Design a site like this with WordPress.com
Get started

Seenaa Titissa(Titichaa) Seenaa Bareeddu tana obsan Dubbisa

#Seenaa_Tiitichaa

Bara durii dur, tiitichi akkuma kanniisaatti, mootii qabaachuudhaan soorataa isaa gamtaadhaan nadhii deyma  oomishachaa akka turan himama. Akkuma kanniisaatti, iddoo kabajaa biqiltuuleefi daraaraalee halluulee miidhagoo, fooliilee haawwatoo adda addaa qaban  keessa akka oolaa turan himama.

Diina isaanii gamtaan itti duuluudhaan of kabachiisaa turan. Oomisha deyma isaanii soorataafi qorichaaf waan fayyadamaniif bineensotaafi beeyladoota adda addaa, akkasumaas dhalla namaa biratti kabaja ol aanaadha qabaachaati turan.

Sonsi jiruufi jireenya tiitichaatiifi kanniisaatti waan hinaafaniif, mootii isaanii akka ajjeesaniifi bittinnaa’anii hafan taasisuudhaaf, tiitichaafi kanniisa bira deemuudhaan ” nuti sonsi waan mootii hin qabneef  akkuma ofiin feenetti dhunfa dhunfaadhaan bilisummaan jiraanna. Isin garuu mootiin keessan boqonnaa fudhachuu isinitti hin dhiisu.

Demma isin hojjattan inni osoo hin hojjanne nyaata. Kanaafuu, akka keenyatti bilisummaan jiraachuudhaaf mootii keessan ajjeesuudha qabdan” jechuun isaan gorsite ja’ama.

Kanniisni yoo mootii keenya ajjeefne bittinnoofneeti salphanna. Kanaafuu, mootii keenya hin ajjeefnu jechuun murteeffatanii, hanga ammaa jiruu isaanii tan kabajaa jiraachaa jiran.
Tiitichi ammoo, yoo mootii keenya ajjeefne maaltu nu mudachuu danda’a ja’anii osoo itti hin yaadin mootii isaanii ajjeesan.

Sana booda gamtaan jiraachuun hafee, bittinnaa’anii hafuudhaan tuffataman. Sooratni isaanii deyma tahuun hafee, xuraawaafi raqatti booda aanan. Iddoon oolmaya isaanii iddoo kabajaa tahuun hafee, dikeefi ijaan iddoo jiruufi jireenya isaanii ta’e hafe.

Madda qoricha dhibee adda addaa tahuun isaanii hafee, madda dhibee adda addaa tahuudhaan jibbaafi abaarsi qooda isaanii tahuudhaan salphatanii hafan ja’ama.

Kanaafuu, nama ta’ee, namni hogganaa isaa hin jaalanne, hin kabanyeefi waliin hin dhaabbanne, nama osoo hin ta’in, tiiticha waan ta’eef, qoonni inni qabu qooda tiitichaa tahu qabaan ja’a.
Isin hoo maal jettuu?

Published by abdiaminbakhar

Hin yaaddawin !! Rabbiin kee waan siif tolu si caalaa beeka, Waan siif tolu, yeroo siif tolurratti siif Qophessee jirati hin yaaddawin. A.A.B Paypal:https://paypal.me/AbdiAminBakhar?country.x=SA&locale.x=en_US

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: