Design a site like this with WordPress.com
Get started

Abiy Ahmed Ali

“Seenaan yeroo hundaa warren dhugaaf dhaabbatanitti gammaddi…  Anis, dhugaan biyya kootti akka gammaddu shakkii hin qabu: MM Abiy Ahmed Ali

Guutuu xalayaa banaa Pirezidant Jooseef R. Baayidan Juniyeriif

Jaalatamoo Prezidanti,

Yeroon xalayaa kana isinii ergu kanatti, lammiileen koo nagaan, dubartooti  fi daa’imman kumaatamatti lakkaawaman, namootaa miidhamaaf saaxilaman gara biro dabalatee, Naannoo Affaarii fi Naannoo Amaaraa keessatti sababa TPLF humnaan qe’ee isaanirra buqqa’anii, jireenyi jaraa burjaajjaa’ee, firoonni jaraa ajjefamanii, qabeenyii fi jaarmiyaleen jaraa kan tajaajila kennan akka feeteen barbadaa’aniiru.

Xalayaa kana kan ani isinii barreessu yero dhaabbatni dhiyootti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa keenyaan ‘Shororkeessaa” jedhamee moggaafame, daa’imman keenya Tigiraay jiran irbaata rasaasaa akka ta’niif dhimma itti ba’aa jirutti.  Daa’imman kun jireenya maatii-guudistuu jaraa irraa adda ta’e jiraachuuf abdachaa turan, jireenyi maatii jaraa kan  soda waraana bara Dargii fi waraana daangaa bara kudha-sagal-sagaltamoota keessa Eertiraa waliin geggeeffameen  marfamee ture. 

Hiriyoonni jaraa bakka biro jiran yero itti barnoota jaraaf qo’atanii jiraachaa jiranitti, daa’imman keenya Tigiraay jiran humna shororkeessaa Sadaasaa 3, bara 2020 ALF mootummaa irratti haleellaa raawwateen qabamanii rakkoo adda addaatiif xaaxilamaa jiru.  Daa’imman akka loltuutti itti fayyaadamuu fi lola keessatti akka hirmaatan taasisuun seeraa addunyaa can cabsu ta’us, humni shororkeessa TPLF kun daa’immanii fi namoota nagaa fayyadamuun weeraara isaa mamii-tokko malee itti fufeera.  Yeroo hawaasni addunyaa dhageetti dhowwateen kanatti, boo’ichi daa’immanii fi dubartootaa naannoolee Affaarii fi Amaaraatti qe’ee isaani irraa buqqa’anii harka TPLF keessatti dhiphachaa jiran cimee itti fufeera.

Hawaasni addunyaa sababoota sirri hin taane maraan goyyomanii ija jaraa gara Itoophiyaatti deebisanis, akkuma mootummaa Itoophiyaa adabaa jiran garee shororkeessaa kanas ifaa fi ija-jabinaan ifachuu osoo hin danda’in hafaniiru.  Nannawaa kana tasgabeessuu fi rakkoo guddaa TPLF uumee keessattiillee gaaga’ama namooma uumameef deebiii kennuuf ifaajjii hedduu mootummaan Itoophiyaa taasise karaa sirrii hin taaneen dhiyaachaa tureera.  Biyya addunyaa guddachaa jirtu kana irratti, biyya guddachuuf  dandeettii guddaa qabdu kana irratti   dhiibbaan hin mallee fi sirrii hin taane  ji’oottan darbaniif dabalaa dhufeera.   Dhiibban hin malle kun kan fakkeessaa of keessa qabuu fi opireeshinii olaantummaa seeraa  kabachiisuuf Naannoo Tigiraayitti taasifameen wal qabatee taateewwan fi dhugaa lafa irra jiru  micciiranii dhiyeessuun  geggeeffamaa jira.  Akka michuu fi tumsituu tarsimawaa Itoophiyaa tokkootti, tarsiimoon Yuunazitid Steet biyya koo irratti adeemsistu kun akka tasaa uumamuun isaa kan nu dinqe qofa ta’ee hin hafne; dhimmi kun yaaddoo mirga namoomaa jiru  ibsuuf yaalii taasifamuun gamatti dhimma  kaayyeeffatee aggaamuuf  gara bira akka qabu ifa. 

