Design a site like this with WordPress.com
Get started

❤︎J a l a a l a D h u g a a

#Amaloota_Jaalala_Dhugaa

Jaalalli dhugaan waan akka salphatti argamu ykn bira ga’amu miti. Namoota baay’ee xiqqoo ta’aniidha kan jaalala dhugaa badhaafaman.

Garuu namni hojjatee, carraaqee, dhama’eeti kan jaalala dhugaatiin wal baru. Jaalalli dhugaan walii galuu, kennanii fudhachuufi wal hubachuu gaafata. Jaalalli dhugaan hojii cimaa ykn dadhabbiin waan argamu ykn uumamu malee waanuma gadi ba’anii gabaarraa bitanii ol deebi’an miti.

❶ Gocha irratti hundaa’a. Jaalalli dhugaan waan gochaan agarsiistu malee waan afaaniin odeessituu akka hin taane quba qabaadhu. Jaalalli dhugaan haala kamiyyuu keessatti waan ati namaaf taatu, akkasumas waan namni biraa siif ta’uudha. Jaalala dhugaan nama jaalattuuf qabdu ‘sin jaaladhaa’ afaanii qofaan osoo hin taane gochaan agarsiifama.

❷ Nama hin hubu. Jaalalli dhugaan nama hin miidhu. Jireenya keessatti walitti aaruun, mufannaa fi wal hubachuu dadhabuun jira. Bakka jaalalli dhugaa jirus kuni inuma jira. Bakka jaalalli dhugaa jirutti rakkooleen ykn hir’inni kunniin waan irra deddeebidhaan mul’atanii miti.

❸ Jaalalli dhugaan haasawaa gaarin madaalama. Lafa jaalalli dhugaa jirutti maqaa wal ballessuufi wal yakkuun hin jiru. Yoo haasoftu jechoota ‘akka natti fakkaatutti’ ykn ‘akka amantaa kootiittii’ ykn ‘akka yaada kootti’ jedhanitti dhimma ba’uu yaali.  Waan dhibbaan dhibbatti hinbeekne namatti hin fe’in. Jechaa fi shakkiidhaan wal hadheessuun ganda jaalalli dhugaa jiruttii miti kan heeddumatan.

❹ Jaalalli dhugaan waan jaalannu akka wareegnuuf nu hin gaafatu. Kana jechuun jaalalli dhugaa waan jalannu, maatii, hiriyaa fi fira keenya akka dhabnu ykn gargar baanu hin eeyyamu. Namni wantoota jaalatuun gargar si baasuuf carraaqu jaalala dhugaa siif akka hin qabne hubadhu. Jaalalli kee madaalawaa ta’uu qaba gama hundaanuu. Namni jaalala dhugaa siif qabus utykanarratti si jajjabeessa.

❺ Jaalalli dhugaan nama jaalattuu fi kanneen biroo gargar baasuu irratti hundaa’a. Kana jechuun maatii fi fira jibbi jechuu miti. Nama jaalattu harkatti galfachuuf dursii nama gaarii ta’i. Nama kaayyoo qabu, dhimma isaa too’atuu fi waan barbaadu harkatti galfachuuf carraaqqatu ta’uun jaalala barbaaddu argachuufis ta’ee isa harkaa qabdu cimsachuuf si gargaara. Gufuuleen jireenyaa fi jaalalaa bakka heeddutti si rukutaa jiran taanaan bu’uura rakkoo sanii sakatta’ii gara fuunduratti waan fooyya’iinsa qabu hojjachuu irratti fuulleffadhu.

❻ Jaalalli dhugaan daangaa jireenyaa keessa namaa sochoosa. Waan jaalattuu fi jibbitu ifatti gargar baasi. Nama wajjiin jiraatan waliin walitti iyyaa, mataa waldhukkubsaa jiraachuun jiruu hin ta’u. Jalqabumaa kaaftee yoo rakkoon uumame furmaata dhabe, mormii malee na ga’e ykn deeme jechuun danda’uu qabda. Dogoggorri uumamu tokko tokko kan carraan lamaa sadi kennamuuf ni jira. Hanga barbaachisuu ol obsuun of sobuu ykn nama murtee ta’uu dadhabuu agarsiisa.

❼ Jaalalli dhugaan kaayyoo fi kaka’umsaan guutamuu qaba. Lameen wal jaalatan yaadaa fi karoora isaanii bakkaan ga’uu irratti wal deeggaruun alatti furmaata biroo hin qaban. Waan hiriyaan kee jireenya keessatti fedhu gargar baasii hubadhuu deggarsaan bira dhaabadhu.

