Gamtaan Afrikaa (AU) fonqolcha motummaa Wixata darbe Sudaanitti gaggeeffame hordofee biyyaattii sochiiwwan isaa hunda keessaa Ugguruun dhaga’amee jira.

Dhorkaan Gamtichi Sudaan irra kaa’e kun hanga mootummaan ce’umsaa sivilootaan gaggeeffamu bakka isaatti deebi’utti kan turdha jedheera.
AUn fonqolchi mootummaa Wixata gaggeeffame kun faallaa heera mootummaati jedhe.
Bara 2019tti Manni Maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Sudaan aangoo bulchiinsi mootummaa ce’uumsa sivilii hanga hundaa’utti gocha Gamtichaa hundarraa kan uggure.
Biyyattiin ammas taanaan daandiin muddamaa amma keessa jirtu keessa ittiin baatu tokkichi bulchiinsa siviliin hogganamu hundeessu ta’u eera.
Akkasumas Manni Maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa namoota dhuunfaa fi gartuulee bulchiinsi sivilii akka hin hundoofne gufachiisan akka tarkaanfii adabaa irratti fudhatu beeksise.
Uummati Sudaan heerafi jaarmiyaalee biyyattiin gara dimookirasittii ceesisan qabachuu barbaadusaanii akka deeggaru ibsuun, Manni maree Waraana biyyatti garuu aangoo qondaalota siviliitti dabarsuu dadhabuu hime.
Manni maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamticha akka jedhutti, fonqolcha mootummaa Ebla 11, 2019 hordofee biyyattiin bulchiinsa mootummaa siviliin hogganamu hundeessu hanqatte jedhe.