Waggoottan 30 darbaniif, Itoophiyanonni gola hunda keessa jiran bulchiinsa TPLF jalatti sarbamuuun mirga dhala namaa fi mirga dimokiraasi irra ga’aa tureera.  Alaabaa Itoophiyaa jalatti enyummaalee gara garaa  jiranitti maa’ii ba’uun, murni yartuun kun aangoo siyaasaa qabuun, namoota yartuu itti dhiyaatan fayyaduun,  lammiilee miliyoona hedduu, uummata Tigiraayin dabalatee, garuu  mankaraarsaa tureera.  Ukkaamsaa namoota ilaalchaa siyaasa adda ta’e qaban, sarbamuu mirga dhala namaa ija-baase, buqqa’uuu lammiilee, ukkaamamuu mirga dimokiraasi, fi jaarmiyaalee fi dhaabbilee  mootummaa  murna xiqqoo kana guddisuuf yeroo itti fayyadamaa ture, inumaayyu  biyya lammiilee miliyoonota hedduu qabu kana keessatti  itti gaafatamummaa malee waggoottan 27 darbaniif kana yeroo taasisaa ture,  biyyoota Dhihaa biratti, USAn dabalatee, dhiibban hagas jedhamuu irra ga’aa hin turre. 

ALF bara 2015 –  2018ti, Itoophiyaanonni dammaqanii ka’anii, TPLFn mormii uummataatiin aangoo irraa buusuun jaraa  lammiileen biyyattii miliyoonaatti  lakkaawaman  murna Itoophiyaanota cunqursee fi lammiilee keenya mirgaa fi aangoo dhabsiisee  kana ofirra buusuuf ejjannoo qaban mul’iseera.   Siyaasa keessatti lubbuun turuu  jedhee shirri TPLF saba tokko saba biraan walitti buusuun  xaxu,  yeroo bulchiinsi ani hoogganu ALA bara 2018 aangotti dhufe raawwate hin badne.  Inumaayyuu bifa  jijjiirratee, haalaanis babal’atee, garee rakkoof saaxilame of fakkeessee, kara biraan ammo humnoota biyya keenya tasgabbii dhowwan qarshiin deeggaraa achi asi ba’e.

Humni badii kun hololaan adda duree dha; qaamota mirga namoomaa  fi dimokiraasii idil-addunnyaa akka isaa tolutti fayyadamuun, waan miidhame of fakkeessee boo’a. Karaa biroon ammoo ergama  biyya seenaa baroota 3000 oli qabdu kana balleessuuf qabu galmaan ga’uuf  wanti murni kun hin  goone hin jiru.  Abjuun duwwaan kun dhugoomu yoo hin dandeenyellee, barri raafamaa Itoophiyaan amma keessa jirtu kun maqaa gargaarsa namoomaa fi dimokiraasii dagaagsuutiin,  qopheessitoota tarsiimoo fi jarmiyaalee idil-addunyaa biyyoota Dhihaatiin “Ishoo” jedhamuu isaa seenaan galmeesse ol kaawwata.

Uummatni koo hawwii dimokiraasi qaburraa ka’uuni fi haala kanaan dura seenaa Itoophiyaa keessatti uumamee hin beekneen, uummatni miliyoona 40ti dhiyaatu  ALF Caamsaa 21, bara 2021 filannoo taasisuuf manaa ba’ee filateera, yaaliin filannoo kana filannoo bilisaa fi haqa-qabeessa  gochuu yeroo jalqabaatiif  taasifame. Filannoo marsaa 6ffaa kun rakkoolee fi gufuuleen adda addaa haa quunnamuun malee, murannoon Itoophiyaanonni adeemsa dimokiraasiif qaban kutannoo  jarri filannoo naga-qabeessaa geggeessuuf taasisanin  ibsameera.  Filannoolee kanaan dura keessati, sagaleen uummataa bulchiinsa motummaa duraatiin hatamaa yeroo turetti,  Filannoon bara 2021 faana adeemsa jijjiiramaa waggoottan sadii dura jalqabame hordofee dhufe.  Bu’aa guddaan filannoo bara 2021 (ALF) karaa naga-qabeessa ta’een raawwachuu isaati. Kun ammo, utuu addunyaan filannoon kun walitti bu’iinsa fida jedhee yaadda’uu nagaan raawwachuun isaa, karaa-haarayaa Itoophiyaan irra adeemuu jalqabde nutti agarsiisa. 

Itoophiyaanonni amantaa Paartii Badhaadhinaa irraa qaban,  paartiin kun Itoophiyaa waggoottan shanan dhufuuf akka biyya hoogganu filannoo sagalee guddaan nuu kenneen  murteessaniiru. Paartii fi bulchiinsi ani hoogganu itti gaafatamummaa haaraa itti kennameen misooma madaalawaa fiduuf dandeetti biyyi kun qabdu hojii qabataammaatti jijjiiruuf  caalatti murannoon ka’eera. Karaa qabnu maraa fi dantaa wal-morkaa fi  dhiibbaa gara garaaf osoo hin jilbeenfatin,  kabaja, tasgabbii fi misoomaa uummata keenyaaf malu kennuuf caalatti xiiqiidhaan murteeffanneerra. Kana kan goonu humnoota badii dimokiraasii fi tasgabbii keenya miidhu barbaadan dura dhaabachuun ta’a. 

Qaaxxeen nageenya biyyoolessaa, nageenya nannoo fi nageenya addunyaa irra ga’uu malu dantaa USAf dhiimma barbaachisaa ta’ee kan itti fufu ta’us, bulchiinsi keessan TPLF irratti ejjannoo cimaa fudhachuu dhabuun isaa maaliif akka ta’e ammayyuu deebii hin arganne. TPLF jaarmiyaadhuma biyya keessaniitiin—USA Homeland Security—  sababa sosochii hokkaraa baroota 1980 keessa geggeessaa tureen akka gartuu shororkeessaa sadarkaa sadaffaa (Tier 3)ti galmaa’uun isaa ni yaadatama.  Akkanumas hoggantonni biyya keessanii isin dura turan walitti fufiinsaan sadarkaa idil-addunyaatti shororkeessitoota irratti duula geggeessa turan, bulchiinsi ani hoogganus Itoophiyaanota mirga nagaa, misoomaa fi badhaadhina uumataa dheebotanii fi beela’ani wajjin, humna shororkeessaa nageenya biyyoolessaa fi Gaanfa Afriikaatiif balaa ta’e kana irratti duula  adeemsisaa jira. Itoophiyaan lola USA garee Shororkeessa Al-Shabaab irratti Gaanfa Afriikaatti  geggeessitu keessatti michuu jabduu USA taatee as geesseeti.   Yeroo humni shororkeessaa akka Al-shabab jiruuf fi diinummaan tasgabbii fi nageenya biyya keenyaa fi naannawaa Gaanfa Afriikaa balaaf saaxiluf hojatu kanatti, USA akka nu waliin dhaabbattu irra eegna. 

Jaalamoo Pirezidaant,
Uummatni Ameeriikaa kan haalduree dimokiraasii jalatti giddu seentummaa idil-addunyaa USA deeggare, biyyi hiyyeettiin garuu kan aadaan, seenaa fi qabeeya uumamaan duroomte kun waggaa sadan darban kanatti daandii dimokiraasii irra adeemuu jalqabuu yoo beekani, gaaffii of gaafachuun jaraa hin oolu ta’a.  Haa ta’u malee uummatni Ameerikaa fi addunyaan Dhihaa kanneen hafan,   gabaasa, seenessuu fi micciirraa-daataa qaamota idil-addunyaa, kan  biyyoota hiyyeeyyii akka keenya kana gargaaru jedhamanii amanamaniin, doggoggoraa jiru. Qaamoleen idil addunyaa kun garuu seenessuu gartokkee hordofuuni  fi walitti-hidhamiinsa  qarshiitiin  saaxilamtoota-rakkoo akka cunqursitootaatti, cunqursitoota ammo akko saaxilamtoota rakkoottii dhiyeessa turan.  Seenaan yeroo hundaa warren dhugaaf dhaabbatanitti gammaddi.  Anis, dhugaan biyya boontuu Itoophiya kanatti akka gammaddu shakkii hin qabu. 

Itoophiyanonni fi Afrikaanonni hedduun yeroo isin jalqaba waggaa (faranjootaa) kanatti  Pirezidanti USA taatanii filatamtan  abdii guddaan eegaa turan.  Abdiin kun walitti dhufeenyii haaraa Afriikaa fi Ameerikaa bara 2021ti carraa haaraa saaqa yaadama jedhu irratti kan hundaa’e ture.  Barri aangoo keessannis kabaja birmadummaa biyyoota Afriikaaf, michummaa misooma waloo irratti hundaa’ee  fi oobdii-dubbii gadi fageenyaan xiinxalu fida abdi jedhu irrati hundaa’e. Afrikaanonni  cancala koloniyaalizimii jalqaba baroota 1950 jalbabanii kutuun jalqaban, har’as hidhaa koloniyaalizimii haaraa (Neocolonialism) keessaa ba’uuf qabsaa’a akka jiran karaa dhokataa fi dhokataa in ta’in hedduun mul’ataa jira.  Harqoota koloniyalizimii jalaa osoo hin seenis haftus,  Itoophiyaan amma dhalfata-haaraa kolonialiyimii jalatti rakkachaa jirti.  Akka biyya Dhaabbata Mootummoota  Gamtoomanii fi Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa (Amma Tokkummaa Afriika jedhamu) warra hundeessan keessaa tokkootti,  Itoophiyaan ilmaan ishee qaqqaalii fi obboleewwan Afriikaa kanneen biro waliin rakkoo amma nu mudate kana murannoo fi kutannoo amala biyya kanaa ta’een dura ni dhaabbatti.

Biyyootiin akka Itoophiyaa guddachaa jiran,  tarsiimoo haajaa alaa USA inni haaraan, dhiibbaa namoota dantaa dhuunfaa  jaraa siyaasa biyyoota biro keessa cuubani irra dhufu irraa bilisa ni ta’a jennee eegaa turre.  Tarsiimoon haajaa alaa kun tumtoota tarsiimoo tokko tokko  fi hiriyummaa namootiin  dhuunfaa   garee  akka TPLF fi gareelee loobii  seenessa-micciiramaa fayyadaman (lobby groups) waliin qabaniin  dhiibbaa ga’u irratti hundeeffamanii murte murteessuu  irraa ni walabooma  jennee eegnee turre.   Murteelee hatattamaa bulchiinsonni USA garagaraa taasisan booda  rakkoole dhufan agarreera, murteeleen kun rakkoolee hiikuu caalatti  uummata addunyaa hedduu haala abdi kutaachisaa keessa yeroo galchan agarreera. https://www.facebook.com/108277194000122/posts/394959235331915/

Asitti, Itoophiyaan dhiibbaa namoota dhuunfaa aangoo jabeefachuuf jecha  jireenya uuumataa miliyoonaan lakkaawamu gaaga’aniin xaxamamte  akka hin jilbeenfanne himuun barbaachisaa dha. Eenyummaan akka Itoophiyaa fi akka Afriikaati qabnu, kun akka ni irratti ta’u ni hin eyyamu. Qaaniin akaakileen keenya ardii kana keessatti baroota hedduuf argaa turan, biyya qalamni walabummaa magariisaa, keelloo (warqee) fi dimaan lammiilee hedduu bilisummaaf akka qabsa’an kakaase kana keessatti deebi’e hin mirgisu.

Waaqni Itoophiyaa fi uummattoota ishee haa eebbisu
Fulbaana 17, 2021 (ALF)
MM Abiyyi Ahimad

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: