Akka biyyaa fi ummataatti carraan keenya baay’een walitti hidhata kan qabu ta’uu hubachuun kaayyoo fi galma waliiniif dhaabbachuu, waliin hojjechuu, wal deeggaruu fi waltumsuun aadeffatamuu qaba.
…………………….
Oromoon Injifannoo bara hedduun booda argate kana tikfachuutu irra jiraata. Injifannichi akka laayyootti hin dhufne. Yeroo kanatti dogongora kamiyyuu hojjachuun nurraa hin eeggamu.
Karaa nagahaatiin qabsaawuutu Oromoo of dura ceesisa.
Injifannoon sabni Oromoo argatee tikfamuutu irra jiraata.
Haa toluus, haa baduus mootummaan amma aangoorra jiru mootummaa keenya. Kan aangoorra bahes qabsoo ummata keenyaatiin aangoo argate. Kan alaa gales qawweedhaan cabsee osoo hin tahin qabsoo ummataatiin biyyatti galan. Kanaafuu Ummata kabajuutu irraa eeggama.
Ilmaan keenya qabsoodhaaf daggala seenanii bahanii injifannoo arganne kana tikfachuutu irra jiraata.
#Ormi wal ijaaree nu moohuf wal qopheessaa jira. Yeroon kan itti wali tumsinee tokkummaadhaan sossoonu malee yeroo itti wal lolluu miti.
Paartileen siyaasatiis akkumaa kaleessa qawwee hiikkatee ummata keeysa seenee dagateeti,baandaa waliin gara biyya diigutti seenuu yeroo ammattana Ummata Oromoo diina waliin qircaa godhachaa jiru.baandoonni kanaan dura Maal jechaa ture Osoon ani ABO tahee qawwee mitii Qabattoo hiikkadheen ummata koo ijaara.
Qabsoon Ummanni Keenya Hordofuu qabu qabsoo yeroo waliin deemuu danda’uu tarkaanfataa taheedha.
Qabsoon karaa nagayaatiin gaggeeffamuus kan yeroo waliin deemuu tahu qaba malee warrii dantaa dhunfaa barbaada deema jiran akka biyti jeeqamtu barbaada jira,garu Ummanni keenya miiraan osoo hin tahin tasgabbiidhaan waan hunda ilaaluun Dr Abbichuun deeggaruun biyya teenya gara badhaatetti ceesisu qabna.
Kanaaf kan injifannoo keenya tiksuu danda’uu yaada miiraan faarfamu osoo hin tahin yaada tasgabbiidhaan madaalamee of dura nama ceesisuu dandahuudha!! @Abdi Amin Bakar
#KAN_BIYYA_BULCHAA_JIRU SABA OROMOO TAHUU ISAA DAGATAMUU HIN QABU!!
Wal arrabsuu, nama arrabsuu fi walxiqqeessuun teenyaa miti.
Gadaan gadaa Badhaadhinaati!!
#Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:
Channel YouTube keenya Subscribe nufgodhaa https://youtube.com/c/abdiaminbakar
Teelegraama keenya:https://t.me/abdiaminbakar
Twiitara Keenya:https://twitter.com/AbdiAminBaker?s=09
Inistagiram keenya:https://www.instagram.com/abdi_aminbakar/
Marsariitii https://www.facebook.com/Abdiaminbakar/
Websayiti keenya:http://abdiaminbakar.simplesite.com/
Websaitikeenya:https://abdiaminbakar.wordpress.com
Websait: https://medium.com/@abdiaminbakar
Guruphii keenya Join godhaa: https://www.facebook.com/groups/abdiaminbakarcnn/?ref=share
Nu duukaa bu’aa nu hordofaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
