Wan qabsooyneef beekuu qabna,
Bakka irraa kaane beeku qabna
Bakka itti deemnu beeku qabna,
Galmi keenya Essa akka tahe beeku qabna
Kayyoo fi mulata keenya beeku qabna.
Namni bakka irra kaane hin beeyne bakka itti deemnu hin beeku,
Nuti saba of dandahe qabsawa ture malee saba of dadhabe Alagaatti hirkatu miti,wanti alagaatti nu irkaachiisu hin jiru,
Nuti saba ballaa of tahee tokkummaan fakeenya biyyaaf tahu male saba bicuu of diiguu miti,
Arra irra dhaabbanne hegeree boruutiis fakkeenyuumma gaarii dhaalchiisu qabna.
Oromoon kaleessa biiyya ijaaruuf qabsawa ture ,arraas biiyya ijaaruuf hojjachaa jiirra,kaleessas wan waliin dhabne qabnaaf qabsawaa turre malee wan irraatti wal dhabne hin qabnu,arraas akkuuma kaleessatti biyya ijaaruuf waliin qabsawu qabna malee wal sakallee ormaaf daboo tahuun saba guddaa kana xiqqeessuu hin qabna.
Kaleessas sabni ballaan kun maliif biyya hin gaggeesiineef qabsawaa turre male abalu masara haa seenuu jeenne miti,
Wan of harka qabnu yoo of harkaatti wallaalle wanti sii harka bahee nuuf hin deebi’u akkuma Eegee fi sheenaan gara boodati jedhamu sanaatti erga of harka baafne sheenawuu osoo hin taane osuuma nu harka jirtu jabafachu qabna.
Ormi nu jalate nuuf yaadeeti miti kan daboo sii olfaatu ,bu’aa Angoo kan beeku daboo sii olfaateeti karaa qaxxamuraan bakka bareetti debi’uuf siitti fayyadama jira atii hoo walalteeti moo maliifi???
Biyyoonni guddaatanis tan biyya teenya ergachaa turte wan tateef biyyii saba guddaa kanaan akka gaggeefamtu of taate jiraattu hin barbadaan ,mee yoo seenaa dabarsiine kan yaadaannu tahe ,biyyoonni dur qamadii nu deggaaraa turaan maliif yoo kan nuuf yaadan tahee qamadii nu gargaru osoo hin taane meshaa qoonnaa,xaa’oo,meshaa jalliisi fi kkf akka omiishnee of dandanyuu maliif meshaale akkasi maliif nu hin gargariin ? Eggaatumma qofa nu barsiisuun akka jilba cabsanne eggaatuumman isaan eggaannu nu godhuun akka kara barbadanitti isaan jalatti gad jeennee jiraannu qofa barbadu, biyyoota Afrika akka of taatee of dandeesse guddaattu hin barbadaan ,bara nuti of taanee jiraachu jalqabneetti duulli wanti cimuuf akka isaaniif sagannuufi,garu ammaan booda qamadiif jeecha birmadduummaa keenya dabarsiine hin keenniinu,kan ethiopiyaa jalatu dandii ethiopiyaan egalte irraatti gargaruudha.