Hubadha
Eeyyeen_mootummaan Dr. Abiyyi Ahimad hanqina ni qaba. Hanqinni mootummaa Dr. Abiyyi hanqina sagantaa ykn hanqina kaayyoo otuu hin taanee hanqina raawwii hoggansaa ti.
Hanqinni hoggansaa immoo mootummaa qixaan hiidda hin jabeeffatiin reefuu waggaa sadii guute kuna biratti haa hafuutii kan waggaa 27 tureyyuu hanqina hammamii akka qabaachaa ture ni beekkama.
Turtii waggaa lamaa darbee keessatti mootummaa Dr. Abiyyi jalatti biyyi keenya Itoophiyaan maal fayyadamte, hoggansii Dr. Abiyyii ummata kanaaf maal hojjatee? Maaltuu immoo hanqatee jette jibbiinsaan otuu hin tahiin haqummaan fi miira quuqama biyyaatiin guutameen yoo kan xinxaltuu tahe mootummaa kanaaf gatii keennuun kee hin hafu.
Gaafa sana goonee mootummaan kun yoo cimee, nutiis yoo waliin dhaabbanne tahe lammiileeniis tahe biyyi akka biyyatti fayyadamoo akka tahan ni hubatta. Yeroo sanadha, hanqina raawwii irratti isayyuu hoggansii caasaa mootummaa Dr. Abiyyi keessa jiru uumuu jiraachuu isaa hubannee fi qaamni sun immoo hamma hin saaxxilaminetti qofa kan turu malee umriis tahe iddoo mootummaa kana biraa kan hin qabne tahu hubannee fi miira rakkoon hardha asii fi achiitti qunnamu gaafa nutiis gahe keenya bahanne bu’uura irraa ni hikkata jedhun, yeroon mootummaa Dr. Abiyyii waliin hiriirru fi dhaabbachuu qabnu amma dha.
AbiyMustLead!!
