Badhaasa Noobeelii Nagaa: Badhaafamtoota baayyee walfalmisisoo isaan jahan kanaa?
Badhaasni Noobeelii Nagaa bara 1901 irraa kaaseetu kennamuu eegale
Namni Badhaasa Noobeelii Nagaa bara kanaa mo’ate guyyaa har’aa (Jimaataa) himama. Tarii akkuma kanaan dura taateewwan hedduu irratti mudatee, wayi mormii kaasaa laata?
Badhaasni Noobeelii Nagaa kan badhaasawwan jaha saayintistii, daldalaa fi hojii gaarii raawwachuun beekaman, lammii Siwidiin Alfired Noobeeliin hundeeffaman keessaa tokko yoo ta’u, akka kabaja olaanaa addunyaatti ilaalama.
Haata’u malee sababii uumama siyaasa isaatiin, dameewwan hafa shan caalaa yeroo hedduu badhaasni nagaa wal falmisiisaadha.
Isaan keessaayis mo’attoota badhaasichaa hedduu walfalmisiisaniifi badhaasarraa hafuun yaadatamu keessaa jaha kunooti.
Baaraak Obaamaa
Obaamaa wayita bara 2009tti Badhaasa Noobeelii Naga badhaafamu refuu aangorra baatii sagal guuta ture
Pirezidaantiin duraanii US Baaraak Obaamaa bara 2009tti wayita Badhaasa Noobeelii Nagaa mo’ateetti, isuma dabalatee namoonni baayyeen bitaa itti galee ture.
Obaamaan mataasansaa yaadannoo bara 2020 keessatti waan jalqaba badhaasichaaf filatamu wayita dhagaheetti itti dhagahamee akka barreessetti, ”Maaliidhaaf?” jechuun gaafachuu hime.
Inni reefu baatiiwwan sagal qofaaf aangoo irra kan ture waan ta’eef, qeeqxoonni badhaasichaaf ganaa hingeenye jechaa turan. Dhugaattis guyyaan kaadhimamtoonni badhaasichaa itti filataman itti xumuramus Obaamaan ifatti aangosaatiif kakuu raawwatee guyyoota 12 booda ture.
Bara 2015 keessa, daarektarri duraanii Institiyuutii Noobeelii, Geer Lundestad, koreen badhaasichaaf murtee taasisee gaabbuu BBCtti himanii turan.
Baroota aangoo pirezidaanti Obaamaatti humnootii waraanaa Ameerikaa Afgaanistaan, Iraaqi fi Siriyaa keessa turan.
Badhaasni Noobelii Nagaa MM Abiy Ahmad fudhatan akka irraa mulqamuu gaafatame
‘Walleen Sin Jaaladha caalaatti Itoophiyaa beeksisuu danda’a jedheen filadhe’
‘Wantoota ni ta’a jedhamee hin yaadamne dalagan’
Yaaser Araafaat
Murtoon Yaaset Araafaat (bitaarra) bara 1994tti akka badhaafamaa Noobeelii Nagaatti filatamuun koree filu jidduutti qoodiinsa umee ture
Hogganaan Paalestaayin duraanii, MM Israa’eel Yitzhak Raabin fi Ministira Haajaa Alaa Israa’el Shiimoon Perees waliin bara 1994tti ture haaluma Waliigalteewwan Nagaa Oslootti badhaasichi kan kennameef.
Kunis sababii bara 1990’ota keessa waldhabdee Israa’eliifi Paalestinoota jidduu jiruuf abdii furmaataa dhiyeessanii turaniidha.
Murtoon badhaasicha Yaaser Araafaatiin, nama duraan waraana biyyaaleessaa keessatti hirmaannaa qabu badhaasuu, Israa’eeliifi achiin alattilleen qeequmsa kaasee ture.
Dhugaattis, filatamuun Araafaat koreedhuma Noobeelichaa jidduuttilleen wal dhabdee uumee ture.
Miseensa korichaa keessaa tokkoofi nama siyaasaa lammii Noorweey kan tahan Kaare Kristianseen, mormiidhaan koricha gadhiisan.
Aung Saan Suu Kyi
Ejjannoon Aung Saan Suu Kyi rakkina Roohingyaa irratti qabdu badhaasa bara 1991tti argattee akka mulqamtuuf waamichi akka taasifamuuf godhee ture
Namni siyaasaa lammii Barmaa tun bara 1991tti ture badhaasa Noobeelii Nagaa kan badhaafamte. Innis qabsoo nagaa bulchiinsa waraanaa Myaanimar keessaa irratti taasifteef kan kennamef ture.
Haata’u malee waggoota 20 booda, Aung San Suu Kyi ajjeechaa jumlaa fi sarbama mirgoota namoomaa ummata Islaamaa Rohingyaa biyya ishee keessatti raawwatame irratti ifatti dubbachuu didde.
Gochaan gara jabinaa Rohingyaa irratti raawwates UNn ‘duguggaa sanyii’ jedhameera.
Akkasumas badhaasa argatte akka deebiiftuuf waamichi taasifamee ture. Haata’u malee seerrin Badhaasota Noobeelii sana gochuuf hin hayyamu.
Abiy Ahimad
Ministirri Mumme Itoophiyaa Abiya Ahimad bara 200tti badhaasicha fudhatan

Sadaasa 2020 keessa, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, waldhabdee barootaaf biyyattiin ollaashee Eritraa waliin qabaachaa turte furuusaatiin Badhaasni Nagaa kennameef.
Garuu waggaadhuma sana yeroo muraasaan booda, sun murtee sirrii ta’usaarratti gaaffiiwwan ka’uu eegalan.
Hawaasni idil-addunyaa Abiy Ahimad waraanaa kaaba biyyattii Tigraay keessatti bobbaasuu isaatiin komataa jiru.
Waraanni achitti gaggeeffames kumaatama lubbuu kan balleesse yoo ta’u, dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanis haalichaan ”badiinsa qalbii nama cabsu” jedheeniira.
Waangari Maathayi
Waangaari Maathaayi ilaalcha madda HIV irratti qabduun komatamti
Roogeettiin lammii Keenyaa bara 2004 keessaa dubartii Afrikaa jalqabaa Badhaasa Noobeelii argatte taatee turte.
Haata’u malee leellisni isheen qabaachaa turte erga HIV/AIDS ilaalchisuun yaada kenniteen booda qeequmsi irratti ka’ee ture.
Waangaari Maathaayi vaayirasiin HIV akka meeshaa waraanaatti ummata gurraacha balleessuuf kan namni tolcheedha jette.
Haata’u malee yaada ishee kanaaf ragaa saayinasaawaa hinqabdu ture.
Henarii Kissinger
Henary Kissinger (mirga) fi Le Duc Tho (kan harka ol kaasan) bara 1973tti badhaasa Noobeelii waliin kennameefi ture
Bara 1973 keessa, Ministirri Dhimma Alaa US Henarii Kissinger Badhaasa Nagaa argatan.
Nama imaammata alaa Ameerikaa baayyee walfalmisiisaa, kan akka icciitiidhaan Kaamboodiyaa boombii haleeluurratti duula gaggeessuu fi Ameerikaa Kibbaa keessatti bulchiinsa waraanaa ummata fixuuf deeggaruu, keessatti hirmaannaa qabuuf badhaasa kennuun, baayyee komii kaasee ture.
Kissingar gahee Waraana Veetinaam dhaabsiisuuf waliigaltee keessatti bahaniif, badhaasicha Hogganaa Kaaba Veetinaam Le Duc Tho waliin kennameef ture.
Kana mormuunis miseensoonni Koree Noobeelii lama hojii kan gadhiisan yoo ta’u, New York Times mataansaa oduu badhaasichaatii Badhaasa Noobeelii Waraanaa jechuun gabaase ture.
Gaandii harka duwwaa
MADD
Gaandiin tarree badhaafamtoota Badhaasa Noobeelii Nagaa hin fudhatiin hafan keessaa tokko
Badhaasni Noobeelii kunis taateewwan osoo hin argamiin hafuu muraasaan beekama.
Ramaddii Nagaatiin, tarii osoo hin dhaqiin hafuun baayyee bahanii kan mul’atan Mahaatma Gaandiidha.
Namni siyaasaa lammii Indiyaa warraaqsa hokkora-maleessa jaarraa 20ffaa keessa fakkeenya ta’an kun, yeroo baayyee filataman illeen, gonkumaa badhaasicha hin fudhanne.
Bara 2006 keessa pirezidantii koree namoota Badhaasa Nagaa mo’atan filatuu kan ture hayyuun Seenaa Gaayir Lundestaand, milkaa’inan Gaandii beekamtii dhowwachuun seenaa Noobeelii keessatti waan dagatame guddaadha jedhe.
