Ni Dhuftaaree Laata?
Abdii goge jiistee
Gorsaan na utubdee
Hamii orma itti dhiistee
Hamaa ofkeessaa gubdee
Jaalala hin moofofneen
Onneekoo wallaantee
Dhiigakoo naan jettee
Ofitti na waamtee
Nukeessatti hafee
Oolmaan waliif oolle
Iccitii gurguddaa
Kankeetiif kankoollee
Hamajaajii ormaa
Nu diiguuf garmaamu
Anaan sitti hadheessee
Olkaasee siwaamu
Diina nu gowwoomsee
Siin natti hamatu
Lamaan keenya sobee
Boolla nutti qotu
Bartee haqa haqame
Seenaa keenya hatame
Jaalala jibbame
Jibba jaallatame
Kan nu cabse gufuun
Hundeedhaan buqqa’ee
Wal hubachuu keenyaan
Hamtuun golgolaa’ee
Ni dhuftaaree laata?
Deebitee manakee
An dheebochaan jira
Kunoo jaalalakee!


