malee bake hedenerraa boodatti nu deebisuu hin dandeessu.
Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!