❽ Jalalli dhugaa miidhamaa of godhanii of mul’isuu hin fedhu. Waan uumame hundarratti too’annaa hin qabu jechuu dhiisi. Harki caalu waan uumamu eeyyama keetiin alatti hin uumamu. Hir’inaa fi rakkina qabdu hundaaf sababa tarreesuu dhiisii itti gafatamummaa fudhadhu. Akkamitti akka fuunduratti tarkaanfachuu qabdurratti jabaadhuu hojjadhu.

❾ Kaayyoof jiraadhu. Maal akka barbaaddu ifatti beeki. Of-fooyyessuuf maal maal bifa fooyya’iinsa qabuun hojjachuu akka qabdu beeki. Jaalalli dhugaa kan woloo qofa osoo hin taane kan dhuunfaatis ni ilaallata.

❿ Jalalli dhugaan yoo kophummaan si barbaachise siif eeyyama; yoo si barbaachise akka ofitti haasoftuu fi ofiin mari’attuuf haala siif mijeessa malee bifa kamiinuu danqaa sitti hin ta’u. Kanaaf jaalalli dhugaan kophummaa naaf hin kennu jettee of dhokachuurra yeroo fudhuu ofiin mari’adhu.

爐爐爐爐 Kan akka jaalalaa jaalatamuu fi faarfamuu waan jiru hin fakkaatu. Hundi jaalachuu fi jaalatamuu fedha. Bineensotaa fi allaattiis dabalatee. Jaalalli gammachuu qaba. Jaalalli, seeraan hin qabamu taanan, gadda, kufaatii fi cabiinsa hamilee hamatti nama geessuus danda’a. Gammachuu guddatti kan nama geessu jaalala dhugaati. Miidhaa fi hubaatii irraas kan nama tiksu isuma jaalala dhugaati. Humni jaalalaa danuu ta’uu isaati kan kun hundi argisiisu. Amaloota jaalala dhugaati wabiin isaa onnee ta’eedha.

➊ Jechoota kana sadan “Sin jaalladha”, “Galatoomi”, “Dhiifama” bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu of hin qabiin fayyadamuu.

➋ Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa, facebook fi namoota birootti haasa’uu dhiisaanii kallattumaan walitti haasa’uu.

➌ Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii keessatti 100% wal amanuu.

➍ Jaalalli dhugaan gocha. Jaalalli dhugaan waan gochaan agarsiistu malee waan afaaniin odeessituu akka hin taane quba qabaadhu.

➎ Amanamummaa, iftoomina, wal hubachuu fi waliin haasa’uun dirqama. Icciitiin dhoksaa hedduun jiraachuu hin qabu.

➏ Jaalalli dhugaa nama hin hubu. Jireenya keessatti walitti aaruun, mufannaa fi wal hubachuu dadhabuun jira. Bakka jaalalli dhugaa jirus kuni inuma jira. Bakka jaalalli dhugaa jirutti rakkooleen ykn hir’inni kunniin waan irra deddeebi’aa mul’atanii miti, garuu jaalalli dhugaa ilaalcha gaarii waliif qabaachuun madaalama.

➐ Lafa jaalalli dhugaa jirutti maqaa wal ballessuu fi wal yakkuun hin jiru. Yoo haasoftu jechoota ‘akka natti fakkaatutti’ ykn ‘akka amantaa kootti’ ykn ‘akka yaada kootti’ jedhanitti dhimma bayuu yaali. Waan dhibbaan dhibbatti hin beekne namatti hin fe’in. Jechaa fi shakkiidhaan wal hadheessuun ganda jaalalli dhugaa jiruttii hin heeddumatan.

➑ Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii waliif kabajuu fi jaalachuu qabu. Garaa garummaa walii hubatanii, waliif kabajanii, waliif danda’anii jiraatu.

➒ Jaalalli dhugaan kaayyoo fi kaka’umsaan guutamuu qaba; akka nama dhuunfaattis ta’ee akka walootti. Lameen wal jaalatan yaadaa fi karoora isaanii bakkaan ga’uu irratti wal deeggaruu fi waan waahilli isaa jireenya keessatti fedhu gargar baasee hubachuun deggarsa kan bira dhaabatuudha.

20.Jaalalli danda’aadha, gaarummaas ni argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksu wanta oftuulummaa jedhamu of keessaa hin qabu.

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: