Design a site like this with WordPress.com
Get started

Hubadhuu Saba Koo

Yaa Saba Waan Of Harkaa Qabnu Kana Gatiin Isaa Meeqa Akka Tahe ni beekna!!?

Gaafa dhabde hubachurra ammuma osoo hubannee gaarii.

Jijjirama amma akka biyyaatti hoggansaa jijjiramaatin galma’aa jiru kana kan qabsaa’onni baayyeen jijjirama kana barbaada lubbuu isaani itti wareegamanidha.

Qabsoo goonni godhee jijjjirama kana galmeessiteen,gadheen tokko tokko of duuba deebisuuf shakaraata jirti.kanaaf Rakkooleen tokkummaa dhabuufi kan biroo yeroo adda addaa kaasa turre,ida’aamni isaani oromoon akka sabaatti qabsoo tarsimawaa akka hin qabaanne taasiseera.

Uummata guddaa sirna gadaa adunyaadhaaf gumaache,seera fi safuu gadaatiin karaa dimokiraatawaa ta’een wal hogganuu.Abbaa yaada mo’ataa ta’u isaatif saba duudhaan sirna gadaa ragaa bahuuf ta’ee saba ijaarsa qabu dhala namaatiif qofa osoo hin taane,#bineensootaa fi #biqilootaaf seera qabu ta’ee osoo jiru tarsimoo qabsoo saayinsawaa ta’uu dhabuun kan waggaa baayyee bubbuleef.

Kun immoo dhibbaa tokkummaa dhabuu fi wal inaafuu keessaa fi Alaatiin wal qabate tapha kanaan dura tapha siyaasaa wallaaluun burjaajji keessa galaa ture.

Tapha siyaasaa keessatti dhugaan murtteessaa akka tahee nu hundaafuu ifuu qaba.Akka saba oromootti aadaa siyaasa keessatti dhugaan siyaasaa akkamiin qabatani yoo dhihaatan mo’achuun danda’ama kan jedhurratti hubannoon jiru laafaadha.

Qabsoo oromoo keessatti garuu dhugaan siyaasaa tokko tokkoo gamnoomuun hin turre.Waan hoggansi beeku hundaahu beekutu barbaadamu beeku qofa osoo hin taane dirree gubbatti bahaame akka hasaa’amu fedhuun ammalle ball’inaan kan mul’attudha.

Murnoonni tokko tokkoo akkuma kaleessattii yaadurra kan ka’eerra,Hogganaa ofii amananii kallattii inni agarsiisuun fulduratti deemurra,anaatu siif beekaatu bayyatee akka jiru argaati jirra.”Jaal Kadir Hussein

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: