GAA’ILA DURA WAL-DHAMDHAMUUN SIRRIIDHAA ??
Nagaa fi Jaalalli Rabbii bakka jirtanitti tokkoo tokkoo keessaniif haa baay’atu.
Faashiinumma akkana kanatti Bultiin, Jireenyi namoota meeqa akka bades hubadhuu,
Na Amana Namni Osoo Fuudhafi Heeruma hin godhatin Alatti(Bakkeetti mana ciisichatti) Qunnamti Saala raawwatan Umrii isaabi guutu wal amananii wajjin hin jiraatan.
Sababni isaatis beekkamadha…..? Akkuma ana wajjin Alatti Ykn Mana Ciisichatti na walin taate/tahe sanii namoota biro wajjinis taati/taha jedhanii waan yaadaniifi?
#Xiyyeeffannoodhaan_Dubbisaa!
☞ Ittoo Malee Namni Hin Dhamdhamamu. ☜
➲ Namni nyaata tokko qopheessu mi’aa yookiin mi’aahuu dhabuu nyaata sanaa kan beeku argee utuu hin ta’in waan hir’ate walmadaalchisuuf dhamdhameeti.

Dur dur gaa’ela dura wal dhamdhamuu dhiisitii ijaan wal arguufiyyuu carraan hin jiru. Haati abbaan mucayyoo kee mucaa kootiif jedhanii abbaan mucaa abbaa mucayyootiin mucayyoo kee mucaa kootiif jedhee qoratee heeyyama guutuu erga argatee booda guyyaan mi’a waadaa (qubeellaa) murtaa’ee wanti hundi qophaa’ee raawwatama.
Sosochii qophii nyaataa fi dhugaatii godhamu mucayyoon isheef ta’uu haa shakkitu malee hin beektu turte.
Guyyaa gaafa qubeellaa(Guduunfa) beekuun waan hin hafneef ni beekti. Guyyaan cidhaas guyyaa qubeellaa booda lakkaa’amee hanga gaafa murtaa’etti kaadhima qaba kaadhima qabdi jedhamee kabajaa fi ofeeggannoon teessee guyyaa qulqullaa’e sana kabajaan ni gahu.
Borumtaa guyyaa cidhaa utuu simbirroon hin wacin oduu gammachiisaa qabatanii kan deebi’an saagoliin mucaa fi maatiin isaa si’aayinaan eegamu.
Aadaan kan walqabatu wantoonni adda addaa kan taasifaman ganamaan mandara hoo’isuun sagalee misiraachoo kun durbaa fi maatii akkasumas fira irra darbee ollaaf kabaja guddaa ture.
Eeyyee kana ture sirni ajaa’ibaa Oromoo fudhatama qabu. Kanaaf har’a har’a ammayyummaa keessa baduun erga muldhachuu jalqabee waggoottan baay’ee lakkoofsiseera.
Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር
➲ Sababni isaa immoo kan hin dhamdhamamne gaa’elaaf gahaa yookiin kan geesse ta’uu isaa/ishee hin mirkaneeffamu kan jedhu, ammayyummaa kan fakkaatu, keessa baduu ofii keenyaa kan goonuus dabalateeti.
Afaan kamiiniyyuu bareessinee yoo dubbanne ‘keessa baduu’ akka kanaa ammayyummaa gochuu hin dandeenyu. Kan keenyaas kan Waaqayyoos miti.
➲ Kan Waaqa yoo taane qulqulluu kan Waaqa taate kan keenya. “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.”
➲ Wal dhamdhamuun malee sagalee eenyuun gochuu kan dandeenyu? Gaa’elaan durawaltuttuqqiin kamiyyuu kan hin heeyyamamnee fi karaa ejjaati. Gaa’elaan dura sin dhamdhamaan kan hundeeffame mana cubbuu fi abaarsaa, gaabbiin kan guutame awwaalcha dhaabbiiti.
➲ Hamminni ejjaa yeroof homaa fakkaachuu baatus oolee bulee ijoollee irratti, maatii akkasumas ollaa fi biyya irratti waldaa jidduutti, fayyaa, nagaa, jaalala, tokkummaa, wal amanuu, dinagdee irratti akkasumas miidhaa diigamuu gaa’elaa qabatee dhufa.
Abdi Amin Bakar/አብዲ አሚን በከር عبد امين بكر
➲ Mootiin Daawwit sababa ejjummaatiin manni isaa du’aan, lolaan akkasumas obboleessi obboleettii waliin ciisuun, ilmi abbaa irratti lola labsuun jeeqamaa kan ture, hammeenya ejjummaa ture. Fak. 9:17-18¹⁷ “Bishaan Aannaa miyaa’aa dha, buddeenni dhoksaatti nyaatamus nama in gammachiisa” in jetti;
¹garuu isaan warri du’an achi akka jiran, warri isheen waamtes iddoo lafa jalaa isa gad fagoo keessa akka jiran isaan hin beekan.Jedha. Kanaaf kan nuuf hin taane ofiif goonee kan gadi nu buusutti ofumaaf gallee badiisaaf harkifamuun ammayyummaa goonee akkamittiin fudhanne?
➥Akka amantaa kamiittu Fuudha fi Heeruma dura Qunnamtii Saalaa, Sagaggalummaa rawwachun Haarama(Dhorgadhaa) Kanafu Wanta Rabbiin keenya yoo dalagne nutti dallanu irra haa fagannuu obboleewwan koo?
Akka Aadaa fi Heerattis gara aadaa boonsaa keenya duriitti, sagalee Waaqaa kan ta’es gaa’ela kabajamaa fi ququllaa’aatti haa deebinun jedha.
Via leadership
https://www.facebook.com/108277194000122/posts/409956340498871/
#Share gochuun waliif dabarsaa.Akkasumas barnoota garagaraa isa darbee fi gara fuulduraa argachuuf page kana ammuma like godhaa! Obboleessa keessan isin jaallatu
