“Yaaduu fi furmaata barbaadu, carraaqqi
bu’aa homaatu hin buusne akka ta’eetti ilaalla.
Akkuma Tolstoy jedhe: “Namni hunduu namoota biroo jijjiruuf yaada,
garuu eenyullee of jijjiruuf hin yaadu.”
Yeroo hundaa akka sinbirroo
waccuu xurii siyaasaa odeessina.

Bakka kanaa, siyaasaa qulqulluuf
xalayaadhaan ykn bilbilaan warra siyaasaatiif yaada gaarii haa kenninu.
Naamusa dhabuun babal’achuu irraa kan ka’e himannaa dhiyeessinee dhaabbanna.
Wanti sirriin hama arraba keenya keessa jiruu waliin qabsaa’udha.
Facebook Midiyaa Hawasa,TV ilaalu irraa kan ka’ee ijoollee teenya barsiisuuf yeroo hin
argannuu? Wanta sirrii hojjachuuf haa tattaafannu.
Namoota garii keessatti rakkoon gara wanta yeroo hundaa yaadatanitti jijjirama.
Rakkoo si’a tokkoof qaama isaanii irra gahe sammuu isaanii keessaa waamuun qalbii isaanii keessa akka jiraatu taasisu.
Rakkoo isaanitiif furmaata barbaadu dhiisanii hadhaa rakkoo irra deddeebi’uun itti
xiyyeefatu. ………….!