Jechaa fi Abjuu Qamaacaa!
“Itoophiyaan Ni Diigamti!”
Namoonni tokko tokko akka waan itophiyaan hossee bososaan ijaaramteetti “Itoophiyaan diigamte “jedhu . Itoophiyaan Kan ijaaramte hosseedhaan osoo hin taane lafeedhaani.Dhiiga abboota keenyaatu Itoophiyaa itiche!
Warri Abjuu qacaacaa afarsitan nu dhiisaa! Ilaalcha siyaasaatiin hangam gargar taanuus itoophiyaa diiguufis ta’ee Sarbamuu itoophiyaarratti gammachuun lafa dhiituun yarummaadha! Tokko tokkommoo “Ani itoophiyaa miti” jedha! Kunis seenaa uummata oromoo waan qabatamaan beeku miti.
Kaateen hortee kuush eessa akka ta’e ,eessaa akka ka’ee eessatti akka dhaabbatu waan hinbeekneef of gane! Oromoon Kan itoophiyaa hintaane Eenyu Itoophiyaan! Abbootni oromoo biyya kana ijaaruu keessatti, Gaheen isaan qaban laagaan seenaa iyyee ragaa ba’a ! Ashaaraan abboota keenyaa itoophiyaa biyya godhee dhaabuu keessatti iddoo ol Aanaa qaba.
Of ganuun yarummaadha. Kaayyoon keenya Oromoofi Oromiyaa itoophiyaa qabattee gaanfa afrikaa irratti olkaatu arguudha malee , itoophiyummaa ofirraa mulqinee, ilaalcha gadi bu’aa keessa gototamuu miti! Oromoon Itoophiyaan ala , Itoophiyaan Oromoon ala dhaabbatee jiraatu hinjiru! Sodoon xaxamaa jiru garuu ifaadha.
Humni Itoophiyaan diiga jedhu kamuu ofii hunkutaa’a malee Itoophiyaan kabaa irraa hinijaaramne ! Abjuun qacaacaa kun abbuma fakkaatti. Hololli gamaa gamanaa afarfamu kun gola hinaaftotaatii Kan ciinca’udha.
warra fedhii aangoof halkaniif guyyaa mar’atu, warra dantaa dhuunfaaf malee mirga sabaa hin ilaalle! warra ana yoo ta’e malee biyyi kun biyya hin taatu jedhan , warra lagaan qabsaa’uu malee haqaaf qabsaa’uu hin beekne, warra qumaara jal’inaatiin keessisaanii uke! warra uumaafi uummataaf hin abboomamne, Bara baraan siyaasa gadadoo fi boo’icha gurraachan Saba qaqan! Isaan akkasiitu biyyi diigamteettii , Orimomiyaan Mootummaa hin qabdu jedha. Sammuun isaanii duumessa shiraatiin dukkaneeffameera.
Oromoon uukkaamsaa hamaa irratti raawwatamaa ture Shira sirna mootota Abbaa Irree jalaa obbaafateera.Amma Mootummaa ofii isaan filateen bulaa jira. Hooggansa ilma Abbaa gadaatu itoophiyaa bulchaa jira. Takka Ekeraa boollaatti lubbuu godhanii ittiin uummata burjajessuuf yaaluun mo’amuudha. Sadarkaa uummatni Oromoofi itoophiyaa irra gahe hin beekne. Uummanni Abbaa isaaf ta’u tolchee bareera. Si’aachi Paartii kamis haa ta’u , qaamni kamuu uummata kana goyyomseen galaan Gowwummaa Isa dhoqqaa’uuti.
Uummata itoophiyaa waliin uumaatu jira! Humni keessaaf alaan biyya kana diiguuf waixirfatu kamuu ,lammuu akka ol hinkaaneetti ni awwaalama! Kun haqa bor mul’atudha. Irreen hamootaa itoophiyaa hindanda’u. qoromsii fi waraanni hangamii ta’us mul’ataa fi Humna itoophiyaa uukkaamsuuf haamilee hinqabu.
Gudeelchi yeroof nu danqes falaxamee , daaraa ta’uunsaa hin hafu! Baala waraanteen maasii keenya weeraartes walitti dachaafamtee Isa dhumaaf murtoo argatti! Loye galaan nukeessa harka naqaxes gingilfamee toora isaaf Malu qabata! lootee galtuun Wucii wayyaanee fi buchullaan tplf seecca’amanii ni harca’u.
Gulaalliin kana booda geggeeffamu Isa dhumaati! Haafaaf kosora waliin hindeemamu! Saxaxni garee warra diigumsa biyyaa abjootanis ni gubata.
Yeroon Uummatni itoophiyaa “uffee” jedhee boqotu dhiyaateera. Garlameefi gardhabeen ni buqqaati. Kara deemtuuf gadi deemtuun murtee uummata Itoophiyaan ni harcaati!Si’aachi uummanni itoophiyaa boonaa jiraata malee booyaa hinjiraatu! Arrabni siyaasa shiraa arraabu laagaatti oldachaafama. Abjuun gadi galoo qaalaa maseenaakeessatti ukkaamama. Dhiichisni garee dharaa onaadha.
Haloo ! Dhaga’a ! Yaa warra abjuun qacaacaa fi qamaacaa! Itoophiyaan Biyya guddoodha. xiqqoo akka keessaniin hin yaramtu! Itoophiyaan Biyya dhiiga fi lafee abboota keenyaan ijaaramtedha. siyaasa corroqa safaratiin , mul’ata dhoqqee isin laaqamtaniin hin xurooftu!
Alabaan itoophiyaa Bantii addunyaatti ol ni kaafama! Hattuuf gantuutti biyya hin gurgurru! laagaan jal’ootaa moofaa salphinaatiin ni cuqqaalama! Itoophiyaan uummata ishee waliin sodaatamaa, kabajamaa, doonii badhaadhinaa yaabbatteen gaalaana hiyyummaa ni qaxxaamurti! Dhalootaaf missiraachoo gaariitu jira !
Diigumsa lallabuurra ijaaruudhaaf osoo waltumsinee, Wal nyaachuurra osoo waliif nyaannee, waldiinomsuurra osoo araaraaf Wal hawwannee, uumaanis uumatnis Gammachuu qaba. Itoophiyaan akka risaa olkaatee qorumsa ishee mudate gararratti mul’atashee olkaaftee , diinotashee faanashee jalaatti ilaalaa samii badhaadhinaa keessa imalti!
Itoophiyaan Hin Diigamtu!
